Haaraan haaruma ta’uu qaba

Akkamiifi attamitti jirtu. Torban gaarii dabarsinee akka walitti deebine nan abdadha. Jirtuu garuu? Sa’aa namni alaa manni, maatii waatiin isiniif nagumaa? Bara eengaddaa nagaa dhaammannee bara haaraatti onnee haaraadhaan akka walarginu hawwaa akka turre niyaadattu.

Garuumee onneedhumti haaraan kun akkamumatti nuuf uumamuu danda’aa? Baruma baraan karoorfannee kan nuuf milkaa’uu dadhabne keessaa tokko onnee haaraa qabaachuu ture. Onnee haaraa… dheengadda akkum bar’een yommuun hirribaa ka’u waanuman bara dheengaddaafi baroota sanaan duraa argaa turetu naqunname.

Wantoonni baroota darban keessatti ta’aa turan osoo bara kanaafi baroota dhufuuf deeman keessatti irra deddeebi’amuu baatanii jedhee yaadaa turetu bariidhuma bara haaraa kanatti namudate. Maalinni?

Inni duraa guyyaa ayyaanaa malee guyyoota dhufan keessatti nyaatamuufi dhugamuu kan ittisamu itti fakkaatee ummanni keenya qisaasama guddaaf saaxilamuusaati. Baruma baraan namni waan baratee bira darbuu dadhabeedha. Anillee waanin hiyyeessa ta’eef waanuma xiqqoo tokkoonin ‘shawwadee’ bira darba malee warri anarra xiqqoo fooyyee qaban wanti isaan raawwatan yeroo tokko tokko waanun dhala namaarraa hineegamne.

Hindaaqqoon qalamee, hoolaanis niqalama, hoolaan qalame jedhamee foon qircaaa hirmaachuu hindhiisan. Sanirraan daabboon ni tolfama. Kunniin hundi ta’ee namni baga geessanii walwaama waan ta’eef mana namaa yommuu deemmamu harka duwwaa hindeemamu waan ta’eef keekiis ta’ee wanti nyaatamu kan biraa qabamee nideemama.

Kana yaadatti nama qabatuuf qisaasama guddaadha. Namni gaafasuma nyaata, gaafasuma dhuga, gaafasuma dhukkubsata, gaafasuma mana yaalaa deemee mana yaalaatiifis horii guddaa baasee fayyummaasaa deeffata.

Waan hunda caalaa kan na’aarsu warruma hambaa isaaniillee qulqullinaan qabanii hiyyeessaaf hinlaanne. Osoollee waan nurraa hafe kana akka warra harka qal’eeyyiif ta’utti qulqullinaa qabnee maal qaba? Nyaata nurraa hafu akkuma jiruun balfa wajjin ganna. Qisaasamni kana caalu jiraa garuu? Yaa ofittummaa keenya! Ofii quufnaan namni kan beela’u nutti hin fakkaatu. Ofii deeffannaan namnis akkuma keenya kan bokokee rakkatu nutti fakkaata.

Bara ijoollummaakoo mucaa ilma wasiilakoo tokkotu (ammallee nama guddaa ta’ee luba waldaa amantootaa warra Ortodoksii tokko bulchu ta’eera) barumsa amantii cimsannaa barachuuf gara biyya tokkoo deemuuf biyyaa haadhaafi abbaasaa jalaa badee deema.

Abbaansaa nama kabajamaafi qabeenya gaarii qabu akkasumas immoo ijoollee 12 qabu keessaa baay’eesaanii barsiifateedha. Maatii jireenya qananii jiraachaa turaniifi lafa qonnaa babal’aa qabu ture. Egaa gurbaan yerosii qeesiin ammaa kun gara biyya karoorfatee san deemuuf sabbata haadhasaarraayis gumbii abbaasaarraayis hamma ta’e bubbutatee badee deema.

Namni kun yeroo sanitti nama takkaa gara magaalaa guddaa deemee hinbeekne ture. Barumsa amantii malee barumsa hammayyaa waan tokko hinbaranne ture. Egaa akkuma biyya karoorfate san deemeen biyyi inni deeme sun biyya inni itti dhalatee guddaterraa afaaniinis aadaadhaanis gargari.

Akkuma deemeen maallaqaafi galaa biyyasaatii fudhatee deeme san hiriyootasaatiif qoodee osoo nyaatanii jalaa dhuma. Egaa ofii qoodeefii kan nyaachisaa ture michoonnisaa sun aadaasaaniitiin barataan kadhatee nyaachuu akka danda’u waan beekaniif yeroo barumsarraa bahan bahanii waan nyaatan kadhatanii gara barumsasaaniitti deebi’u.

Namni ani amma waa’eesaa barreessaa jiru kun immoo muuxannoo akkasii waan hinqabneef daran rakkate. Kadhachuuf aadaa akkasii keessa hindabarre. Dhugaa dubbachuuf sanyiidhumasaa keessattuu namni barumsa amantii barate hinjiru waan ta’eef sanyii keenya keessaa qeesii isa jalqabaa ture.

Kan jarri kadhatee dhufe isaan wajjin nyaachuuf maal naan jedhuu (hennatu) isa qaba waan ta’eef yeroo isaan nyaataaf qophaa’an isaan dhiisee biraa deemee muka wayii jala taa’ee akka dabarsuufi guyyoota tokko tokkommoo warra moloksoota bira deemee shuummoo/ mulluu isaan wajjin akka nyaachaa ture natti himeera.

Namni kun jireenya akkasii kanatti baruu waan hindandeenyeef gara biyya abbaasaatti deebi’uuf murteessee imalasaa gara Finfinnee jalqabe. Yeroo sanatti maallaqa ittiin gara Finfinnee dhufu waan hinqabneef konkolaataa fe’umsaa shaqaxa geessee gara Finfinnee deebi’aa ture tokko kadhatee gubbaatti fe’amee dhufa.

Shufeeriin Waaqni isa eebbise nyaata biteefii qarshii shan harkatti kenneefii naannoo Agamsaa (Atobis Taraatti) busee carraa gaarii hawweefii biraa deeme. Yeroonsaa akkuma amma kana barri haaraan kan itti simatamu ture. Akka inni yeroo san natti himetti manni guyyaatti shilingii kafalanii bulan jira ture. Haati mana kanaa ganamaan kaatee warra manashee kireeffatanii bulan kaastee manashee qulqulleessitee buna danfistee, ollaashee waamtee waan ayyaanaaf qopheeffatte wajjin qasa’aa nyaachaa dhugaa ayyaanicha yommuu kabajan mucaan kun balbala dura taa’ee gorara afaan guutaa imimmaan imimmaanessaa haadhaafi abbaasaa akka yaadaa ture natti hime. Kana yommuun jedhu nama hundaatu hamaadha jechuukoo osoo hinta’in namoota biroo yaadachuurratti dadhaboota jechumaafi.

Qeeqnikoo kan biraa yeroo ayyaanaaf malee uffachuun kan hindanda’amne nutti fakkaatee ayyaanni yommuu gahu baasiin uffataaf bahus waan salphaa miti. Osoollee uffatuma gosa muraasasaa binnee dhiisneehoo? Uffanni aadaa bitamuun dirqama ta’a jedheen amana.

Uffanni aadaa bitamee kun osoo xiqqoo tursiifameehoo? Sanirraan warri daa’imman qabu baasiiwwan dirqamaa kan hafuu hinqabne kanneen akka meeshaalee barumsaaf ta’an, unifoormiiwwan, baasiiwwan mana barumsaatiif bahan kanniin osoo qabaniiyyuu baasiiwwan armaan olitti ayyaana waggaa ilaalchisuudhaan bahaniif saaxilamu.

Bara haaraatti baruma baraan onnee haaraafi yaada haaraardhaan birraa bariisifanna jennee yoo hawwinu wantoonni yaadaafi hawwii keenyatti cilee dibanii kan karoorfanne hunda saa bishaashessee bara haaraa osoo hinjalqabin kan bara moofaa nujalaa goodhan danuudha.

Osoo haasofnuu ‘hiriira’ boruu kanaaf qophooftanii? Egaa kana kana onnee keenyatti kan cilaattii dibu. Onnee jaalalaa hammeessee kan gadoofi gadadoo uumu. Kan onnee hunda hammatu kana ofirraa dhiibuu barsiisu… onnee waan qabnu walii qoodnee wajjin nyaannee dhugna jennuun kana kan gara onnee ofittummaafi of tuulummaatti jijjiiru.

Onnee walqixxummaa yaadu kana kan gara onnee ani caalaa ani eenyuu gadiin jiraatti jijjiiru. Isa kanakaa namoonni walqixxummaatti amananii yommuu waan sabaaf tolu yaadanii wantii gaarii qofti akka hojjetamuuf karoorfatan akka hojiirra hinoolleef danqaraa sibiilaa ta’anii gufachiisaa jiraatan.

Eeyyee warroota akkasii kanatu kaleessa malee har’a yaaduu dhiisuudhaan kan bara haaraa keenya akka dulloomuuf hojjetan. Barri haaraan kun bara wantoonni akkasii itti fashalaa’an akka ta’aniif Waaqa keenya kadhanna.

Torban torban hoosee isiniif haata’u jechaa yaada qabdan karaa email kelbemeg@gmail.com naaf barreessuu dandeessu.

Barichi haaraa ta’ee akka ittifufuuf hojii guyyuu keenya karooraan haa raawwannu.

Qalbeessaa Magarsaa: Barnoota Gaazexessummaatiin maastarsii qaba. Barreessaa, Daarektaraafi Piroodiwusarii diraamaati.
kelbemeg@gmail.com

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

4 Comments to “Haaraan haaruma ta’uu qaba”

  1. Pingback: ai ดูดวง
  2. Pingback: naga356
  3. Pingback: tải sunwin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *