Cidha Biqiltuu Abbichuu

“Oxygen Per Capita” nama tokkoo kan waggaa tokkoo dhiheessuuf yoo xiqqaate muka torbaa hanga saddeetii nu barbaachisa!

Biyyi tuni dubra…hintuqamne, akkuma harki Waaqaa uumaa ganamaatiin tolcheen jirti. Isa garaadhaa qabdu dhiisiitii kan dugdatti baattellee hamma ammaa akkuma sanatti jira. Lafti keenya kan waan itti facaasan hunda ol danfisu akkuma dugda aduufi bokkaatti lateen jira…garaa dachiitii albuudni maqaafi bifaan dhahuu hindandeenye achumatti ugguramee taa’a…. Egaa biyyi uumaa ganamaafi argama ilma namaa taate kun kan uumaan addunyaa biroo keessatti qorichoomaafillee hinargamne ammayyuu keessatti argamu kun waan tokkoon garuu dubrummaa sana dhabdeetti.

Ulfina durii sana hinqabdu. Baalliin irraa ka’ee salphoo taateetti. Wayyaa ulfinaa ufiraa mulqitee waaroo salphinaa uffatte kana yeroo dhumaatiif dhabamsiiftee kabaja durii gonfachuuf tattaafachaa jirti.

Gidduu kana dubrummaa duriitti deebi’uuf cidha guddaa tokko kurfeeffattee cidha ho’aatti jirti. Cidha lammiin biyyattii hunduu itti hirmaatu…sana birayyuu darbee kan warri ollaas harka itti laatu…Cidha Abbichuu, kan ilmasaa Biqilaa Abbichuu…

Egaa waa’ee dubrummaa kaasuun keenya erga hinoollee fakkeenyaaf kan namaa yoo fudhanne dubrummaan intala dubraa tokko hamma dhiira waliin hinciisinitti…laftis hamma hinqotamiinitti; Oromoon inumaa lafa akkasiitiin lafa dheedhii jedhaan.

Walumaa galatti dubrummaan qulqullummaadha. Akka harki Waaqayyoo ganama tolchetti argamuudha. Kun waan guddaadha. Safuu Waaqaa seeraan eeggachuu jechuudha. Dubrummaan nuti biyya keenyarraa sarbine inni guddaan gama bosonaatiin ta’uusaa hundi keenyayyuu beekna. Akka warri amantii Kiristaanaafi Islaamaa amananitti dubartii keessaa Qulqulluun Maariyaam dubartii dubrummaadhaan Iyyasuusiin deesseedha.

Ka’umsi koollee waa’ee amantii keessa galuuf miti. Akkuma fakkeenyaatti dubrummaa biyyaa wajjiniin walbira qabee ilaaluuf yaadeeni malee. Waaqayyo biyya dubra taate kana nuuf laate dubrummaashiis dabalatee qananiiwwan garaafi dugda dachii keessa jiran hunda duguugnee itti haa fayyadamnuuf malee barayyuu kanuma faarsaa akka jiraannuuf miti. Sababiinsaas seera Uumamaa kana numatu balaa irraan gahaa jira waan ta’eef.

Bosona dachii mancaasuudhaan kabaja dubrummaa lafa keenyaa kan irraa mulqaa jiru harkuma keenya waan ta’eef. Biyyumti dubra jennuun kun dubrummaa isiitiin bara gadadoo ishiititti ilma eebbifamaa tokko nuuf biqilchite. Akka dubartii dubrummaa isii waliin dulloomtee umrii ittiin dhaluu hindandeenye bira geesseetti galgalaan ilma dhiiraa caaccuu waliin deesse; Biqilaa Abbichuu.

Dhuguma ilma biyya dubrummaa qabdurraa argame. Namoonni tokko tokko lafaa biqiluusaa ilma shakkan biras darbee biqiltuu Waaqaa godhanii ilma ilaalaniidha gurbichi. Gurbaa kanatu biyyattii harmeesaa  tana dubrummaa ganamaatti deebisuuf cidha qopheessee nu waammate. Lallabasaa kanaanis aayyoo teenya tana kaabbaa ulfinnaa magariisa uwwisuuf kaayyeeffateetu ilmaan biyyaa hundaan na bira dhaabbadhaa jedhee dirmannaa keenya nurraa eeggataa jira.

Waamichi jaalalaa kun tokko tokkoon keenya sumuda magariisa biyyooleessaa maqaa jedhamuun moggaafamee biqiltuu biliyoona afurii ol akka guutuu biyyaatti biqilchuuf kan onnateedha. Gurbaan kun erga baallii fudhatee muudameyyuu reefu waggaa tokko guuta.

Umrii gabaabduu tanatti silaa akka aadaa warra Afrikaatti yeroo baay’ee yeroo mootonni aangoo ufii itti cimsatanii kan isaan mormu tokko tokkoon lafa inni jiruu funaananii hiddaan buqqisaniidha malee yeroo biqiltuu itti biqilchan miti. Yaadadhaa biqiltuu  biliyoona afur, miliyoona miti, biiiiiiliyoona… afur guutuu…isayyuu ganna baranaa qofatti. Raajii!!!

Biqiltuu biliyoona afurii biqilchuun haa hafuutii walumatti siiqsanii tarreessuufuu lafa heektaara kuma 500 oliitu nu barbaachisa. Lafa iskuweer kiiloo meetira kuma shanii haguugu jechuudha. Bal’inni lafa kanaa bal’ina lafa waliigalaa biyyoota tokko tokkoo ni caala. Lafti biqiltuu hammanaa itti dhaabnu kun lafa hamma magaalaa guddittii teenyaa Finfinnee kana gahu 10 ni haguuga. Lafa hamma magaalaa Finfinnee 10 ganna tokkoonsaayyuu aduu tokkotti dhaabuun waan sammuu namaatiif  ulfaatuudha. Garuu qabatamaan ta’aatu jira. Addunyaa bara ammaa keessatti lafti bosona uumamaatiin haguugamee jiru harka tokko sadaffaayyuu hingahu (%27). Inni keenya kunis itti lakkaawamee jechuudha.

Itoophiyaan bal’ina lafaatiin biyyoota addunyaarraa sadarkaa 27fa irratti argamti bal’ina lafaa iskuweer kiiloo meetira miliyoona 1.1 gahuun. Kana keessaa kan bosonaan ykn biqiltuudhaan uwwifame dhibbentaa sadii yoo gaheedha. Baroota muraasa dura hamma dhibbentaa 40 kan gahu ulfinni magariisaa kun harkuma keenyaan manca’ee dubrummaa biyyaa akka sarbamu taasise.

Bara amma keessatti argamnuun addunyaan faalama qilleensaatiin raafamaa jirti. Yakki seera uumamaa isa ganamaa irratti raawwanne balaa lolaa akka suunaamiifi ongeetiin wanfala nuuf deebi’aa jira. Waaqayyo garuu akka namaa miti uumaatti yoo deebinee yakka raawwannerraa of baraarre. Biqiltuu dhaabuuf abbaluun keenya fuula gara Waaqaatti deebifachuufi araara isaa barbaaduu keenyaaf ragaa tokkoodha.

Ciidhni Biqiltuu Abbichuu kunis Waaqaan walitti nu araarsuuf lallaba dhufe jennee fudhachuun kanaaf dirqama hunda keenyaa ta’a jedheen yaada. Jaamaan tokko tokko kanas daldala siyaasaatiif qopheesse Abbichuun jedhee yeroo akka xiinxalaa yemmuu tatarsa’u oggaa dhageessu daranuu kaayyoo kanaaf akka kaatu si onnachiisa.

Dhiiroo Abbichuu mitii Darguunillee faayidaa siyaasaatiif jedhee biqiltuu hindhaabne. Otoo ta’ee yeroo inni biyyaa bahu mukni maaloo nu dhiiftee hindeemin jedhee itti rarra’u ni dhabama jedhee hin yaadu… Abbichuus taanaan akkuma mootiiwwan biyya kanaa kamuu seeraanis siyaasaanis biqiltuu akka dhaabu wanti isa dirqisiisu hinjiraatu.

Sammuunsaa yoo isa ajajeen alatti. Dhala Abbaa Gadaa ta’uusaa nama hinbeeknetu kana jedha. Qe’ee keenyatti waa’een UUMAA akka uumamu keenya ta’uu warra hinbeeknetu kana odeessa. Abbichuu Waaqayyo harkasaa nuuf haa eebbisu biqiltuun inni dhaabu mataasaatiif miti nuufi malee. Kan keenya qofa miti nurra darbee ilmaa ilmoo keenyaaf gumaata ol keewwannuudha nama sammuunsaa hojjetuuf…

Akka warri falaasama seerlubbuu raaganitti namni tokko hafuura uumamaa ittiin hargannu kan ‘Oxygen’ jennuun kana bifa gahaa ta’een yoo argate qofadha. Gaafa harganuu dhaabe ykn ukkaamame ni du’a. Kanaaf nama tokko lubbuudhaan akka turu hafuura gahaa waggaa tokkoof isa barbaachisu dhiheessuuf muka torbaa hamma saddeetii qabaachuu qabna.

Kun galii kuufama hafuuraa dhuunfaa kan waggaa tokkoo (‘Annual Oxygen per capita’) jedhama. Hafuurri “oxgen” akka barbaannetti habbuuqnu kun otoo akka shaqaxoota gara garaa akka daabboo akka sukkaaraa… gabaa irraa binnee kan itti fayyadamnu ta’ee baasiin oksijiinii keenya hammam akka ta’e ufumaa shallgadhaa.

Egaa baasii oksijiinii nama tokkoo kan waggaa haguuguuf muka 7-8 qabaachuu qabna erga jennee herreegni kun akka biyyaatti yemmuu shallagamu baay’ina ummata biyyattii waliin wal bira qabnee haa ilaallu. Ummanni Itoophiyaa yeroo ammaa miliyoona 110tti akka siqu tilmaamama. Kanaaf dhiheessii oksijiinii tokko tokkoon  lammiilee biyyattii  miiliyoona 110 ta’aniif mukni biliyoona saddeet jiraachuun dirqama ta’a jechuudha. Lakki jiraachuun nutti haa hafuu haa duunu yoo jedhameen alatti.

Hafuura ofii kan biraatii dabarsuun hindanda’amu. Kan koo fudhadhu ani natti haa hafu waliin jechuunis hindanda’amu. Namni jiruu namaas jiraatu kan du’a namaas namaaf du’u waan hin jirreef… hunduu kanuma mataa mataasaati. Waamicha muummichaas dirqama kan taasisu isa kana. Biqiltuu dhaabuun ofumaaf jiraachuufi… abbaan bara 2012 nan jiraadha jedhee murteeffate muka torba ykn saddeet qabaachuu qaba.

Qixa kanaan karoora Abbichuun barana milkeessuuf qabate kan biqiltuu biiliyoona afurii kana yoo ilaalle galii oksijiinii akka biyyaatti dhuunfaa dhuunfaa keenyaan qabaachuu qabnu keessaa walakkaasaa kan haguuguu jechuudha. Mee otoo muka biiliyoona afurii kanaan ala muki tokkolleen kan hinjirree ta’ee walakkaan ummata keenyaa ukkaamamee hindhumuu? Garamitti baqatama jettanii yaaddu…? Torbee kutaa na hafe isin biraan gaha…adaraa cidha biqilaa Abbichuu akka hinhafne achumatti wal haa arginu!

Horaa Bulaa Deebanaa!

Cidha Gaarii!

Waaqayyo Biqilaa gaarii isinii haa biqilchu…!

Hamiltan Abdulaaziiz

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

2 Comments to “Cidha Biqiltuu Abbichuu”

  1. Pingback: Racial segregation

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *