‘OROPHOBIA’
Ashamaa ilmaan biyyaa!
“Jaalaluma aayyootuu waanii isaa wallaale” jette jedhan ilmoon jaldeessaa. “Ganama ganama garaa jalatti na baattee fixeensarra na harkifti; guyyaa guyyaa ammoo dugdatti na huddeellatte aduudhaan na waadditi jaalaluma aayyootuu waaniisaa wallaale” jette jedhama. Mamaaksa kana wannan kaaseefan qaba. Afaan Amaaraa har’a seenaadhaan afaan lammiilee biyyattii ta’eera. Amaarris, Oromoonis, Tigreenis, Guraageenis, Affaaris, Gaambeellaanis akka meeshaa qunnamtiitti itti gargaaramanii biyyattii sadarkaa addunyaatti biyya qubee mataa ofii qabdu kan jechisiisuu danda’aniif. Afaanichi afaan saba biraati warri jennu cuftinuu ittiin dubbanneeti sadarkaa biyyoolessaatti afaan hojii ta’ee akka inni kaadhimamu kan taasifne. Afaan abbaa hinqabu; abbaansaa qaamuma ittiin dubbate. Kanaaf fakkeenyi tokko lammiileen Awurooppaa otoo hinhafin afaanicha baratanii ittiin dubbachuu isaaniiti.
Sabboonummaas ta’e biyyaalessummaa ibsachuuf afaan riqicha bu’uuraa keenya. Biyya tokkittii qabaachuu keenya, seeraafi heera tokko jalatti ummata bulu ta’uu keenya, mootummaa tokko jalatti kan bullu ta’uun keenya, gabaa tokko warra walitti qabnu ta’uu keenya…kkf walii galuu kan dandeenyu meeshaadhuma kanatti gargaaramneeti. Jechoota waldanda’uu, walkabajuu, waljaalachuu, waliif yaaduu, waliif eeyyamamoo ta’uu, marabbaa tokko qabaachuu…kkf jedhaman kanneen heera mootummaa keenya keessatti sirritti beekna. Isaan kunniinis dhagaalee bu’uuraa mallattoo addaan bahuu dhabuu keenyaatiif bocamanii afaaniin ibsamani.
Guddina afaan Amaaraa ilaalchisee yaadoleen garagaraa akka jiran ni beekama. Keessumaa biyya cunqursaan sabaafi gitaa keessatti diriire keessatti gita bittoonni saba ykn garee afaan tokko dubbatu keessaa bahan olaantummaa siyaasaafi dinagdee dhuunfaa isaanii mirkaneeffachuuf jecha saba, amantii, afaan, aadaafi seenaa (isa sobaan omishamu dabalatee) akka meeshaatti itti gargaaramuudhaan kansaanii qaamolee biroo irratti fe’uudhaan aangoo isaanii jajjabeeffatu. Sirna fiiwudaalaa Salamoonawaa biyyi keenya baroota hedduuf dabarsite keessatti ololli nam-tolcheen xiqqaarraa qabee hamma beekaatti akka waga’amnu taasifamne dhugaadhuma kana kan nuuf mirkaneessuudha. Kun hundumtuu ka’umsisaa siyaasa jibbansaati. Siyaasa jibbansaa sodaa dukkanaawaa irraa madde.
Odeessi jibbinsaa bu’uura hinqabneefi ija dunuunfatee deemu kun ammoo qaama silaa barateera jedhamu biratti bal’atee mul’achuunsaa ammoo rakkinichi hammam gadi fagoofi wal xaxaa akka ta’e namatti agarsiisa. Haala Kanaan qaama hinbaratiinii mitii innumti baratee gama achi aanuun dhaabbatuyyuu miira miidhamtummaafi gadi aantummaaf yoo saaxilame homaa waan nama dinquu miti. Warrumti hayyoota ofiin jedhan kunneen akka ragaa bahanitti lafa oftuulummaan jirutti dhiphummaan yookiin gosummaan dagaaguun isaa waan hinoolleedha. Fiixeewwan lammanuu garuu naanna’ee naanna’ee yaadota biyya diigan ta’uunsaanii waanuma akka aduutti mul’atu.
Ilaalchi jibbinsaa warri afaan Ingiliffaa “phobia” jedhaniin kuni maalirraa akka maddu sabab-maleessa akka taheefi irra jireessa ammoo sodaa irraa kan maddu akka tahe himu. Yeroo baay’ee waan jibbinu tokko beeknees haa tahu otoo hinbeekin ni sodaanna. Akkuma miirri sodaa suni nurratti dagaagaa deemuun ammoo ilaalcha jibbinsaa horachaa adeemna. Ilaalcha waaniin isaa hinbeekamne kan bifa kanaan ofirratti goobsine kana ammoo akkuma salphaatti ofirraa deebisuun nu dhiba. Rakkoo hubannoo gama Kanaan jiru furuu qofaanis waan bira darbinu miti. Sababiinsaas hoj-maneen nutti laatame kan yeroo dheeraati. Abbaan ba’aa kanaa ammoo daldaaltota siyaasaa bu’aa mataasaanii giddu galeessa taasifataniifi warreen faallaa duudhaa hawaasaa dhaabbataniiti. Yoomiyyuu taanaan wal-dhabdeen ummatootaa isaaniif gabaa ho’eedha.
Duudhaalee sirna gadaa ummanni Oromoo ittiin beekamu keessaa inni tokko akkataa Oromoon addunyaasaa ala jiru ittiin ilaaluudha. Waaqayyo dacheefi samii uumee ilma namaa ammoo irratti uumee qananii isaatiin horata jedheet amana. Kanuma faana ammoo safuu wajjin gadi buuse. Safuun seera Waaqaafi Lafaati. Namni safuu cabse Waaqasaatiin waldhaba. Safuuwwan kana keessaa tokko jibba dunuunfataadha.
Mirqaana (Euphoria)
Waggaa har’aa akkuma Dr. Abiyyi Ministira Muummichaa Rippablika Federaalawaa Dimokraatawaa ta’anii filatamaniin guutuun Itoophiyaa machii mirqaanaa keessa turte. Kallattii afraniinuu deggarsi isaaniif laatame tarii seenaa biyyattii keessatti isa jalqabaati yoo jenne soba hinta’u. Mirqaana kanaani egaa warri adii kan isaan “Euphoria” jedhani. Hoggansa jijjiiramaa Dr. Abiyyiin gaggeeffamu kana ilaalchisee dhibeen jibbinsaa takka bubbulee mul’achuu eegalee dukkana sammuufi golfaa qor-qalbii maddisaas itti galli isaa hinbeekamneedha. Warri lixaa isa kaanis “Antropophobia” jedhaniitu waamu. “Antropophobia”n jibbinsa duuchaa nama dhuunfaa ykn garee namootaa yokiin kutaa hawaasaa tokko jumlaadhaan sodaachuufi jibbuu damee ilaallatuudha.
Doktar Abiyyi gara aangootti erga dhufanii reefu waggaa tokkoyyuu guutu. Haa ta’uutii isaaniifi garee isaan keessaa bahan (paartiis haa ta’u saba) jibbisiisuuf duulli baname aangeffamu isaanii irraa baay’ees kan turee miti. Tibba muudama isaanii sana haala Kanaan dura mul’atee hinbeekneen dinqisiifannaafi deggarsi ajaa’ibsiisaan laatamaafii tureera. Dinqisiifachuu biras darbamee hamma akka ilma Waaqaatti ol butuufi ‘Nabiyyyiidha’ jedhanii dubbachuutti kan ol hiixate ture. Miiltoo isaanii kan turan ministirri raaayyaa ittisa biyyaa ammaa kabajamoo Obbo Lammaa Magarsaas akkasuma faarfamuudhaan moggaasa “Itoophiyaawiiw Muusee” jedhu yemmuu argatan Kabajamoo ministira muummichaa ammoo “Ashaagaariiwu Iyyaasuu” jedhamanii moggaafamaniiru.
Kun hunduu egaa tibba cidhaa sana ture. Kanaani kan nuti “Euphoria” jenne. Garuu afaan jaalalaafi faarsaaf kan akkana sardame kun sobadha ammaa badaadha jedhame hin yaadamu. Muuseenis madaallii kamiinuu akka Fara’oonitti ni ilaallama jedhamee hinshakkamu. Haata’uutii wanti oolee bulee dhalate faallaa isa kanaati. Battaluman jaalalli sun hundi akka fixeensaa hargufameetu qaxanaa jibbansaa keessa bu’e. Dr Abiyyiin kaleessa akka nama Waaqarraa nuuf ergameetti ilaalaman takkittumaan “ABO” jedhamee farrajame. Gidduu kana ammoo amantiidhaan nu gowwoomse himannaan jedhu dhibeen jibbinsaa kun hammam hammaataa akka dhufeefi biyyattiis qarqara diigumsaatti oofaa jiraachuu kan namatti mul’isuu dha. Waa’ee ilmoo jaldeessa mammaakuun koos kanumarraa ka’e. Mata duree kanarratti maxxansa itti aanu keessatti bal’inaan ni mari’anna.
Hora Bulaa Deebanaa!!!
Yaada barreessaaf qabdaniif karaateessoo ‘e-mail’ isaanii barreessuufii ni dandeessu.
Hamiltan Abdulaaziiz
hamiltankorme@gmail.com
Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011
4 Comments to “Siyaasa Jibbinsaa OROMOOtti Aggaamame”