Akkamiif attamitti jirtu. Ammaan booda addaan cituu barreeffama kiyyaatiif ibsaa hinkomadhu. Garuummoo tasa yoon addaan kuteefis sababa hindhabu. Silaa dhaloota sababaan guutamne ta’aa jirra mitii? Waan hundaaf sababa guurra. Sanuu bar sababa guurru hundaafuu osoo qaama biraatti quba qabuu baannee? Waanuma hundaaf biyya keenya komanna, maaliif hinguddanne, maaliif jireenya warra Awurooppaafi Ameerikaa hinjiraanne jennee biyya komanna. Maaliif teknolojiifi guddinni biyyoota akka Jaappaan, Chaayinaafi Kooriyaa biyya keenya keessatti hintaane jennee biyya komanna. Waanuma hundaaf biyya komanna. Garuu biyyi eenyu?
Gara biraatiin immoo biyyarraa gadi buunee hawaasa bal’aa komanna, hawaasni balleeessaan isaa maali? Lafee isaa daakee biyya kana akka biyya tursisiisee asiin gahuu isaatiif komannaa? Aadaafi duudhaa ganamaa kunuunsee asiin nuuf gahuu isaatiif komannaa? Maalumaaf hawaasa komannaa? Hawaasni eenyuu?
Hawaasarraa gadi buunee abbaafi haadha keenya komanna. Abbaaf haati keenya afaan isaanitii fuudhanii nuuf laatanii waan nuguddisaniif isaan komannaa? Sababa aarsaa gurguddaa jedhanii kaffalaniif isaan komannaa? Sababa osoo ofii isaanitii hawwanii hinbaratiin nuti akka barannu taasisaniif isaan komannaa? Sababa akka namaa gadii isaan jalaa hintaaneef ofii daaraa nuun bifa bifaan nu uffisaniif isaan komonnaa? Ofii haatiifi abbaan keenya eenyuu?
Haadhaaf abbaa keenyarraa buunee obboleessa keenya hangafaa isa gammoojjii sahaaraafi shiftoota warra Libiyaa jalaa bahee, qurxummiif naacha galaanaa irraa hafee akkaaf akkatti biyya Awurooppaa gahee jireenya carraaqqii guddaan guutame jiraatu komanna. Kan biraa dhiisaatii obboleettii keenya quxusuu ishee biyya Arabaatti ija namaa ilaalaa, ammaa amma gamoorraa gadi nadarbu jettee sodaachaa mana namaa kessatti bibir’annaan jiraattu komanna.
Ajab yaa nuyii! Warruma dukkana limixii keessaa nubaasee ifa nutti argisiises hinqaanofnu nikomanna. Komachuun maalii nibalaaleffanna. Balaaleffachuun maalii ni biinxessina. Biinxessinee feestaalitti guurre akka balfaatti ganna. Ahaa pheestaaliin jedhee yaa jamaa? Eeyyee feestaalii… feestaalii isa qullubbiif dinnichaa itti bitatanii gabaadhaa galaniin. Lakki abboo feestaaliin mana amala sirressaatiis yemmuu bahan qabatanii kan bahan namni nan jedhus kan dhabamu waan jiru natti hinfakkatu. Xiqqoon yaade yoon yaadadheef… ohhhh! amma yaadadhe! Suuraan tokko ija fuuldura nadhufe. Qilinxoo fuuldura natti fakkaata, namtichi fuula dhodhommooqaan yeroo hunda suuraa isaa ‘FB’ irraa hin dhabne tokko, koobii wayii dachaasee keewwatee, kofoo isaa hamma qomaatti ol siiksee hidhatee, kootii isaa hamma jilbaatti rarraasee uffatee jiru tokko feestaalii bifa keelloo tokko bariisaa qeerroon mormii cimaa taasisetti ennaa mana sirreessaatii (dhifama mana hidhaa jechuun qaba ture……) poolisootaan daddarbamaa akka naannoo sanii dafee deemuuf taasifamu argisiisu tokkotu ijarra namarmaare.
Eeyyee namticha waciitii itti nyaate dhiitee cabse, namticha hamma lubbuu dhabuufitti qeerroon mormee hidhaadhaa baase. Namticha baroota isaa keessatti jibba sabaafi sablammoota biyya kanaatiif qabu barruuleef gaazexoota isaa keessatti ibsaa ture. Namticha bara tokko gaazexaa isaa keessatti Oromoo lubbuudhaan jiru miliyoona 20 caalaa Miniliik tokkicha lubbuudhaan hinjirretu naaf caala jedhee gaazexaa isaa maqaa isaatiin moggaase. Namticha saban maqaa isaa asirratti hindhoofne fixuu qabna jedhee dhaadatee isarraa kan ka’e gara mana sirreessaa gale. Isa kana qeerroof qarreen wareegamaan hidhadhaa baasan. Namticha akkuma bilisa baheen qilleensa qulqulluuyyuu harganee hinquufiin “Qeerroon humna biyya diiguuf sodaachisu” jedhee ifatti jibba qeerroo irratti labse. Namticha bara dukkanaa san irraanfatee mootummaan bilisa isa baase jiruu ofii mootummaa ta’u malee jedhee ijoollee finxaaleyyii araada adda addaatiin joonjofte walitti guuree galma tokkotti walitti qabee hoggantoota qaroo sabaa ta’an kana arrabsiisaa oolee boodarras baala daaraa ta’e isa haataasisuutii ani “Baalaadaraadha ummatatu nafilate” jedhee waan isa taasisu isa wallaalchisee ganamaa galgala magilacaamoo maallaagacaa kennaa bahu sanin feestaalii sababeeffadhee yaadadhe .
Way yaa feestaalii! Mee maaluma qabamee osuman sekondii muraasaaf bookee ta’ee feestaalii namtittiin sun baattee turte sanirra qubadhee waan feestaalii san keessa jiru ilaalee? Muu yaa haadhakoo…baguma natti hafe yoona jibba malee waawuu achi keessaa hinargamu. Ecci! ani maalumaafin waayee namticha kanaa haasa’aa? Namtichoo ofii maraattee namas maraachisuu barbaada. Ani osoon Taakkee keenya ta’ee maal akkan isa godhu isinitti himuu?
“Ni hiitakaa” akka naan hinjenne. Ani isa hinhidhu. Taakkeenuu jedheera. “Namoonni osoo homaa hinhojjetiin hidhamuu qofaan beekamanii arbooman jiru. Nutis isaan hiinee isaan hinarboomsinu!” jedhe. ‘Bravo!’ Taakkee siif galteeti falaasamni biyya kanaa. Maarree maalin godha isinitti fakkaate… ii!…aa!..iii!… Gara dallaa mana qopheessaa akka galuun isa taasisa. Olgalcheen iddoo keessummoonni taa’anirra isa teessiseen abbaan dhimmaa akkamitti akka rakkachaa jiru isatti argisiisa. Torban tokkoof akka sirritti adeemsa hojii hubatu itti argisiiseen kunoo hojii hojjedhu jedhee teessoo koorra isa teessisee abbaa dhimmaa ta’ee bira taa’ee ; Ilaa yaa namichoo kan kuunnoo jedhan kunooti… Finfinnee bulchi jedheen biroo dhiiseefii bahee ilaala. Mee yaadaa namni daqiiqota muraasa keessatti waan itti dhagahamuu malu. Nigammadaa? Muu yaa gammachuu, nigaddaa? Gaddi nama sammuu qaburraa bareeda. Maal ta’aree? Biiroo banaatti gatee bahee siidaa Miniliik jala jilbiinfatee kana keessaa nabaasi yaa ekeraannaa jedhee kadhata. Yoona kanakaa ani ‘Taakkeen’ keessan abbaa dhimmaati mitiiree? Biiroo banaatti argadhe sanittin galee wantoota inni baballeessaa ture san sirreesseen waraqaa muudamaa koo baasee fireemiidhaan godhe fuuldura kaa’ee biirookoo cufee baha. Bariisaa yoo namtichi sun biiroo san akka bakka saree itti kolaasan ta’ee itti mullatee baala daaraa ta’ee hafa.
Garuumee maalumaaf namni kun akkanatti maraataa? Aangoo? Beekamtii? Quuqama sabaa qabu? Ecci! ammammoo intalli balaafamtuun koo kun dhuftee akkan hinbarreessineef harkakoo qabdeetti. Isheen raffisee isinitti deebi’a. Hammasittuu nagaa ta’aa !
Qalbeessaa Magarsaa: Barnoota Gaazexessummaatiin
maastarsii qaba. Barreessaa, Daarektaraafi
Piroodiwusarii diraamaati.
kelbemeg@gmail.com
Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011
8 Comments to “Maaliif Komannaa?”