Aannan Leencaa…

Akkamiif akkamitti jirtuun keenya akkuma ittuma fufetti jira. Egaa “ollaan akkam bultee beeka akka itti bulemmoo abbaatu beeka” jedha Oromoon. Kanumaafin akkamiif attamii kana irra daddarba. Torbanoota darban keessa dhimmoota adda addaa dabaalee isiniif dhiheessaa tureera. Muraasni keessan naaf barreessitanii yaada gaarii naaf kennuu keessaniif guddaan isin galateeffadha. Warri natti muufattanii karaa natti cuftanis guddaa galatoomaa. Ani garuu baay’een isin jaaladha waan ta’eef isinitti hinmuufanne. Isinitti muufadhee boru eenyu natti haamuufatu? Walumatti mummuufachaa bara dabarfanna malee walirraa fagaannee eessa geenya? Akkuma xaddee biyya Saaybeeriyaa. Saaybeeriyaa beektu mitii?

Saaybeeriyaan biyyoota addunyaa keessaa baay’ee cabbooftuudha jedhu beektonni dhimmoota biyyaa qoratan. Xaddeen biyyoota kanaa yeroo keessaawuu baayyee cabbaa’utti akka oo’aa argataniif jecha qoraattii isaanii sanaan walii walii isaanii waraanaa yeroo dabarfatu jedhan. Yeroo xiqqoo ganni darbee cabbiin sun qabbanaa’ufitti madaa isaanii sana qoorfatu. Tokkoon isaaniyyuu wal hinkomotan jedhan. Eenyu eenyuun akka waraane kan hinbeekne akkamittiiin walitti muufaturee? Osoommoo walii walii isaanii waraanaa ganna san bahuu baatanii qorraaf saaxilamanii du’u ture mitiiree? Gamtoomuu isaanitiin rakkina walirraa qolatu ture. Maalumaafuu “harreen waldhiitti malee ilkaan wal hincabsitu” akkuma jedhan san taate dubbiin xaddeewwan warra Saaybeeriyaa sun.

Maarreekaa barreeffamootakoo keessatti aniif wasiillikoommoo akka haalaan isin bashannansiisaa turre abdii guddaan qaba. Wasiillikoo yeruma hunda aannan leenca lamaan tokko dhudhaanaan inuma nabashannansiisa. Nubashannansiisuu qofaa miti inuma nubarsiisa. Nubarsiisuu qofaas miti waan baay’ees nu irraanfachiisa. Ofuma nun irraanfachiisiin malee waan biraallee irraaffannu booda inuma yaadanna. Wanti hamaan of irraaffatanii maalummaa ofii wallaaluudha. Aannan leencaa yommuu baay’atu garuu of nama wallaachisuu isaa wasiillikoo kuni yeroo baay’ee natti hima ture. Aannan leencaa jalqaba namatu dhuga. Lama dabarraan aannanichatu aannan biraa dhuga. Boodarra aannanichatu nama dhugu san fudhatee lixa. Eessattiin akka lixu warra lixee deebi’e gaafannee deebina. Garuummoo waayee aannan leencaa haasaawwan keenya baay’ee isaa keessatti inuma kaasna.

 Yaa aannan leencaa! Kan beekutu beeka… abbeeraan kiyya sun leencas elmee aannan isaa raabsaa akka ture nuttimee jira. Aannan leencaa dhuganii leencaa miti adurreeyyuu hinta’ani. Adurree? Adurreen bar eessuma bosona keessaa qabdi kanaaf dhaadatti. Osoo jennuu eessuma bosona keessaa qabaachuu isheetti adurreen hammam akka kabajamtu anumatu beeka. Maal qabamee osoon akkuma adurree anis bosona keessaa eessuma qabaadhee ittiin dhaadadhee? “Abshiraa!” jedhe Abbaan Bushiraa!

 Bosona jennaan Abbeeraakoo sanin yaadadhe. Abbeeraankoo sun loltuu lolchisiisaa akka tureefi yeroo tokko waraana hamaa keessa osoo jiranuu bosona keessaa bahuu hindandeenye keessa galanii karaa ittiin waraana gaggeessu dhabee rakkate. Bosona saniin liqimfamee diina arguu dadhabe. Boodarra abbaa malaas waan ta’eef malli tokko dhufeefii mala saniin lafa diinni isaa jiru argee diina isaa waraanee injifatee nishaanii badhaafame. Malichi maal akka ta’e isinintti himuu? Mee dura bunni isin jalaa qorreera waan ta’eef shukkaara isaa sochoosaatii dhugaa. Isin jalaa cabbaayee? Kan biraa fichisiisaatii dhugaa…

“Asallaan Goondee biraa chiggirii maaltu jiraa?

Hojjenneet kafallaa waa falfallaa?”

Jetti ture haati Dammaa. Wayyoo haadha Dammaa dubartii bareedduu ollaa keenyaa kophaa galtu san. Dubartii haasaan ishee hinquuffamne san. Dubartii jaalalaa…jaalatamtuufi jaalattuu… egaa maal gootu namoota akkasii jalatti guddadheen as gahe. Yoona bar kan kanattuu inaafu hindhabamu.

Namoonni tokko tokko aannan leencaa yommuu dhugan qublamee ishee dhumaatuu osoo hinfixin muguu jalqabu. Haati Dammaa gaafa aannan leenca unattefaa hirriiba hinqabdu ture. Halkan guutuu weeddisaa bulti ture. Weedduu ishee keessaa kani ammayyuu hin irraaffanne isa isheen sanyoo ishee Jootee Tulluutiif weeddistu tokko. Jootee Tulluu isa abbaa Seenaa isa hundi keenya beeknu san miti. Jooteen Tulluu nama qonnaan bulaa cimaa Sanbata Duraa yeroo hunda farda daamaa yaabbatee gabaa bahu tokko. Izgoo yaa addeenya gaabii isaa. Izigoo sagara farda isaa. Akkaataan qabannaa alangee isaatuu qeenxiidhaan ture. Egaa Jootee Tulluu kana Haati Dammaa keenya

 “Jootee Tulluu dargaggeessaa

Lootee hindhuftuu lafti addeessa”

jettee faarsiti ture.

Dhuguma innis Sanbata Xiqqaa shaa shambaa jedheetuma farda daamaa sanaan sagaraa dhufee ennuma naannoo mana Haadha Dammaa gahuuf xiqqoo isa hafu farda isaa dallaadhuma wayiirratti shab godhee ofirra bibirrachaa, loowaa gara mana Haadha Dammaa deema. Ajab yaa gammachuu jara lamaanii… animmoo akkan amma fajaje kanaa miti waan shankoora ittiin bitadhu waan naaf kennuuf yeroo baay’ee ennaa inni dhufu fiigeen harka fuudha. Innis fardasaa akkan eeguuf nattimee shilingii tokko natti kennee nagammachiisa. Gaafa tokko tokko sumuniis naaf kenna. Ani doolchees (10C) naaf kennu inuman gammada. Wanti guddaan guyyaa gabaatiin shankoora osoon hin nyaatin ooluu hinqabu malee. Kanaaf dhufaatiin Jootee Tulluu Haadha Dammaa qofaa miti anayyuu nagammachiisa ture. Shankoora shilingii tokkoon bitannaan hiriyootakoo wajjin guyyaa guutuu nyaachaa oollee afaan keenya madaa’ee galgala irbaata nyaachuuf rakkanna ture.

 Animmoo daa’imummaakootti akkan amma fajaje kana miti. Mucaa qaruutee wayiin ture. Jootee Tulluu akka firaankaa naaf kennuuf jecha waanin hin ergamneef hinqabu. Jalqaba akkuma dhufeen hojii naannoo qulqulleessuu anatu hojjetaaf ture. Naannoo qulqulleessuu yommuun jedhu isa akka Dr. Abiyyifaa jalqabsiisan kana hin turre. Qulqulleessuu sana kanin raawwachaa ture ijumakootiin ture. Fiigee deemeen mana Haadha Dammaa eenyu akka jiru ilaalee achumaanuu Haati Dammaas Jootee Tulluu dhufuu isaa akka quba qabaattun odeeffannoo kennaaf ture. Yoonakaa fuulli jara lamaanituu addeessuma Masqalaa fakkaata. Altokko tokko yommuun yaadu malaammaltummaan amma hojjedhu kanaaf barsiisnikoo yeroo ijoollummaa dhiibbaa anarraan kan geessise natti fakkaata. Amma garuu eessa akkan jiru beektuu?…. eessan jiraa?….uuuu… ibsaan….

Qalbeessaa Magarsaa: Barnoota Gaazexessummaatiin
maastarsii qaba. Barreessaa, Daarektaraafi Piroodiwusarii diraamaati.
kelbemeg@gmail.com

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

7 Comments to “Aannan Leencaa…”

  1. Pingback: click now
  2. Pingback: Racial segregation
  3. Pingback: Buy Guns Online
  4. Профессиональный сервисный центр по ремонту бытовой техники с выездом на дом.
    Мы предлагаем: ремонт крупногабаритной техники в москве
    Наши мастера оперативно устранят неисправности вашего устройства в сервисе или с выездом на дом!

  5. Pingback: go to this website

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *