Kamisa dheengaddaa, bara haaraa, 2012 tokko jennee jalqabneerra. Baga bara haaraan isin gahe. Bara haara wajjin walqabsiisee torban tare waa barreesseen ture. Yaadni koo sun akkuma jirutti ta’eeti kanan hawwii bara haaraa isiniif dhaamu. Sababiinsaa haala kamiinuu lakkoofnu marsaa yeroo keessatti waggaa haarofti ni dhufaa, ni darba.
Itti ammannus dhiisnus Fulbaanni tokko jalqabbii waggaa haaraati-Itoophiyaaf. Yoo Waaqayyo Guddichi jedhe, isa jalatti warri Bariisaa yoo naaf eeyyaman bara kanas, 2012, waliin dabarsina jedheen yaada. Kanaaf anillee waan baraafi fedhii ummata keenyaa waliin deemu yaada koo isiniifan qooda jedheen yaada-ilaalcha bilisa koo.
Kanaaf bara milkii waliif hawwaa anillee bara haaraarratti waan xiqqoo jechuun barbaada.
Barri kun, 2012, bara waan hedduu itti dhageenyuufi bara murtoo gurguddaan itti fudhataman amantaa jedhun qaba. Akkamitti? jechuu dandeessu. Ati qaalluudhaa kan raagdu? jettanii gaafachuunis mirga keessani. Ani garuu waan natti mul’atu nan kaasa.
Barri 2012 akka biyyaatti bara carraafi sodaa guddaan itti uumamuudha. Yoo sabaafi sablammiin biyyattii haalaan itti fayyadaman bara carraan biyya kanaa milkaa’uufi ifuudha. Taateewwan hedduun fuulduratti waan dhufaniif ummanni obsa godhatee yoo taateewwan kanneen karaa qajeelloo qabsiifate carraan kun kan milkaa’uu danda’u. Yoo taateewwan uumaman ummanni haalaan qabuufi itti fayyadamuu baate garuu biyyattiin gara hintaanetti deemuu daandeessi. Kunimoo sodaa guddaadha.
Hundumaa, carraas- sodaas, walbira qabanii ilaaluun gaarii ta’a. Ganamaan itti yaaduufillee nama gargaara.
Waan guddaa tokkoon haa jalqabu. Bara 2012 filannoon biyyoolessaa ni adeemsisama. Kana mootummaan ifatti himeera. Filannoo kanaan bakka bu’oonni ummataa ni filatamu- sadarkaa biyyaatti, sadarkaa naannootti, sadarkaa aanaatti, akkasumas sadarkaa magaalaa Finfinneefi Dirre Dhawaatti. Filannoofi carraa biyyaa maaltu walitti guduunfa? Filannoon akkamitti madda sodaa ta’a? deebiinsaa ifaa natti fakkaata.
Filannoo kanarratti jaarmiyaalee siyaasaa meeqatu hirmaata? yoo jettan an hinbeeku. Isinillee waan beektan natti hinfakkaatu. Biyyattiin ‘Qabeenya’ jaarmiyaalee siyaasatiin tokkoffaa waan taateef. Jarmiyaaleen jiru jedhaman 100 ol akka ta’e beekamaadha. Kun hunduu yaada ummata burjaajessu, yaada ummata walitti fidu osoo hin taane summii ummata facaasu biifaa oolu. Yaada nagaa buusu osoo hintaane kan jeequmsa fidhu ololchaa jiraatu.
Sababiinsaas ilaalcha siyaasaa (‘political ideology’) jaarmiyaalee 100 ol keessumeessu adunyaarra waan hin jirreefi. Amlaafi barmaatilee dhaabbilee siyaasaa biyya keenyaarraa kan ka’e walitti makamanii guddaa ta’anii mul’achuun rakkoo fala dhabeedha.
Akkuma suuqii qinxaaboo ganda gandaan ijaaramanii siyaasa daldaluun ummanni kan yaada irraa bitu wallaalaa jira. Waliin dorgomanii yaad ifaafi moo’ataa qabatanii ummata birratti bahuun rakkoo biraati. Gaggeessaan paartii hundaa, humnaafi beekumsa qabaatus dhiisus, aangoo qabachuu barbaada.
Hundumtuu ummatarratti muummicha ministraa (MM) ykn nugusa ta’uu fedhu. Biyyattiinimmoo ministira muummee tokkoo ol hinbaattu. Kuun aangoo qabatee hiyyumaa biyyaa osoo hintaane kan isaa seenaa gochuu barbaada. Gartokkeen, xiqqoos ta’an, biyya gaggeessuufi ijaaruuf fedhii qabu. Filannichi kanneen hunda keessummeessuuf deema.
Jaarmiyaalee sobaa kan dirgoofi deeggarsi lafa jalaatiin jiraattu bira taramee kan lubbuu qabu jedhaman yoo ilaalaman isaanuu rakkoo walxaxaan akka sakaalaman tilmaamuun hinrakkisu. Jaarmiyaalee biyya tokko, qooqa tokko, aadaa tokko jedhaniifi warra federaalistii jedhan jidduu karaa nagaafi dimokraatawaa ta’een dorgommiin adeemsisamaa? Warri tokkeessoo mataasaaniitiin waliigaluu? Gama federaalistiin kan jiran walobsanii deemuu? Hundumtuu gaaffiilee filannoon bara 2012 deebisuudha. Carraafi-sodaa biyya kanaa.
Muuxannoon filannoo wajjin qabnu gaarii miti. Karaa dharaa sagalee saamuun dhibbaa dhibbatti warri mo’achaa turan biyya kanaaf fakkeenya farra dimokraasii gaariidha. Warri hokkara uumanii biyya jeeqanii ummata kakaasuun ykn da’oo godhatanii aangoo saamuuf socho’aa turanis fakkeenyummaa gaarii hinqaban.
Balaa kanaan bara 1997 wanta uumame yaadatamuu qaba. Yeroo mootummaan humna guutuu jechuunis loltuu, poolisii, tika, sodaatamu qabu sanatti. Baranammoo abdiin ummata qofa. Sodaa kan carraatti jijiiru danda’u.
Filannoo wajjin walqabatee wanti nama yaaddessu kan biraas ni jira. Jabinni keessoo paartii guddichaa ADWUI maal fakkaata jedhanii gaafachuun yeroo kanatti sirriidha. Jaarmiyaaleen afran akka durii walii galanii sagalee filannoo saamuumoo filannoo dimokraatawaa adeemsisanii bakka dhugaa bulu? Kun gaaffii tokko. Gaaffiin biraa inni guddaan walii galanii alaa galumoo waldhabanii addaan hafu? 2012-Carraafi sodaa. Maaliif?
ADWUI miseensa jaarmiyaalee afuriin ijaaramee Gadaa sadii oliif biyyattii tana biteera. Kiiloon jaarmiyaalee afranuu gara gara ture. Akkuma kiiloosaanitti walkabajanii osoo hintaane walsodaatanii biyya bitaa turan. Amma walsodaanis hafeera, kabajni silaa duraa hinturre. Kanaaf waliigalanii biyya gaggeessuurra guyyaa guyyaan ibsa ejjannoo walirratti baasuutu mul’ata. Kuun ifaan walitti dhaadataa oola. Kuun daandii walirratti cufa. Kanaaf jaarmiyaaleen kunniin akka duriitti walitti ititanii humna sanaan filannoo kanatti dhihaatuu?
Hubadhaa! Jaarmiyaaleen afran akka kaanii miti. Humna guddaa qabu. Humna maallaqaa, humna loltummaafi tika. Meeshaallee ni qabu-mootummaa waan ta’aniif. Ummanni duubasaanii jirullee laayyoo miti. Kanaaf tokkummaansaanii carraa akkuma ta’u diigamnisaanii biyya kanaaf sodaa guddaadha.
Bara 2012fi gaaffiilee ummata Oromoo ilaaluunis carraafi sodaa jiru ni mul’isa. Ummanni Oromoo gaaffiilee ijoo bara dheeraaf kan hindeebine lama qaba. Tokko Afaan Oromoo Afaan Federaalaa taasisuudha. Kan lammeessoo gaaffii abbummaa Finfinneeti.
Gaaffiileen mootummaa biratti gangalataa dhufan kunniinillee gaaffilee ulfaatoodha. Ummanni Oromoommoo yoomrayyuu gaaffilee kana lamaanirratti xiyyeeffatee mootummaa amma aangoorra jiru dhiibaa jira. Keessattuu qeerroofi qarreen akka abbaa ajandaa kanaatti of ilaalu. Gaaffiin kun gaaffii mirgaa waan ta’eef yoo deebi’e ummanni Itoophiyaa hedduun waan falmu miti.
Finxaalessitoonniifi paartiileen maqaalee adda addaatiin ibsa baasan garuu kan ajandaa tokko tarkaanfachiisan gaaffii kana fuuldura dhaabbachuu ni danda’u. Dhimma kana ajandaa filannoo taasisanii ummata keessatti jeequmsa hinuuman jedhanii hin yaadamu. Kanaaf gaaffiin kun akka mirgaatti ilaalamee nagaan yoo keessummaa’e biyya kanaaf carraadha.
Gaaffiin biraa kan minjaala mootummaarra jiru dhimma Magaalaa Finfinneeti. Finfinneen kan eenyuuti? Seeraafi seenaan. Gaaffii jaarmiyaalee siyaasaa walitti buusuudha.- keessattuu jaarmiyaalee Oromoofi Amaaraa. Finfinnee irratti haala qabatamaan waan sadiitu mul’ata.
Tokko- Ummanni Oromoo Finfinneen seenaafi seeraan tiyya. Garuu eenyuyyuu keessa jiraachuuf mirga qabajeedha. Lammeessoo- Jaarmiyaaleen ‘beektota’ Amaaraatiin gaggeeffaman magaalaa abbootiin keenya ijaarrani jedhanii ifatti mormaa jiru. Qaamni sadeessoon Finfinneen kan lamaan keessaniituu miti kan sabaafi sablammiileeti kan jedhaniidha. Kanaaf Finfinneen kan eenyuuti? Gaaffii cimaa mootummaan deebisuu qabuudha. Garuu qaama qalbii qabuuf Finfinneen kan Oromoo ta’uushii shakkii hinqabu.
Dorgommiin filannoon Finfinneerratti adeemsisamullee kan bara 1997 yoo caale malee isaa gadi hinta’u. Kunniin hundi mootummaa filannoo gaggeessuuf qormaata guddaa bara 2012ti.
Gaaffiilee guguddoon kanneen olitti eere haa ta’an malee rakkooleen yeroon dhalu hedduun hinjiran jedhamee hin yaadamu. Hiriirri dhaabbilee siyaasaa kana maraa biyya kanaaf nagaa osoo hinta’in rakkoo uuma. Dimokraasii osoo hinta’in jeequmsa dhala. Ce’umsa haala gaariin jalqabamee akka abdii biyya kanaatti ilaalamu kanallee gufachiisee biyyattii gara biraatti akka hingeessine sodaachuun gaariidha. Sodaa qofa osoo hintaane yeroon dammaqanii fala itti barbaaduun sirrii ta’a.
Bara nagaa!
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012
3 Comments to “2012- Carraafi Sodaa”