ODPn uummata waliin tarkaanfachuuf ta’ee argamuu qaba

“Ya soogiddaa yoo ofiif jette mi’aayi kanaachi dhagaadha jedhanii sigatu” jedha Oromoon yoo makmaaku. Oromoon harqoota gabrummaa jaarraa tokkoo oliif isatti fe’amee ture ofirraa darbatee mirga abbaa biyyummaasaa qabatamaan mirkaneeffachuuf kaleessa caalaa har’as qabsaa’aa jira.

Qabsoon Oromoo kun ija godhatee ijaan arguuf dhaloonni bilisummaa roorra’aa jiru tokko lama yeroo hintaane keessatti dhaabni hooggansaa saba Oromoo bal’aa bakka bu’ee jiru kun teessuma ho’isuurraa ka’ee gadi bu’uun keessa uummataa dhaggeeffachuun dhibee uummata bal’aa kanaaf dawaa fayyina waaraa fiduufii madaa kaleessaa dagachiisu kennuun dirqama itti laatamedha.

Oromoon dhimma ofiirratti eenyuunuu kan hingaafanneefi qabsaa’ee sirreeffachuu kan danda’u yoo ta’u, dhaabni siif hojjedha jedhee saba kana harkaa ulee bulchiinsaa fudhate dirqama itti laatame ba’achuuf yoomuu caalaa of qopheessuun irra jiraata. Kun kan ta’eefis “Bishingaan mataashii bantee simbiraaf of laatti” akkuma jedhamu dhaabni Oromoo bakka bu’uun aangoorra jiru ODP qaawwasaa tokko lama jedhee sakatta’uun wawwaannaaf dhibee uummatasaa dhaggeeffachuun afaaniin osoo hintaane ta’ee argamuuf miirri kutannoof itti gaafatamummaa isa harka jiru kun imaanaa dhalootaa akka ta’e hubachuun irra jiraata.

Oromoon ummata ofirra darbee ormaaf jiraachaa jiru ta’us biyyasaa keessatti kabajaaf mirga abbaa biyyummaa dhabuun qarqaratti dhiibamuun amma finiinfamaa jiru kun kutannoo siyaasaa duubatti hindeebineen yoo qolatameen alatti yaaddoo egeree ta’ee mul’achaa jira.

“Al sagaliin heerume akka isa alanaa hinagarre” jette jaartiin dargaggeessatti heerumtee akkuma jedhamu harqootni gabrummaa barootaaf Oromoorratti fe’amaa ture yeroo dheeraa lakkoofsiisus kan har’allee buquusaatti ba’aa ta’uu barbaadu dhagaa gurraachaa ta’aa jira. Oromoon safuu seeraaf seenaa, kabajaaf, hiluu beekaayii malee galtuu qe’eesaatti mootii ta’uu barbaaddu akka goonfoo ofirraa kaasee achii kaa’uun waan itti ulfaate hinfakkaatu.

Kanumaafii dhaabni imaanaa ummata kanaa baate ODP mirga abbaa biyyuummaafi ummamni Oromoo gonfe kana eegsisuuf duubatti harkifachuun irra hinjiraatu. Kara deemaan har’a Finfinneen kankooti jedhee nyaara haaddatee gabaa walakkaatti falmu kun mogolee ODP laaffisuun amantaan ummata Oromoofi ODP gidduu jiru akka kirkiruuf shira xaxamaa jiru waan ta’eef xiyyeeffannoon ilaaluun barbaachisaadha.

 ODPn aantummaa ummatasaaf qabu qabatamaan agarsiisuuf ibsa ejjennoo tibbana raabsaa kondominiyeemii daangaa Oromiyaa keessatti gaggeeffame mormuun baaseen asan jira jechaa jira.

Ibsa ejjennoo bahe kunis fedhii ummata Oromoofi mirga abbaa biyyummaa kan of keessatti hammate ta’uusaan kan jajjabeeffame yoo ta’u, akkaataa jedhame kanaan hojiitti hiikamuudhaa yoo baate qabsoo inni dhaabichaaf ummata Oromoo gidduutti kaasu gamanumaa tilmaamuun nama hindhibu.

Ibsi kun ba’uusaan walqabatee qaamonni “ani siibeeka ati dhiisi” jedhan gamaaf gamanaa kulkulaa kan jiran yoo ta’u, ejjennoo duubatti hindeebineen dhimma Oromoof waardiyyaa dhaabachuu baannaan dubbiin soogidaa dhufuun isaa hinoolu. Ormi ija baasee biyya saamuuf yeroo kaatutti miira kutannoo hilaa hinqabneen mogolee jalaa butuu baannaan dhaloota egereef yaaddessaadha.

Kunis “dhoqqeen miilaaf jibban mataadhaan nama geessi” akkuma jedhamu kan har’a suuta suuta qe’ee dhaaluuf kaatan kunneen boru namoota dhiiga Oromummaa qaban seecca’anii qe’ee abbaaf haadhasaarraa godaansisuunifi ilmaan deegaa taasisuun waan oolu miti.

Ibsi ejjeennoo bahe kun ormi madaalliisaa beekuu akka qabu kan godhe ta’us ODP duubatti akka harkifatuufi amantaa ummanni dhaabicharratti qabu akka laaffatuuf shirri xaxamaa jiru keessaaf alaan deggarsa argachaa jira. Yero kanammoo ODPfi ummatni Oromoo harka walqabatee sagalee tokkoof ejjennoo tokkoon murtee duubatti deebi’uu hindandeenye murteeffachuun irra jiraata.

 Kana malees dhaabni maqaa Oromoon socho’ullee dhimma Oromoof Oromummaaf aarsaa kaffalaa kan jiru yoo ta’u, warraqsa gama kanaan jalqabamee jiru kana keessatti garaagarummaa siyaasaan osoo wal hinugguriin an siif jira waliin jechuu qaba.

Har’a Oromoon qe’eesaa keessatti akka lammii lammaffaatti boquusaa gadi qabee deemuun dhaabachuu mala. Gadi qabaaniifi miirri jibbaa Oromoorratti darbatamaa jiru kun akka ijoollee haadha hiyyeessaa abbaan fedhe bakkeetti dhaanu maal goonaadhaan kan bira darbamu taanaan fala hinta’u. Oromoon akka kaleessaa ololaaf waadaa sobaan afanfajaa’ee bulu jira jedhanii yaaduun of goowomsuu yoo ta’u, ODP ummataaf jiraachuuf kan jedhe ta’ee argamuufi of ilaaluun barbaachisaadha.

Keessumattuu hoggantoonni garaasaaniif bulan ormaaf gingilchuun Oromoorratti habaqii kaasaa jiran ammallee suuqa taa’anii shira ergamtummaan warraaqaa jiran hedduu waan ta’aniif ODP’n harcaatota sakatta’uun seeratti dhiheessee komii hawaasa bal’aaf deebii aagaa ta’ee argamuutu fala.

Walumaagalatti, ODP gahumsa qabuun gara fuulduraatti deemee caalee argamuuf gaaffii Oromoon jaarraa tokkoof gaafachaa jiran kana akkasin godha jedhee waadaa yoomi laataa galuurra ejjennoo duubatti hindeebineefi fedhii ummata Oromoo eegsisuun hojiitti hiikee argamuun dirqamadha. Ejjennoo duubatti hindeebineefi hinkirkirre qabaa chuunsaa Ormaaf abdii kutannaa Oromoof immoo gala injifannoo ta’ee waan tajaajiluuf ODPn isa jedhe ta’ee argamuun irra jiraata.

Bariisaa Bitootessa 13/2011

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

One Comment to “ODPn uummata waliin tarkaanfachuuf ta’ee argamuu qaba”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *