“HAWAASI MUSLIMAA CIMAAN BU’UURA TOKKUMMAA ITOOPHIYAATI” -Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad

Itoophiyaan seenaa guddinafi babal’ina amantii Islaamaa keessatti biyya bu’uura ganamaa lafa keesseedha. Islaamummaafi Itoophiyaan hiriyaadha; umrii tokko qabu. Islaamummaan Makkaafi Madiinaa itti dhalate ykn kan har’a ardaa jilaa amantichaa godhamanii fudhataman kanneen dura kan inni daa’imee tirate jabaatee miilla lamaan dhaabbate asuma biyya keenya Itoophiyaatti.

Barreessitoonni addunyaa tokko tokko Amantii Islaamaa addunyaadhaaf kan gumaache Itoophiyaadha jedhu. Seenaa baqattoota jalqabaa (Al-Muhaajiruun) dhiibbaa  Qureeyshota Makkaa jalaa baraaruuf abbaa amantichaa kan ta’an Nabiyyuu Mohammad hordoftoota isaanii gara biyya keenyatti erguu isaanii ibsuudhaan.

Adeemsaan garuu biyyi amantiifi lammiilee biyya ormaatiif jannata itti baqatan taate kuni lammiilee isheetiif garuu mana dararaa ta’uun dukkanni gabrummaa jaarraa hedduuf irree godhatee dagaage. Afoola

moofaa Abisiiniyaa bara dhufaa darbaa “Itoophiyaan Odoola Kiristaanaa Galaana Islaamaafi Awaamaa (amantii-dhabeessa)tiin marfamtee (Christian island in the Ocean of Islam and Pagans)dha” jedhu lallabuudhaan seenaa dhugaa biyyattii awwaaluun akka gita bittaa isaaniitiif tolutti addunyaa dhubaa turaniiru.

Akka ragaan Abbaa taayiitaa Istaatistiksii federaalaa mul’isutti guutuu ummata biyyattii keessaa harki wayyabni walakkaatti siiqu hordoftoota amantaa kanaa ti. Kana keessaa ammoo harki guddaan Oromoota. Ummanni Oromoo sabaafi sablammoota biyyaattii keessaa  baay’inaan akkuma tokkoffaa ta’e baay’ina hawaasa muslimaatiinis isa duraati.

Oromoofi Islaamummaan jaarraa 13fa irraa eegalee akka walitti dhufan seenaan ni addeessa. Mootummoota Islaamaa bara durii (Early Muslim Sultanates) biyya kanaa keessaa kanneen akka Shawaa, Baallii (Baalee), Shirkaafi Dawwaaroo-naannoo Godina Arsii lafa Oromoorra kan turaniifi hawaasuma Kanaan kan bu’uureffamanii dha.

Bara jiddu-galeessaa qorattoonni seenaa “Medival Period” jettuun keessatti yemmuu addunyaan impaayeroota amantii bu’uureffatan gulantaa lamatti wal-qooduun biyya lafaa kana goolan keessatti Oromoon Sirna Gadaasaatiin nagaafi jaalalaan qe’eesaatti jiraata ture.

Dhawaataan garuu dhiibbaa humnoota abbaa irree yeroo Sanaa “the Roman and the Ottoman Empire” jalaa bahuu hindandeenye. Giti bittaan kallaattii lamaan Kibba Bahaafi Kaabaan itti aggaamame kunis amantii Kiristaanummaafi Islaamummaa dabalatee eenyyummaasaa isa ganamaa ukkaamsuudhaan  biyyuma isaa irratti garba taasise.

Kanarraa kan ka’e ummanni guddaan Gaanfa Afrikaa hortee tokko irraa madde kuni kaampii ormaa lamaanitti qoqqoodamuun alagaa walitti tahe. Mootummoonni biyyattii jaarraa 15fa irraa kaasee hamma dhiheenya kanaatti aangoorra turanis hacuuccaa kana waliif dhaamuun gadadoo ummatichaa hammeessaa turaniiru.

Akkuma beekamu cunqursaan ummata keenyarra gahaa ture dachaadha; cunqursaa sabaafi gitaa. Oromoon eenyummaa sabummaasaa irra darbee amantii hordofuunis mirgisaa dhiitamaa ture. Hacuuccaan ummata keenyarra gahaa ture dhumaatii jumlaa (Genocide) amantiitiini kan inni eegale; Oromoota Walloo akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. Bara Minilikis Oromoonni Arsiifi Harargee garbummaa eenyummaa sabummaafi amantii isaanii sarbuuf itti dhufe ofirraa faccisuuf aarsaa seenaan yaadatu sana kanfalaniiru.

Gaaffiiwwan mirgaa hawaasi gama kanaan kaasu sirni fiwudaalaa hamma bara Atsee Hayilasillaaseetti ukkaamsuu ittuma fufe. Heerri mootummaa maqaadhaaf yeroo sana bahes fedhii gita bittootaa qofa guutuuf kan bocameedha. Mootummaan dargii sana booda dhufe ammoo tasumaa beekamtii dhoowwachuun amantiilee jiran daranuu hacuucuutti gale.

Qabsoon waggoota dheeraaf lammiileen biyyattii kabajamuu mirgoota kanneeniitiif taasisan firii buusuu kan inni jalqabe heera mootummaa kufaatii dargii booda bara 1987 ragga’eeni. Haa ta’u malee kunis murna aangoo siyaasaarratti ol’aantummaa qabaachaa turaniin raawwiinsaa dabee lammiilee hedduu hidhaa fi ajjeechaan akka irra gahuuf sababa taasiseera.

Seenaan kun garuu waggaa tokkoo as yeroo duraatiif bifa argamee hinbeekneen seeneffama(rhetoric) biyyattii hundeerraa geeddare. Oromoon gara aangootti dhufuun wabii sabaafi sablammootaa qofa osoo hintaane walqixxummaa amantiiwwan garaa garaatis akka tahe qabatamaan mul’ise. Oromoon amantiisaa namarratti hinfe’u, Oromummaas sirna madaqsuu (assimilation ) garaagaraatiin eenyulleen fedhiifi fedhii isaatiin qofa akka itti makamu taasisa malee dirqiidhaan “har’aa qabee ati Oromoodha”  jedhee hin labsu. Kuni safuu dha.

 Doktar Abiyyi Aihmad ministira muummee ta’uun erga gara aangootti dhufanii booda murteewwan jajjaboo aadaalee boodatti hafoo siyaasaa geeddaruun hafuura bilisummaa nutti urgeessan. Kanneen keessaayis rakkoolee amantiiwwan keessaafi waliisaanii gidduu jiru akkasumas hariiroo mootummaa wajjiin jiru irratti ejjennoo mootummaa sirreessuudhaan gara tokkummaafi jaalalaatti akka ceehan jajjabeessan.

Jaarmiyaa ‘Majlisaa’ kan hawaasa muslimaa biyyattii bakka bu’e rifoormi akka ta’u koree cimaa biyyoolessaa ijaaruun haaromsa amantii Islaamaa keessatti eegalan. Haaluma walfakkaatuun amantii Ortodoksii keessattis waldhabdee abbootii amantii gidduu ture furuudhaan tokkummaa gamana jiru gamasittis akka dagaagu raajii guddaa hojjetan.

Hirmaanaa cimaa fi jaalala fulla’aa hawaasa Muslimaatiin ala biyya kana ijaaruus ta’e nageenya waaraa fiduun akka hindanda’amne kan hubatan Dr Abiyyi garaagarummaa abbootii amantaafi hoggansa majlisaa duraanii gidduu jiru furuuf obsaan baatiiwwan sagaliif deggaraa dhumarratti seensa baatii Ramadaanaa irratti milkiin xumuruun oduu injifannoo qabsoo hawaasi muslimaa jaarraa hedduuf dheebote milkiidhaan akka xumuramu taasisani.

Waliigalteen, araarrifi jaalalii guyyaa hundeeffama majlisa Haaraa Muftii Duree Haaji Umar Idriisiin hogganamu irratti labsame jaalala Kibxata darbe ayyaana Iid Al-faxir tokkummaa ajaa’ibsiisaatiin kabajameef bu’uura ol’aanaa ture. Hafuurri tokkummaafi araaraa kun hordoftoota amantichaa bira darbuun warreen amantii biroo hordofan biras gahuun guutuu biyyattii wadaroo jaalalaa haaraadhaan walitti hidhe. Injifannoon guddaan cululuqaan hoggansa ilma Abbaa Gadaatiin arganne kuni “Injifannoo waggaa dhibbattuu hinargannee dha” jedhan Ustaaz Abuubakar Ahmad, miseensa koree haala mijeessituu hundeeffama majlisa haaraa.

Tokkummaan Oromoo tokkummaa amantiilee biyyattii dhugoomsuu keessattis wabii  guddaa akka tahe kabajni ayyaana Iidaa agarsiiftuu ol’aanaa taheet mul’ateera. Hawaasi Muslimaa magaalaa Finfinnee baay’ina Kanaan dura argamee hin beekneen miliyoonaan bahee yeroo jalqabaatiif ayyaaneffachuu danda’eera. Waggoota dhibba hedduufis hafuurri jaalalaa yeroo duraatiif qilleensa guutuu Itoophiyaatti qilleensa’ee addunyaan akka bara Nabiyyuu Muhammad sanatti akka nu raajeffatu dirqeera. As keessatti obbolummaafi jaalalli addaa hawaasni obbolaa hordoftoota amantii biraa mul’isan ammoo aduurra ifee akka mul’atu taasiseera. Galata addaatu isaaniin mala. Kana kunuunfatanii eeggachuun ammoo ergama dhaloota haaraa ti.

Waaqayyo Itoophiyaafi Ummattootashee haa eebbisu!

IID MUBAARAK!

Hamiltan Abdulaaziiz

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

5 Comments to ““HAWAASI MUSLIMAA CIMAAN BU’UURA TOKKUMMAA ITOOPHIYAATI” -Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad”

  1. Pingback: กงล้อ888
  2. Pingback: fox888
  3. Pingback: these details

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *