Sudaan Tasgabeessuun Eenyuyyuu Caalaa Oromoo Fayyada

Bakki argama Itoophiyaa kuni kaartaa Addunyaa fudhannee yoo ilaalle handhuura lafaati jechuun homaa waan haalamuu miti. Bakka Kanaan Battalee Siyaasaa Tarsiimawaa (strategic geo-political zone) jedhuun ogeeyyonni dame kanaa. Gaanfa Afrikaa jechuu dha. Bakka ardiiwwan torban soolaar siistamii keessa jiran keessaa sadi itti walitti dhufanii jechuudha. Afrikaa, Eeshiyaafi Awurooppaa. Qaroominoota gurguddoo bara durii keessaa muraasnis kan argaman naannawuma kanattiidha. Isaan keessaa qaroomina Kuush, qaroomina Masrii, Aksuumiifi Nuubiyaa yoo ta’an, Galaana Diimaa gamaanis Qaroomina Mesoppotaamiyaafi kan Baabiloon tuquun ni danda’ama. Laggeen gurguddaa madda qaroominoota kanaa ta’an keessaa inni hangafti, Lagni Abbayyaatis (Nile) Itoophiyaa irraa burqa. Dachee argama ilma namaati Itoophiyaan. Biyya kitaaboota qulqulluu amantii Kiristaanaafi Islaamaa keessatti irra deddeebiin faarfamteedha. Kuni ammoo naannawichatti biyya hangafaafi ummata kabajamaa addunyaan gurra laattuuf akka taatu ishee godheera. Kana malees naannoon kuni daldalli addunyaa harki jahaatamni bakka itti gaggeeffamuu dha. Sababoota kanneeniif ija biyyoota addunyaa iddoo harkisuudha.

Itoophiyaan handhuura lafaati erga jennee Oromoon ammoo IJA handhuura kanaati. Oromoon ummata akka hapheetti tokkummaa Itoophiyaa kana eegee waltajjii addunyaa irratti kabajaafi dhageettii akka isheen gonfattu taasiseedha. Hojiin siyaasaa, dinagdee, nageenyaafi dippiloomaasii Oromoon keessatti hinhirmaatiin kan Itoophiyaan ittiin milkoofte gonkumaa hinjirus, jiraatees hinbeeku. Warraaqsi siyaasaa waggoota dabran biyya keessatti taasifamaa ture hariiroo siyaasaa biyya keessaa sirreessuu bira darbee kan biyyoota ollaatis sarara qabsiisuu eegale.

Itoophiyaan tokkoomte Gaanfa Afrikaatti hafuura nagaalessaa biifte. Abbaan piroojektii kana hundaa ammoo adda durummaan ummata Oromooti. Ministirri Muummichaa haaraan yeroo duraatiif saba kana keessaa aangoo guddaa biyyattiitti ol bahe ergama Oromoo kana hojii qabatamaatti hiikuu jalqabe tokko jedhee Ertiraa irraa eegaluudhaani. Kan Addunyaan hundi abdii irraa murattee ummanni obbolaan shira gareen siyaasaa yartuun xaxxeen walitti diinomee dhiigaan wal-barbaadaa ture harka ilma Abbaa Gadaatiin imimmaan jaalalaa walitti roobsee araara dhugaa labsate. Keeniyaa, Somaaliyaa Jibuutii, Sudaan, Ugaandaa Ruwaandaa tokko tokkoon daawwatee nageenya biyyoota ollaatiif dirqama hangafummaasaa bahachuu ittuma fufe.

Amma hunduu nagaadha. Ji’oota muraasaa as garuu jijjiiramni siyaasaa Sudaan keessatti bifa haaraan taateewwan haaraa galmeessisuu eegale. Humni waraanaa mootummaa durii aangoo ceehumsaa qabate. Ummanni ammo warraaqsa mootummaa siviilii barbaanne malee fonqolcha humna waraanaa durii sanatti deebi’uu hinbarbaannuu aangoo mootummaa siviiliitti dabarsaa laadhaa gaaffii jedhuun daandiirratti erga bahanii torban hedduu dabarsaniiru. Waldhabdee kana ammoo maanguddoo biyyaa tahanii akka araara buusan Ilmi Abbaa Gadaa, Ministirri Muummee keenya filamaniiru. Faayidaawwan imalli kuni Itoophiyaadhaaf, caalmaatti garuu Ummata Oromootiif qabu akka armaan gadiitti ilaaluuf ni yaalla.

1. Dippilomaasii Idil Addunyaatiin

Akkuma beekamu Oromoon amma dura waltajjii idil addunyaa irraa shira garaa garaatiin akkasumas tokkummaa dhabuufi laafina keessootiin akka fagaatu taasifamaa ture. Kanarraa kan ka’e ummanni addunyaa waa’ee saba kanaa irratti hubannoo tokko hinqabu ykn karaa faallaatiin hubatama. Saba biyya diiguufi boodatti hafaa godhanii bocuun gitni bittaa bara dhufaa darbaa aangootti ol bahu kana bareechee hojjachaa ture.
Waggaa tokkoo kanaa as garuu seenaan sobaa suni akka hindeebinetti geeddaramuu eegalame. Dr Abiyyi istaandaardii haaraa diriirsuu eegale. Kun gumaacha Oromoon addunyaatti ‘exhibit’ godhu akka ta’e warra dur doofummaan nu beekan hundi akka mataa nuuf raasan isaan dirqe.
Gaanfa afrikaa dur akka mana masaanuutti ganamaa galgala wal qoraasaa ture tokko lama jedhee walitti suphuu eegale. akkas akkasiin Sudaan irra gahame.
Oromoon karaa lamaan kallattiin addunyaan wal qunnama. Keeniyaafi Sudaaniin. Dhiibbaan kaleessa biyya keessatti saba kanarra gahaa turees tokko hulluuyxoo lameen kana itti danqarsuudhaan karaa inni addunyaatti sagaleesaa hindhageessifanne   dhoowwuudhaani.

2. Nageenya Biyya Keessaatiif
Akkuma hunduu yaadatu, Oromoon qabsoo siyaasaa hammayyaa gaafa jalqabuudha kan Addi Bilisummaa oromoo (ABO) hundeeffame. Waggoota afurtamman har’aa biyya keessatti sosso’uun waan hindanda’amneef gaaddisa “Waldaa Maccaafi Tuullamaa” tiin erga hundaa’e booda ABO ta’ee qabsoo sabichaa “officially” kan inni waltajjii addunyaatti ol baase erga waajirasaa Somaaliyaa Maqdishoottifi Sudaan Kaartuumitti banatee boodadha. ABO malees dhaabbileen hidhannoo biroo kan akka ‘TPLF’ faanis mandheeffatanii qabsoo isaanii bakka itti gaggeeffachaa turaniidha.

.”Oromoo wa Sudaan
Akhwaan Akhwaan Akhwaan” jedhe Artist Nuuhoo Goobanaa wallee isaa sagalee
qabsichaa ta’an saniin. Oromoofi Sudaanonni obbolaadha jechuu dhaaf.

Kanaaf tumsitoota qabsoo keenyaati. Yeroon wanfala isaanii baafnu amma.
Kana malees ollaadha. Dhibeensaanii dhibee keenya. Nagaa dhabuunsaanii nun nageessu. Abbichuun kana argeetu Mootummoota ollaa kan biroo caalaa araara isaaniitiif kan inni imale kan Gamtaan Afrikaas isatti amanee maanguddoo araaraa godhee filateef.

Akkuma dawoo qabsoo keenyaa taate hunda miidhaanis kallattii saniin akka nu seenu haalli mijaawaan tureera. Waanuma dhiheenya kanaa qofa ta’e yaadachuun gahaadha.

Dhimmi ijoon nageenya jaraa kana buusuuf nu dirqu inni biraa waa’ee hidha laga Naayiliin walqabatee jiruu dha. As keessatti yeroo baay’ee mootummaan Misir waliigaltee itti fayyadama laga Naayil irratti biyyoota yaa’a lagichaa keesssa jiran waliin tokkoomee deemuu irratti dhibaa’ummaa hamaa keessa ture. Sababa kanaanis sodaan bal’aan gaanfichatti akka uumamuu malu taasise. Kanas mootummaa Albashiir ufitti qabuudhaan dhiibbaa uumuuf carraaqaa tureera. Itti fayyadama qixaawaafi haqa qabeessa lagichaa irratti seera hundaa fayyadu tumuuf araarriifi nageenyi keessoo Sudaan murteessaadha. Imaammata jallataa gama kanaan murnoonni keessoo mootummichaa hordofan akka sirreeffatanis ni taasisa.

Dhimmi kun Itoophiyaafi biyyoota yaa’ichaa kan fayyaduudha. Tarii eenyuuyyu ol ammoo Oromoo yaa’a kanaaf dhibbeentaa 70% ol gumaachu kan fayyaduudha.

3. Haqa Ollummaa Eeguu
Dhumarratti Oromoon ummata safuu Waaqaatiin buluufi kanaafis eddoo guddaa laatuudha. Kana keessaa ammoo ganamuu ollaasaatiin “warrana nagaa bultanii?” jedhee nageenya ollaasaatiif hawaasa dhimmamuudha. Dippilomaasiif osoo hintaane uumamasaati waan ta’eef.

Abbichuun kanuma milkeessaa jira…kan na dinqe bakka dhaqe hundatti kanuma inni dhimma lammiileesaa biyya ormaatti dagataman irraanfachuu dhabee iyyaafatee boollaa baasee of duukaa fudhatee galuudha. Namoota 78 bollaa baasee walakkaasaanii ammoo huddeellatee fudhatee gale. “Kan Dr Abiyyi maalan dubbadha gaa” jedhe namichi inni hidhaa baasee xayyaara isaatiin fudhatee gale tokko imimmaan ija guutee… anuu nan boohe!
Ulfaadhu Muummicha. Mootummaan waraanaa maanguddummaa Abbichuu kana fudhachuu didee achi garagalee lammiileesaarratti rasaasa roobsuun lubbuu namoota dhibbaa olii galaafachuu miidiyaan gabaaseera. Ammas ofiif jecha Oromoon nageenya biyya ollaa kanaaf maanguddummaa dhaabbachuu qabaan ergaa keenya. Ulfaadhaa!


   Hora Bulaa Deebanaa!!!

Hamiltan Abdulaaziiz
Afaaniifi Gaazexeessummaadhaan Yunivarsiisii
Finfinneerraa digrii jalqabaa qaba. Wayita ammaa
dhunfaadhaan hojjeta


Recommended For You

2 Comments to “Sudaan Tasgabeessuun Eenyuyyuu Caalaa Oromoo Fayyada”

  1. Pingback: sideline

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *