Sirna Gadaa keessatti jaarmiyaaleen hawaasa ijaare hedduutu jira. jaarmiyaalee kanneen keessaa walitti bu’insa hawaasa keessatti uumaman kan hiikaniifi rakkoolee mul’ataniif fala kan kennan hedduutu jiru. Kanneen keessaas kan filataman jaarmiyaalee Moggaasaa, Siiqqee, Gumaa, Kallachaafi Caaccuu, Qaalluufi Ayyaantuu, akkasumas jaarmiyaa Bokkuuti. Hunda dura garuu kan Moggaasaa yaa ilaallu.
Moggaasa
Moggaasa jechuun maqaa baasu ykn beekumtii kennu yoo ta’u, akka aadaa Oromootti nama dhala ykn ilmoo dhabe tokko daa’ima firaas ta’e kan hambaa guddifate dharraa ilmoo argachuu guutachuufi, akka ilmoo ofiitti guddisu, kununsuuf adeemsa lallabbii seeraa moggaasa itti argatuudha. Kana malees, rakkoo sababa namtolcheefi uumamaatiin raawwateen gosti Oromoo hin ta’iin tokko naannawaa jireenya isaa gadi dhiisuun gosaan Oromootti galuun beekamtii seeraa argachuun rakkoo isa quunnamu moggaasaan kan itti furatudha. Kana bira dabrees jaarmiyaa moggaasaatiin namoonni Oromootti makaman ija obbolummaatiin qabamanii gosa Oromoo isa moggaafate biratti seera Gadaatiin mirga namoomaa mara kan argatan ta’u.
Gadaa keessatti Ummanni Oromoo ilmaan baayyee qabaa. Isaanis Ilmaan Gudeedaa, Barcumaa, Kan boojuu, kan mixiifi kan Moggaasaati. Kanneen keessaa ilmaan barcumaa kan jedhamu Ilmaan seeraa (Moggaasaa) Kallachaafi Caaccuun bahee moggaasni itti raawwatamu waan ta’eef akka ilmaan ofiitti lakkaa’amu.
Guddisniifi Moggaasni gosoota walitti bu’an jidduuttis araara uumuuf godhamuu danda’a. Kunis waan walitti makamanii maatii tokko ta’aniif nageenya uumuu danda’u. Guddisa keessatti irra caala kan guddifataan fudhatamu ilma dhiiraa yoo ta’u, darbee darbees dubartiis ni guddifatu. Sababni isaas dhiirti waan araddaa abbaa dhaaluufi hanga dhumaatti wajjin turuuf jedhama. Guddifannaa booda sirni Moggaasaa kun iddoo tokko tokkotti kan gaggeeffamu halkan walakkaadha. Iddoo tokko tokkotti yeroo kana gosti namticha guddifatuu akka sagaleen mormii hindhaga’amneef fageenyaan marsanii waraana qabatanii adeemsa seeraa akka hordofu taasifama.
Mirgi nama moggaafamuufi kan guddifatuu bifa kamiinuu akka hindhiibamneefi hinmiidhamne seerri moggaafannaa ni dhorka. Yeroo kanas gara lamaaniinuu firri ba’ee eessumn gara lamaanii dhufanii jilbeeffatanii alangaa qabachuun, waraana shaniifi alangaa shanan ciibsanii Kallachaafi Caaccuu qabatanii hayyoonniifi Gadamoojjiin, jaartii Cifireen ni dhufu.
Warri eessumaa koottu, dhufee, jechuun seera Gadaa eeruun seera Moggaasaa ni lallabu. Moggaafamni gaggeeffame kun seera qabeessa ta’uu isaa ibsuun lallabu. Kana booda namtichi moggaaffame qaama warra moggaafatee ta’uu isaa akka isaanitti makameefi mirgi isaa seeraan akka eegamu ni himu. Namoonni gosa bakka bu’anii argamanis seera Guddifachaa kana kabajuufi kabachiisuuf dirqama qabu.
Kanaaf Moggaasni hammam wal-diddaas ta’e hammeenya hambisuun wal danda’insaafi tokkummaa hawaasaa akka cimsu hubachuun ni danda’ama.
Jaarmiyaa kana keessatti gareen ykn namni moggaasa gaafatu tokko gaaffii moggaafamu gosa ykn maatii Oromoo tokkoof kan dhiyeeffatu ta’a. Hayyuu dureen gosaa ykn Abbaan Malkaa Oromoos gaaffii dhiyaate irratti hundaa’uun Abbootii Gadaafi dursitoota gosaa walitti qabuun akkataa heeraafi seera Gadaa tume eeruun sirna moggaasaa yookiin lallabbi ni raawwatu. Yeroo moggaasni raawwatu meeshaaleen jila kanarratti mul’atan, alangaa shan, waraana shan, barcuma shan ,bokkuu shan ta’u. Kunis seera miseensa gadaa shanan itti walii galanirratti kan hunda’edha.
Qaamni moggaafamuufi moggaafatu jilbaan jilbeeffatanii hayyuu seera lallabuun (koottu – Dhufe) jechuun akkaataa kanaan seera tumaa Gadaa eeruun moggaasa raawwatu.
Seeroota iddoo moggaasaati Lallabaman
Namni kun moggaafamuu gaafate,
moggaasaan seera!
Eeyye seera!
Nama itti moggaafamu filate, seera qabeessa !
Eeyye seera qabeessa !
Seerri moggaasa kunis kan Gadaati
Eeyye kan Gadaati!
Moggaasa keessatti maqaa itti baasuun seera
Eeyye seera!
Maqaa kan baasu Abbaadha
Eeyye Abbaadha!
Kan mirkaneessu lammiidha
Siigaleefan jedhe.
Seerri kun seera Odaati
Eeyye kan Odaati!
Seera Caffeeti
Eeyye kan Caffeeti!
Moggaasee ilmoo godhate
Moggaafame Ilma ta’e !
Eeyye ta’e!
Sabummaan isaa (B) kan ture
Hara’a kaase Oromoo ta’era !
Tumamte seera
Muramte seera !
Seerri kun hinjigu; hindhangala’u Seera!
Eeyye seerri
Tumaan kun hinjigu, hindhangala’u!
Ergaramaan kan Abbaati
Eeyye kan abbaati !….
Jechuun Abbaan Gadaa waraana lafatti dongoruun seerichi akka hinjigne hindhagalaane labsa.
Yeroo kana namoonni garee lamaan irraa walitti bahan akka ragaatti dhaabbatanii akka dhaggeffattan ni godhama. Akkaataa dambii tumameen fedhii isaaniitiin moggaasicha raawwachuus ni mirkaneessu. Yeroo sanarraa kaasuun gosti ykn namni moggaafame sun qaama hawaasa moggaafatee san waan ta’eef Buusa Gonofaan ykn kennaan horii ni godhamaaf. Qabeenya walitti qabamaf jechuudha. Maatiis akka godhatu gaa’ela raawwachuu danda’a, miseensa Gadaattis ni makama. Duraan jibbinsaafi rakkoo kan qabaatan yoo ta’ellee moggaasaan booda lamuu rakkoo biraa umuun hindanda’amu.
Adeemsi Moggaasa yeroo raawwatamu seerri Gadaa tuqamee ibsi ni kennama. Kunis mirgiifi dirqamni qaamolee lamaanii kan itti himamudha. Abbaan Gadaa, jaarsoliin biyyaafi qaamni hawaasicha bakka bu’u garee lamaan irraa argamuun Moggaasichi mormii tokko malee fedhii isaaniitiin akka raawwatame himama. Kunis akka miseensa Gadaa shanan bakka bu’an ta’ee alangaafi waraana shanan lafarra diriire “Koottu! Dhufe!” jedhamee seera Caffeen tumte eeruun Moggaasicha kan raawwatan ta’a. Haaluma kanaan namni Moggaafamu sun ilmaafi gosa Oromootti makamuunsaa ifati himama. kana booda Oromoo ta’uusaas cidhaan ifa ta’a. Ilma ta’u kan hinbarbaannes yoo ta’e, maatii gosaa ta’ee akka itti fufu ni godhama. Akkaataa kanaan gosoonni xixiqqaa hedduun moggaasaan Oromootti makamuun nageenyaafi firoomina gaariin waliin jiraachaa jiru. Kanaafis gosa Meedhachaa jedhamuun ummata Oromoo waliin kan jiraatan ni jiru. Waan kana ta’eef jaarmiyaan Moggaasaa aadaa wal danda’uun jaalalaafi tokkummaan waliin jiraachuu keessatti fakkeenyummaa gaarii qaba.
Obbo Alamaayyoo Haayilee
Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala
Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee
seenaati.
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22/2011
6 Comments to “Jaarmiyaalee Sirna Gadaa”