Hantuunni maraatte adurree dhungatti

Akkamiif attamitti jirtu? Torban gaarii dabarsinee akka walitti deebine nan abdadha. Jirtuu garuu? Sa’aa namni alaa manni, maatii waatiin isiniif nagumaa? Ani nagaadha. Nagaa ta’uu keessanitti guddaan gammada. Sabnikoo fuula ifee garaan quufee kolfee yommuu taphatu akkamitti akkan gammadu isinitti himuu hindanda’u.

Aniifi hantuutni michooma bara baay’ee qabna. Yeroo baay’eedhaaf  hantuutarratti  akka nama qorannoo adeemsiseettin waa’ee hantuutaa afaan guuttadhee haasa’uuf onnadha. Egaa hantuutni akaakuuwwan baay’ee qabdi. Akaakuwwan hantuutaa keessaa inni tokko hantuuta ija laafaa yoo ta’u, inni kaan immoo hantuuta ija hamaafi ija jabaa dha. Akaakuwwan hantuutaa ani beeku keessaa hantuutni henna beeku inni nama saalfatuufi inni sodaataan halaalaa yommuu nama argu fiigee boollasaa keessatti kan  dhokatus jira. Isa kana akaakuu hantuuta fayyaalessaatti ramaduu dandeenya.

Egaa har’aaf hantuuta kanniin keessaa tokko kan ta’e hantuuta ija jabaatu, kan saalfii hinqabne wajjin turtii baroota baay’eef taasisne keessatti muudannoowwan adda addaa na mudachaa turan kaasnee nihaasofna. Ani hantuuta kana wajjin akkuma hiriyaa gaariitti waliin haasofna. Kan isini ajaa’ibu guyyaan hojiidhaaf ture isa hinargine akkuma dubartii sanyoon jalaa hafeettin hirriba dhaba.

Hantuutni kunis guyyaan ani tarii dadhabee yeroodhaan hirribni nafudhatee naan lixe suuta jedhee dhufee fiixee quba kiyyaa ciniinee hirribaa nadammaqsee fiigee soofaarra baha. Yoonakaa aariin ani aaru! Osoon ka’ee hantuuta ta’ee ari’ee daaraa isa godheen jedha.

Garuummoo garaa nanyaata. Dafee soofaarra akkuma baheen eegeesaa gara gurraatti fidee mirmirsaa “maal abbee maal haadhakee taatee dallanta” kan naan jedhu wayii natti fakkaata. Yoon jalaa callisemmoo arrabasaa dhundhuma 10 dheeratu tokko natti baasee yommuun ani aaree isa rukutuuf siree jalaa baasee kopheedhaan rukutuuf darbadhu jalaa miliqee dhokata. Ishoo amma nasodaateera jedhee yommuun uffatakoo haguuggadhee rafuu jalqabu foricee hirribaa nakaasee natti qoosa. Haasaa anaa wajjin jalqaba… osuman aaruun isaa wajjin haasa’uuf ijakoo susukkuummadhee ka’ee boraatitti hirkadhee taa’a.

“Maalimmoo maal taate?” waan naan jedhu wayii natti fakkaatee jennaanin…

“Maal barbaaddee najeeqxa abbee?” Ijakoo hirribni walitti harkisu kana banachuuf yaalaa “Maal abbaakeef ofiikeetii hirriba dhabdee anas hirriba nadhoorkita?” akka waan hantuutni rafee beekuuttin wajjin haasa’a. Ajab yaa anaa! Ani yeruma hunda gowwaas naan hinjettan garuu akkuma nama kamuu waan natti dhagahame nan haasa’a. Yoon barbaade hantuuta qaruutee kanaa mitii baalaafi muka, dhagaafi bishaanittis haasa’uun danda’a waan ta’eef nankomatinaa. Amala kanammoo hamma isin dhiisi maaloo naan jettanittis hindhiisu.

“Maal abbaakeef rafta? Kaatee hojii hinhojjettuu? Yooma  waan hojjettu hinqabaannemmoo kitaaba hindubbistuu?” naan jedhe hantuutni Waaqaan “Abboo” lafaan “Intaloo” jedhu kun.

“Ijjikee haabadu situ kana nagorsaa?” jedheeniin kophee tokkicha sireekoo jalatti hafe kaasee itti darbadha. Yoona kanas najalaa miliqe ruuqamee nadhokata. Yoona kana gaazexaas ta’uu kitaaba baaseen dubbisuu eegala. Hantuutteenkoos akkuma xiqqoo na ilaaleen gara golasaa olgalee qoonxaa wayii qoqoraa gadi natti ba’a.

“Isa nyaattu kanammoo eessaa fiddee nyaatta?” jedhee yommuun gaafadhu.

“Mana olloota keetirraayikaa… silaa mana keetii waan akkanaa kana argachuu hindanda’anii maaliif nagaafatte?” Ani callisee dubbisuukoo itti fufnaan qoonxicha qoqoraa… “siif kennuu? yoo barbaadde walii qoodnee wajjin nyaanna.”

Kolfaan aara. Aaraan kolfa. “Akkam abbaakee yoo natuffattu qonxaa hannaan aragatte wajjin haanyaannu naan jetta?” jedheen waanin ittiin isa rukutu barbaacha siree koo jala gadi jedhe ilaalladhe. Yoona kana waanin isa ittiin rukutuuf kaase irra ijasaa buuse. Oljedhee yoomaan isa ilaalu homaa achii hinsochoone.

Wantan isa ittiin rukutuuf  harkatti qabadhee jiru san ilaalee “Ati guyyuma tokkoyyuu  ilaamaa ykn qiyaafannoo   kee eegdee narukuttee hinbeektu!” naanjedhee natti qoose. Yoona kanan kaalsii hinmiiccamne maramaa harkaa qabadhee jiru san gara isaatti darbadhe.

Yoonakaa hantuutteenkoo akkuma goolii eegaa cimaa tokko qab godhee kaalsiikoo qabate. Yoona kana natti kolfaa kaalsicha gara golasaatti galfate. Kaalsii haaraadha. Yeroo tokkoyyuu hinmiiccamne, garuu yeroo adda addaatti susukkuumee waanin uffadheef fooliinsaa waanuma hantuutteen jaalattu.

“Dhugaa dubbachuuf nama akkas anaaf yaaddu natti hinfakkaatu ture. Edaa ati nama hamma kana naaf yaadduu? Guddaa galatoomi har’aaf qoonxaakoo kanaanin bula. Boruufi naaf ta’a”. Yommuu naan jedhu nan nahe. Kaalsii haaraadha. Kadhaattin gale. Waanin jedhee hinkadhanneen hinqabu. Boodarra na aarsee jennaanin gara arrabaafi abaarsaatti gale.

“Hantuuttee hattuu nana maal abbaakeef akkan sikadhadhu nataasistaa?”

“Hattuu naan hinjedhin! Yoon maal hatu na’argite?” naan jennaan kolfakoo to’achuun dadhabe. Barasaa guutuu hanna malee kan homaa hinbeekne. Kana bara baraan namoota boochisu kanatu anaan hattuu miti jedhee naan mormuu barbaade. Kaalsiikoo golaa baasee akka nama qurxummii bishaan keessaa kiyyoodhaan baasee osoo lubbuun jiruu ittiin taphatuutti kaalsii kootiin tapha jalqabe. Yoona na’aarse.  Bakkan itti hikadhee jiruu nakkase.

“Dhiirri waan meeqaa meeqa hatti ani kanin waan garaakoof ta’u hatee nyaadhuuf hattuu jettee arrabsitee na aarsitaa?” yoona kanan bakkuma dhaabadhetti keenyan manaatti hirkadhee dhaabadhee waan inni naan jedhe san xiinxaluu jalqabe. “Dhiirri waan meeqaa meeqa hatti ani kanin waan garaakoof ta’u hatee nyaadhuuf hattuu jettee arrabsitee na’aarsitaa?” Dhugaasaa jedhe bar wanni hinhatamne jiraa garuu?

Biyya alaatti waan baay’ee akka hatan ni dhageenya. Biyyuma keenya kanattuu waan baay’eetu hatamaa jiraa? Yeroo darbe hantuutuma balaafamaa kanatu hirribaa nakaasee yommuu raadiyoo bane dhaggeeffadhu “tiraanisfoormariin elektiriikaa 500 ol ta’uu iddoowwan adda addaatii hatame” jedhame kan jedhu dhagahe.

“Ajab! ajab!” jechuu malee homaa waan jedhu hinqabun ture. Waan maallaqaa dhiisuma wayya. Garuummoo wanti dhiisamuu hinmalle kan seenaanfaa nama jalaa hatamu kana. Seenaa! Seenaa ishee bareedduu tokkorratti dadhabee hojjete waan badeen tokko lafaa ka’ee nama jalaa hatuu…

Ajaa’ibni biraa kan alana qormaanni hatamee jedhamee nutti himame tokko. Ani kan jedhu bara dhufu yunvarsiitii onsuuf qormaata hatumoo? Akkamitti namni waan sammuusaatiin hojjete 20/100 fidee isa hannaa guutummaasaa argate yunvarsiitii galee milkaa’a? Kanakaa hantuutni maraattee adurree dhungatte. Maalumaafuu hamma hirribni koo natti dhufeera. Hantuutteenkoos golasheetti galteetti.

Torban torban hoosee isiniif haata’u jechaa mee maaloo yaada qabdan garaa email kiyyaa kelbemeg@gmail.com barreessitanii naan gahuu dandeessu. Dhimmoonni akka ani xuxxuquuf barbaaddanis yoojiraate akkasuma gurra nabuusaa.

Qalbeessaa Magarsaa

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

3 Comments to “Hantuunni maraatte adurree dhungatti”

  1. Pingback: about me

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *