Biyya waan barbaadde dubbachuu dhiisii yaaduunis nama gaafachiisu. Yoo heeyyamamee dubbachuuf yoo carraan argame immoo yoom, eessaafi haala kamiin dubbachuu akka qabdu kan murteessu abbicha osoo hintaane mootummaa ture.
Gaazexeessitoota gocha kana mormuudhaan walabummaan miidiyaa akka mirkanaa’uuf gaafatan hidhaa turun. Kanaanis addunyarratti irra deddeebiin qeeqamtetti.
Waggaa tokko keessatti garuu wanti ni ta’a jedhamee yaaduun namatti ulfaatu ta’e. Biyyi addunyarratti sarbamuu mirgoota miidiyaafi gaazexeessitootaatiin beekamtutti guyyaan Walabummaa Piresii ykn miidiyaa Addunyaa kabajamee namni hedduun itti ajaa’ibame.
Gaazexeessitoonni addunyaa guguddoon dur Itoophiyaa abaaraa turan marti turtii guyyoota sadii Itoophiyatti taasisaniin jijjiirama jiru dinqisiifatan.
Waggaa tokko dura ragaa walabummaa miidiyaatiin sadarkaa 150fa turetu al tokkotti sadarkaa 40 fooyyessuun gara sadarkaa 110fatti gadi bu’e. Kun immoo waggaa tokko keessatti sadarkaa hagana fooyyessuun addunyaarratti riikardii haaraa ta’uu Pirezidaanti Saalawarqi Zawudee ni ibsu.
Guyyaa Pireesii Addunyaa yeroo jalqabaatiif Itoophiyatti kabajamerratti haasawa kan taasisan Pirezidaanti Saalawarqi, Itoophiyaan waggaa tokko dura akka diina pireesiifi gaazexeessitootaatti ilaalamaa turtetti jijjiiramni galmaa’uu dubbatu.
Gaazexeessitoota mana hidhaa turan hunda bilisa baastee akka hojjatan gochuun yeroo ammaa seenaa miidiyaa biyya kanaa keessatti haalli addaa uumamuus eeran.
Kunis hojiiwwan riifoormii mootummaan eegale jajjabeessuufi sochiilee gara fuula duraatti taasifaman ariitiidhaan akka xumuramaniif kan gargaaruudhas jedhan.
Bakka miidiyaan walabaa hinjirretti dimokraasii ijaaruun kan hindanda’amne ta’uu kan himan immoo barreessaa ittaanaa Gamtaa Afrikaa Mr. Toomaas Kuwasi. Isaanis biyya mirgi namoomaafi dimokraasii itti mirkanaa’eefi iftoomina qabu horachuu keessatti ga’een miidiyaan taphatu guddaa ta’uu dubbatu.
Akka ibsa Mr. Toomasiitti; miidiyaan ummataaf ijaafi gurra waan ta’eef jaalalli inni ummata bal’aa biratti qabu olaanaadha. Faallaasaatiin immoo hannaafi hojmaata badaa mootummaa waan saaxiluuf sirnoonni abbaa irree miidiyaa akka diina hamaatti ilaalu.
Biyya nageenyi waaraa itti mirkanaa’eefi guddina hawaasaa cimaa qabdu horachuuf garuu miidiyaan walabaa jiraatu malee milkaa’uu hindanda’u.
Kanaaf yeroo ammaa biyyoota Afrikaa walabummaa miidiyaa irratti riifoormii cimaa gaggeessaniifi Gamtaa Afrikaas boonsan keessaa Itoophiyaan sadarkaa duraarratti argamuunshee ardichaaf maqaa guddaadha.
Riifoormii Itoophiyaan gama hundaan gaggeessaa jirtu kan biyyisaani dinqisiifattu ta’uu kan himan immoo Ministira Dhimma Alaa ‘UK’ Jarmii Hunti, keessattuu jijjiirama walabummaa pireesii biyyattiin eegalte cimee akka ittifufuuf biyyisaanii deeggarsa gama hundaa kan kennitu ta’uu dubbatu.
Miidiyaan walabaa nageenyaafi dimokraasii akkasumas guddina waliigalaa hawaasaatiif bu’uura ta’uunsaa yeroo ammaa biyyoota heddutti hubatamaa jiraachuufi kana jajjabeessuufis biyyisaanii dhiheenyatti duula “gaazexeesitoota haa baraarru” jedhu waan eegaltuuf hunduu duulichatti akka makamu gaafatu.
Walumaagalatti, biyya waggaa har’aa farra pireesii turtetti yeroo jalqabaatiif kan kabajame guyyaan Walabummaa Pireesii Addunyaa kun, imala haaromsaa jalqabame kan tumsuufi riifoormii miidiyaa biyyattiin taasifteefis beekamtii kan kennu waan ta’eef hiikni inni maqaa gaarii biyyaa ijaaruu keessatti qabu olaanaadha.
Bayyanaa Ibraahimiin
Bariisaa Caamsaa 2/2011
6 Comments to “Guyyaa Walabummaa Pireesii Addunyaa, biyya farra pireesii turtetti”