Onnee haaraa…

Akkamiifi attamitti jirtu. Torban gaarii dabarsinee akka walitti deebine nan abdadha. Jirtuu garuu? Sa’aa namni, alaa manni, maatii waatiin isiniif nagumaa? Ani nagaadha. Nagaa ta’uu keessanitti guddaan gammada. Sabnikoo fuula ifee garaan quufee kolfee yommuu taphatu akkamitti akkan gammadu isinitti himuu hindanda’u.  

Egaa bara haaraa bara baraan waggaa waggaan dhufutti akka haaraatti bara kanas itti dhihaachaa jirra. Barri haaraan kun baruma baraan haaraadha. Baruma baraan waan haaraas itti karoorfanna. Baruma baraan barsiisa hamaa kanneen akka araadota adda addaa itti dhiisuuf karoorfannee yoodandeenyee dhiisnee yoo dadhabnemmoo bara haaraa ittaanuuf bulfannee bira kunna.

Barana garuu waan karoorfannee dhiisnu qabaanna jedhee hin yaadu. Maaliif jennaan barri dhufu kun bara abdii guddaan irraa eegamu, bara guutuu, bara milkaa’inaa akka ta’u ammumarraa ka’ee tilmaamuuf raaguun waan danda’amu natti fakkaata.

Kan biraa bara haaraa kanatti wanti waan hunda caalaa qaalii nutti ta’uu danda’u barakiinaafi saamunaa natti fakkaata. Eeyyee aniyyuu saamunaa baay’eefi barakiinaa baay’ee toonii danuu waanin fixu natti fakkaata. Waanin miiccu baay’ee waanan qabuuf asumaanuu warri meeshaa qulqullinaa dhiheessitan piroppozaalii keessan qopheessitanii naaf dhiheessuu qabdu.

Garuumee maaluma yoon miicce barakiinaa toonii danuu barbaadee? Dhugaadha, anaafuu wanti kun gaaffii guddaa ture. Amma kunoo waan baay’ee dhiquuf qophaa’uukoo yommuun isinitti himu gammachuu guddaatu natti dhagahama.

Sadarkaa jalqabaatti kanin miiccu sammuukooti. Sammuunkoo kun dhaladhee hamma yoonaatti wantoota xuraa’oo baay’ee yaaduudhaan kosii guddaa baatee jira. Mee yaadaa ani amma ergan of beekee hamaafi gaarii addaan baase kunoo waggoonni soddomanni darbaniiru. Xuriin waggaa soddomaa dhiisaatii xuriin guyyaa lamaatuu hammam akka fokkisu isin caalaa namni beeku hin jiru. Sammuun bara daa’imummaa akkuma waraqaa adiiti jedhama mitiiree?

Egaa waraqaan adiin daa’imummaarraa kaasee hamma yoonaa xurii ofirratti qabate barakiinaafii saamunaa meeqaan bahuu danda’a? Bara meeqa yoo miiccame qulqullaa’uu danda’a? humna nama meeqaatiinis qulqullaa’uu danda’a jettanii yaaddu?

Lammatarratti kanin qulqulleessuu barbaadu harka kooti. Harkikoo kun waan baay’ee xuxxuqeera. Waan baay’ee keessa lixee baheera. Waan baay’ee butee fudhateera. Kanaanis xuraa’ummaa baay’een harkakoorratti kuufamee narakkiseera. Waan ta’eef harkakoo kana haalaan xurii baroota baay’ee irratti kuufame kana irraa miiccuuf ofin qopheessa. Harkikoo kunis Akkuma sammuukoo kana qulqullaa’uuf humna namaafi yeroo akkasumas saamunaa baay’ee barbaada.

Sadaffaarratti wantiin dhiquu nabarbaachisu miila kooti. Miilakoo isa bakka baay’ee dhaqee narakkise kana. Miilakoo isa kosii meeqa keessa dhaabbatee ofiifis xuraa’ee qaama koo gara biraas xureessee narakkise kana. Miilakoo bara baraan dhoqqaayee dhoqqeensaa hamma laafeef hiddakoo keessa seenee xureessuu gahe kana…. Eeyyee miilakoo isa baddaafi gammoojjii deemee cubbuudhaan bakka dhaabatu wallaalee joonja’u kana dhiquun nabarbaachisa.

Kan biraa waanin dhiquu qabuufii kan salphaatti naaf qulqullaa’uu hindandeenye ijakoo isa waantota hunda ilaalee narakkise kana. Yaa ijakoo bara meeqan of keessaa sibaasuuf yaalee si dadhabe sitti fakkaate? Yeroma hunda waan xuraa’aa ilaaluudhaan naxureessitee kosii narratti tuulte sitti fakkaate?

Xuraa’ummaan kee kun xuraa’ummaa akka jara kaanii waan salphaa natti hinfakkaatu. Baroota baay’eef dhuubamee baroota baay’eef miiccamee akkasuma immoo cuunfamee waan qulqullaa’u natti hinfakkaatu. Ijakaa anaan as dhaabee gaara duubatti waan baay’ee ilaala. Ilaalees hindhiisu achumaan akkan waanin ilaale sanaan xuraa’u nataasisa.

Yaa ijakoo ija lakkoofsaan lamaa gochaan kumaatamaa. Ammamee barootan of beekee kaasee hamma yoonaatti badiin ani ijumakootiin ilaalee dalage waan salphaa miti. Xuraa’ummaan kanaan kan ka’e na xureesse waan salphaadha jettuuree?

Egaa gara waan guddicha dhiqamuuf maluutti dhihaadhe jira. Innis inuma miiccama, inuma dhuubama, inuma cuunfama. Yoo dafee goggogeef. Onneekoo…onnee baroota baay’eedhaaf qaqaa’ee gurraacha’e. Onnee gurrracha’ee baroota hedduudhaaf dhiqamuu hin dandeenye. Onnee…onnee…onnee… jaalalaaf uumamee jaalala irraa fagaatee jiraatu.

Onnee jibbi aangoo guddaa irratti gonfate. Onnee gonfoo xuraa’ummaatiin mootii ta’ee of tuulummaadhaan xurii hamma gaara Cilaaloo guddate kana ofirratti baatee jiraatu kana. Onnee waggoota baay’eef  jijjiiruuf  yaalamee jijjiiramuu dadhabe kana. Eeyyeen ,onneen kun dhiqamuunsaa dirqama sababa ta’eef waggaa kumas fudhatu miiccamuu qaba.

Ohh yaa anaa! Karoora qulqullinaa bara haaraa baasaan hojii bara baay’ee ofii kennaa jira bar. Waan baroota kumaatamaanuu kan qulqullaa’u hinfakkaannen guyyoota muraasa keessatti qulqulleessuuf karoorfachaa jira. Garuu inni akka waan gaara dhiibuutti ulfaataa nutti ta’e kun hojii murtii sekondii muraasaati.

Sekondii muraasa keessatti wantonni qulqullaa’uu qaban hundisaanii qulqullaa’anii yeroo yaadame keessatti haaluma karoorfameen qulqulleessuun ni danda’ama jedheen yaada. Yoona kana akkuma anaa kana gowwoomee waanuma harka namaatiin of miiccee of qulqulleessuu kan yaadu jiraachuu mala ta’a.

Saamunaafi barakiinaa jennaan saamunaafi barakiinaadhaan onneesaa nan miicca jedhee yaade kan sammuusaa keessatti qabatee jirus jiraachuu ni mala ta’a. Inni kun barakiinaa dhugee ‘figgim’ jedhee akka ana hinsababeeffanne. Barakiinaan uffata malee qaama keessoo namaa qulqulleessuu hindanda’u. Saamunaanis irra namaa malee keessa namaa qulqulleessuu hindanda’u. Jechumaaf jenne malee.

Barri haaraan iftaan simachuuf qophaa’aa jirru kun bara abdii guddaa irraa eegnu ta’uusaa wantoonni argisiisan keessaa tokko akkuma abaaboo birraa manneen barumsaa bareedanii mul’achuu isaaniiti. Yeroo tokko tokko manneen barumsaa bara kana haaroman tokko tokko biraan yommuun darbu irra deebi’ee barumsa koo jalqabuu jechuun na hawwisiisa. Baay’ee nama hawwisiisu. Alli isaanii erga hammana bareedee keessi isaaniihoo akkam haata’u laata.

Barcuma haaraa… gabatee haraa… haalluu haaraa…uffanna seeraa haaraa… kun barumsa nama hinhawwisiisuuree? Egaa sammuu waan akkasii yaadu kanatu sammuu sirriidha… sammuu biyya bulchu… sammuu magaalaa guddittii kana bulchu. Sammuu qulqulluu! Sammuu qorumsa baay’ee keessa darbee qabxii gaariidhaan darbe. Sammuu hanna osoo hinta’in cimanii hojjechuutti amanuudhaan bu’aa gaarii fidu.

Sammuu inaaffaadhaan osoo hintaane quuqama guddaadhaan sabasaa tajaajilu. Sammuu akka kanaatu gara bara haaraatti nuceesisuuf jira waan ta’eef barri haaraan itti adeemaa jirru kun bara baroota darban hundumaa caalaa hawwii guddaadhaan eegamaa jiruudha.

Barri haaraan simachuuf deemnu bara hoosee nuuf haata’u jechaa mee maaloo yaada qabdan karaa e-mail kiyyaa kelbemeg@gmail.com naa barreessitanii naan gahuu dandeessu. Dhimmoonni akka ani xuxxuquuf barbaaddanis yoo jiraate akkasuma gurra nabuusaa. Egaa bara egeree fuula ifaatiin wal haa agarru (torban dhufu, bara haaraatti)!

Qalbeessaa Magarsaa

Recommended For You

34 Comments to “Onnee haaraa…”

  1. Pingback: click to read
  2. Pingback: promotions
  3. Pingback: SEO Las Vegas

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *