Akkuma bara taree baranas muudannoon adda addaa biyyattii quunnamus baatiin Waxabajjii nagayaan xumurreera. Warra Gadaa Oromoo gufachiisuuf hawwaniifi yaalan yoomiyyuu Waaqayyo Guddaan hin milkeessin jechaa ummanni keenya jijiirama wajjin fuulduratti deemaa jira.
Mootummaanis ummata wajjin fuulduratti deemuuf karoorfataa jira. Baajeta hojiif ta’u qopheessee mana mareetiin mirkaneessisee miiraa hoodhaan Adoolessa 1/2011 irraa eegalee hojii jalqabeera. Asumaan bar milkii hojii gaariin itti hojjatamu akka ta’uuf hawwaa dhimmoota baajeta wajjin walqabatnirrattii qabxiilee tokko tokko waliin ilaalla.
Mootummaan federaalaa bara baajetaa baranaaf (Adoolessaa 1/2011- Waxabajjii 30/2012) kan oolu baajeta qarshii biliyoona 386.9 mirkaneesseera. Baajjenni kun baajeta guddaa yoomiyyuu caaluudha. Kan bara taree wajjin walbiratti yoo ilaalamu % 12 ykn qarshii gara biliyoona 40n dabaleera. Baajeta waliigalaa keessaa qarshii biliyoonni 130.7 bajeta kaappitaalaa ta’uunsaa biyyattiin hagam misoomaaf xiyyeeffannaa akka kennite agarsiisa. Naannolee deeggaruufis baajenni qarshii biliyoonni 140.8 ramadameera.
Haalli baajenni mootummaalee naannootiif itti qoodame baayyina ummataafi haala naannoolleen itti jiran jiddugala godhateetimoo akkuma kanaan dura gara tokkotti jal’ata kan jedhu gaafiin jiraatullee, kan naanoo Sumaalee yoo ilaallu, tarkaanfiin mootummaa gaariidha jedhanii fudachuu wayya.
Akka hayyuuleen dinagdee jedhanitti, baajeteessuu (budjeting) jechuun adeemsa maalaqa baasuuf (money expenditure) karoorri itti qabamuudha. Karoorri baasii maallaqaammoo baajeta (budget) jedhama. Karoora baasii maallaqaa qabaachuun dursanii waan hojjatamu beekuuf nama gargaara. Gaafa baajenni bajjatamu mootummaan maallaqa harkaa qabuufi hin qabne adda baasee maallaqa harkaa hin qabne akka hanqina baajetaatti (budget deficit) qabachuun tarsiimoo hanqina kana itti guutu baafata.
Akkuma waliigalaatti yoo ilaalame, baajjenni mootummaan remade kunakka biyyaatti guddina dinagdee % 9 ol ni fida jedhamee tilmaamama. Guddinni kunillee akka kanaan duraa kan arbeeffame miti. Waan dhugaatti siqu fakkaata.
Hayyee! Baajeta yeroo eeganii ramaduun gaariidha; dirqamas. Garuu baajeta ramaduu qofti biyya ni guddisa jedhamee hin yaadamu. Baajenni ramadame kaayyoo qabameef oolee yoo ummata tajaajile guddina fida. Biyya keenyatti gama kanaan hanqinaaleen akka jiran beekamaadha. Fakkeenyaaf dhimmoota muraasa ilaaluun barbaachisaadha.
Gabaasa baajetaa: Biyya keenyaatti wanti osoo hin gabaafamin bira taramu tokko ni jira. Innis itti fayyadama baajetaati. Baajteta ramadame kan marmaartuu keessaa dhibeentaa meeqatu hojiirra oole? Irra caalammoo baajeta kaappitaalaa ramadame keessaa meeqatu karoora qabameef oole? Naannoleen baajeta ramadameef hagam itti fayyadaman? Meeqatu sababa dadhabbii raawwattootaatiin (inefficiency) deebi’e? Bajeta ramadame keessaa manneen hojii baajetaan bulan meeqatu itti fayyadame?
Gaaffileen kunniin mootummaa federaalaa qofa osoo hin taa’ne mootummaa naannolees kan ilaallatuudha. Mootumaanis kana ummatatti himuu qaba; akkuma baajata waggaa ramade nutti himu itti fayyadama baajetaas tokko tokkoon ibsuun irraa eegama. Qaama itti fayyadamuu dadhabes sababasaa wajjin adda baasee tarkaanfii fudhachuun irraa eegama.
Ragaaleen tokko tokko akka mul’sanitti , baajenni marmaartuun kan kaffaltii akka mindaafi durgootiif oolu %100n kan hojiirra oolu akka ta’eefi bajenni kaappitaalaarratti raawwii gadaanaan akka mul’atuudha. Kaappitaala baajetaatti hinfayyadamne jechuun pirojektoonni haala karoora qabamaniifiin hinraawwanne jechuudha. Kunimmoo guddinni ni galmaa’a jedhame sun galma akka hin geenye taasisa. Kanaaf, mootummaan akkuma rammaddii baajetaa Waxabajjii xumura eegee ummattaaf ifa taasisu, itti fayyadama jirus nutti himuu qaba. Yoo sana wal amannee fuulduratti tarkaanfanna. Warri bakka buufannes, paarlaamaa jechuu kooti, raawwachiistota kana gaafachuu qaba. Gaafatees ummataaf gabaasuun irraa eegama.
Karooraafi baajeta. Yoo baajenni karoorfamu hojiin baajenni sun ittiin hojjatamu adda bahee taa’uu qaba. Mul’istoonni raawwii hojii sanaa ( key performance indicator) waliin taa’anii yeroo yeroon ittiin madaalamuu qabu. Sabaabiinsaa karoorri yoo bade maallaqni baajetaan ramadamullee akkasuma waliin waan baduufi.
Yoo karoorri gadifageenyaan xiinxalamee osoo hin qophaa’in hafe maallaqni haga fedhellee ramadamu bu’aansaa xiqqaa ta’a. Gama kanaan manneen hojii akkamitti karoora dhiheeffatu kan jedhamu kun sirriitti ilaalamuu qaba. Karoorfadhaa waan jedhameef qofa waan gaafa waggaan gahe waanuma hunda walitti qabanii dhiheessuun ummatas biyyas hin fayyadu. Maallaqa argachuuf qofa karoora raawwachuu hin dandeenye karoorsuunillee sirrii miti.
Kanaaf baajenni guddaan ramadame jennee harka rukunnullee, dhimmi karoora hojii kun akka biyyaatti gadi fageenyaan xiinxalamuu qaba. Karoorriifi baajenni walsimanii walmaddii deemuu akka qaban, kanas paarlaamaan keenya yeroo yeroon xiinxaluufi humna raawwachiistumaa qofa osoo hin taane humna karoorfachuu qaama raawwachistotaa cimsuun irraa eegama.
Qisaasama Baajetaa: Maddi baajetaa essaa jennee yoo gaafanne inni guddaan kiisii ummataati. Daldalaan gibra baasa, taaksii kaffala. Inveestarris akkasuma. Qonnaan bulaan waggaa waggaadhaan gibira adda addaa baasa. Hojjataan mootummas akkasuma. Maallaqni bajetaa eessaa dhufa jennee yoo gaafanne harki caalu akkuma Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsanitti, kiisii ummataa keessaa baha. Gibirarraa funaanama. Taaksii irraa walitti qabama. Kan liqiin dhufu yoo jiraate liqiin sun ummatarraa walitti qabamee deebi’a. Deeggarsillee yoo jiraate maqaa ummataatiin dhufa.
Maallaqni ummatarraa walitti qabamu kun sirnaan hojiirra ooluusaa mootummaan to’achuun diqamasaati. Haalli malaamaltummaa biyya kana keessa jiru bu’uuraasaa gadi fageeffachaafi toftaasaa jijjiiraa waan dhufuuf gama kanaan hordoffiifi to’annoo akkasumas hubannoo uumuurratti cimanii hojjachuun ni barbaachisa. Malaammaltummaan alatti qisaasamni adda addaa jiraachuu ni danda’a. Meeshaaleen bitaman osoo hojiirra hin oolin tortoranii baduu, maallaqatti seeraan itti fayyadamuu dhabuufi kan kana fakkaatan baajenni waan ramadameef akka hin oolle wantoota taasisan keessatti eeramu. Kanaaf baajeta irratti qisaasamni akka hin uumamne ciminaan hojjechuun ni barbaachisa.
Akka waliigalatti, biyyi keenya iyyeettiidha. Biyya kamittuu qabeenyi (resource) guutee irraa dhangala’u hin jiru. Kanaaf biyya iyyeettii kana keessatti baajenni ramadamu of eeggannoon hojii qabmeef ooluu qaba. Gama kanaanimmoo to’annoo, hordoffiifi deeggarssi qaamolee mootummaa sadeenuu jechuunis qaama seera baasu, qaama raawwachiisuufi qaama seeraa hiiku ni barbaachisa. Paarlaamaan keenya paarlaamaa sodaan guuttame ta’uu hinqabu. Paarlaamaa ilkaan qabuufi kan mirga seeraan kennameef hojiirra oolchee itti fayyadama ummataa mirkaneessu ta’uu qaba.
Hogganaan qaama raawwachiistuu kan ta’e ministirri muummichaafi kaabineensaallee hojii lakkaa’ee walitti kennee walirraa fuudhuu qaba. Amma wanti ummanni barbaadu hoogganaan ykn ministirri ebelu jedhamu hojii itti kenname waan hojjachuu dadhabeef hojiisaarra ka’e kan jedhuudha. Qaamni seeraa (judiciary branch) akka ergamaasaatti hojiisaa ba’uun irraa eegama. Yoo hunduu waliin dubbachaafi wal to’achaa deeme baajenni ramadame kunis hojiirra oolee guddina dinagdee biyyattiif oola. Ummanni keenyallee irraa fayyadama.
Bara baajetaa milkii nuuf haa ta’u. Torban mataduree biraan walitti deebina.
Dachaasaa Roorrootiin
Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011
3 Comments to “Karoora, baajataafi raawwii”