Naannolee Itoophiyaa keessa tokko kan taateefi “Jannata gammoojjii” jedhamuun kan beekamtu Gaambeellaan jireenyaaf mijattuu ta’uusheetu dubbatama. Naannichatti saboonni buleeyyiin shan Anyuwaa, Nuweer, Maajangi, Oppoofi Komoo kan argaman yoo ta’u, saboonni biroonnis bal’inaan jiru. Gaambeelli godinaalee sabootaa sadii, aanaalee 13fi bulchiinsa magaalaa tokko qabdi.
Yeroo baay’ee rakkoon nageenyaa, saamichi lafaafi daddabarsi meeshaalee seeraan alaa bal’inaan keessatti mul’achaa tureera. Gaazexaan Bariisaa dhimmoota kanaafi kanneen biroo ilaalchisuun pirezidaantii naannichaa, Obbo Omad Ajuuluu wayita hojiif gara Finfinnee dhufan argatee isaan wajjin gaafdeebii taasiseera.
Bariisaa: Erga gara aangootti dhufatanii ji’oota muraasa ta’us adeemsi jijjiiramaa naannoo keessanii maal fakkaata?
Obbo Omad: Jalqaba akkuman gara aangootti dhufeen naannichi rakkoo nageenyaa keessa waan tureef xiyyeeffannaan koo ijoon dhimmuma nageenyaarratti hojjechuu ture. Kanarrattis raawwachiistota hojii dhimmichi ilaallatuufi hawaasa wajjin marii bal’aa taasiisne. Yaa’ii waliigalaa taasifanneenis raawwachiistoota hojii bifa haaraatiin hundeessiine.
Akkuma beekamu naannoon keenya rakkoo nama baratee qabaachuu baatus hanqinni kuteenyummaa tureera. Caasaa haaraa hundeessineen dhaabi keenya (Sochiin Dimokraasummaa Ummatoota Gaambeellaa ‘SDUG’) “kanaa booda jijjiirama adeemsiisuu yoo barbaanne hoggantoota ciccimootti fayyadamuu qabna” ejjennoo jedhu qabate. Haala kanaan hoggantootas qophii barnootaa qabaniin, toora ogummaa, dandeettiifi ilaalchasaaniitiin ramade.
Fakkeenyaaf qophii barnootaa wajjin walqabatee hoggantoota duraanii shan bakkasaaniirraa kaasnee bakka barnootasaanii waliin walqabatutti ramadne. Duraan Hogganaan Biiroo Fayyaa kan ture doktara ta’us doktireetiinsaa barnoota fayyaa hinturre, biizinas adiministireeshinii waan ta’eef gara Biiroo Misooma Maallaqaafi Walta’iinsa Dinagdee akka deemu taasifne.
Akkasuma hoggantoonni shan raawwiifi qophiin barnootaasaanii gaarii waan ta’eef darbees bakka hojjetaa turaniin waan walsimuuf bakkuma duraatti ittifufaniiru. Hoggansii saddeet ammoo haaraan muudamaniiru. Kunneenis miseensa dhaaba SDUG ta’aniyyuu miseensa kaabinee hinturre.
Akka waliigalaatti hojii yaa’ii keenyaa booda hojjetameen akka amantaa kootti ummanni %95 itti gammadeera. Warreen hafan ammoo ittiquufinsa dhabuu danda’u. Amma garuu amantaan jiru jijjiirama gaarii fiduu ni danda’u kan jedhuudha.
Bariisaa: Qaamoleen jijjiiramni naannoo keenyatti hindhufne jedhanii komatu, kanas ministira muummeef illee ibsan jiru. Naannoo keessanitti dhuguma akka jedhame jijjiiramni hindhufnee?
Obbo Omad: Namni akka ilaalchasaatti dubbachuuf mirga qaba. Jijjiirama jechuun garuu waan guddaadha. Jijjiiramni guutamaan yeroo gabaabaa keessatti ni dhufa jedhanii eeguun rakkisaadha. Kana malees namoonni jijjiirama jechuun jijjiirama qaamaa (phyisical change)tti fudhatan jiru; ta’uu kan qabu garuu jijjiirama ilaalchaati.
Nuti akka gara jijjiiramaatti deemuuf nuu mijatutti jalqaba caasaa ture sirreessine. Fakkeenyaaf biirolee raawwachiistotaa 23 turan gara 18tti fiduun kanneen hojii bittinnaa’aa hojjetaa turan akka walitti siqan taasifne. Hoggantoota haaraafi buleeyyii muudne.
Bariisaa: Ramaddiin hoggansaa kanaan dura kootaa saboota naannichaatiin ture, kun ammas jiraa?
Obbo Omad: Naannoo keenyatti saboonni garagaraa waan jiraniif qoodinsa qabeenyaa walqixa taasisuun murteessaadha. Yoo sabni tokkichi aangoo ykn qabeenya qabate rakkooleen yeroo ce’umsaa turan ammas uumamuu danda’u. Kun fuuldurattis kan ittifufu ta’a.
Kanaaf kootaan duraa akkuma jirutti jira. Kun hojiirrattis dhiibbaa uume hinqabu; akkan dura kaase naannoon keenya rakkoo nama baratee waan hinqabneef saboota hunda keessa namni kan yaadameen ol yoo ta’e malee hanqina uumee nu hinrakkisne. Fayyadamummaa haqaqabeessa yoo uume malee, dhiibbaa uumuus hinqabu. Haala kanaan saboonni Anyuwaafi Nuweer kaabinee keessaa barcuma torba torba, Maajaangi sadii, warreen hafan Ooppoofi Koomoon tokko tokko qabu.
Wanti ka’uu qabu tokkommoo muudama taasisneen saboota naannichaa qofa osoo hintaane saboota biroollee sadarkaa ittaanummaa yookiin gaggeessummaa ejensiifaatti xiyyeeffannaan hojjenneerra.
Bariisaa: Haalli nageenya naannichaa amma haala maaliirratti argama?
Obbo Omad: Ji’oota sadeen darbanii as naannoon keenya haala nageenyaa amansiisaarratti argama. Kana jechuun rakkoon tokkoyyuu hinjiru jechuu miti. Keessumaa naannoon keenya daangaarratti waan argamuuf humna alaatiin walqabatee yaaddoon jira. Yeroon kun waggaa waggaan yeroo sabni Muurlee jedhamu Gaambeellaa seenuun horiifi ijoollee saamuudha. Sochiin kun ammayyuu jira. Walitti bu’iinsa dhiheenyuma kana uumameenillee gama keenyaan namni tokko, gamasaaniin namonni shan du’aniiru.
Inni biraan daangaan Gaambeellaafi Sudaan Kibbaa bal’aafi eegumsaaf kan himijanne ta’uusaatiin meeshaan seeraan alaa heddumminaan seenuun yaaddoo nageenyaa uumuunsaa hinoolle. Kanneen ka’umsa godhachuun naannichi humnoota nageenyaa federaalaafi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojii dursanii ofeeguu hojjechaa jirra. Kanarraa kan hafe hangas mara wanti yaaddoo nutti uumu hinjiru.
Jijjiiramni kun kan dhufuuf ammoo abbaa nageenyaa kan ta’e ummata waan ta’eef dursinee hawaasa wajjin marii bal’aa taasisnee barbaachisummaa nageenyaarratti yaada walfakkaataa tokkorra qaqqabneerra. Ummannis nageenya kan tikfatu isa ta’uu hubachuun amma yeroo kamuu caalaa ofiisaatiin nageenya tikfataa jira. Yoo wanti rakkoo uumu jiraatellee mariidhaan hiikuu adeeffataa jira.
Hoggansis madda rakkoo kanaan duraa adda baasuun xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetaa jira. Kanaan dura ummanni gaaffiisaatiif deebii dafee argachuu dhabuufi haalli kenniinsa tajaajilaa si’ataa ta’uu dhabuun madda rakkoo ture; amma kun rakkoo akka hintaaneef kallattiin kaa’amee irratti hojjetamaa jira.
Bariisaa: Walitti bu’iinsi saba Muurlee wajjin uumamu kun furmaata waaraa akka argatuuf maaltu hojjetamaa jira? Daa’imman hatamanii turan guutummaatti deebi’aniiruu?
Obbo Omad: Egaa daangaa biyyattii hundaaf eegumsa taasisuun baay’ee rakkisaadha; daangaan Gaambeellaafi Sudaan Kibbaa immoo bal’aafi banaadha. Warri Muurlee horsiisee bultoota waan ta’aniif bakkaa bakkatti socho’anii jiraatu. Kanaaf akka barbaadan seenuu danda’au jechuudha.
Wanti nuti gochuu dandeenyu hoggansa achii wajjin mari’uun wajjummaadhaan hojjechuudha. Kana fuulduratti cimsinee kan itti adeemnu ta’a. Dhimmi daa’imman hatamanii hafaniis kana keessatti deebii kan argatu ta’a jedheen abdadha. Daa’imman kunneen dhokfamanii akka jiran tilmaamna. Rakkoo kan ta’e jarri bakkaa bakkatti waan socho’aniif iddoo qabatamaa itti barbaadamaniidha.
Carraa gaariin jiru Ajajaa Ittaanaan Waraana Sudaan Kibbaa duraanii amma gara Godina Muurleetti dhufaniiru, isaan ammoo daa’imman duraan argaman akka deebifamaniif nama deggarsa olaanaa taasisan waan ta’eef warreen hafanis ni argamu jedheen amana. Daa’imman xiqqoo jabaatan immoo ofiisaaniitiin iyyuu iyyaafatanii deebi’aa jiru.
Bariisaa: Gaambeelli naannoo baqatoonni heddumminaan keessatti argamaniidha. Kun jiraattotarratti dhiibbaa hinuumnee?
Obbo Omad: Dhiibbaa akka uumu beekamaadha; garuu gama kanaan Itoophiyaan waliigaltee biyyoolessaa waan mallatteessiteef simattee keessummeessuuf dirqama qabdi. Gaambeellaan ammoo qaama Itoophiyaa waan taateef ni simatti. Haala amma jiruun ummanni Gambeellaa tilmaamaan kuma 400; baqattoonni immoo kuma 420 ni ta’u. Kanaaf rakkoo uumuunsaa wal nama hingaafachiisu. Rakkoolee xixiqqoo gabaa irraa kaasee hanga rakkoo nageenyaatti qaqqabuun hinoolu.
Bariisaa: Labsii dhimma buqqaatotaa dhiheenya ba’een walqabatee waldhabdeen uumamee ture akkamiin furame?
Obbo Omad: Waldhabdee osoo hintaane hiriira mormii ba’uuf yaaliin taasifamee ture. Achii darbee Finfinneettiyyuu hiriirri ba’amuuf ture. Garuu dursinee mariidhaan hiikne. Yommuu jalqabu labsii federaalaa naannoleen haquu hindanda’an. Gaarii kan ta’u sagantaa qabannee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataas ta’e Komishinii Bulchiinsa Buqqaatotaa wajjin mar’iachuu wayya yaada jedhurratti waliigalteerra ga’ame.
Bariisaa: Asirratti utuu akkas ta’ee yaada jedhu qabduu?
Obbo Omad: Eeyyee, buqqaatonni Gaambeellaa keessa qofa qubachiifamuurra bakkeewwan biroottis qooduun utuu danda’amee dhiibbaan jiru ni haphata. Ammaaf buqqaatonni kaampiiwwan shan naannichaa keessa qubatanii argamu.
Bariisaa: Gaambeellaatti saamichi lafaa bal’inaan mul’ataa tureeraatii gochi sun har’a maaliirra jira?
Obbo Omad: Rakkoon kun dhuguma tureera. Sana hiikuuf jalqaba qorannootu taasifame. Bu’uuruma sanaan kanneen lafa seeraan ala fudhatan, seeraan fudhatanii homaa irratti hinhojjenneefi sirriitti irratti hojjetan addaan baasneerra. Kanneen deggarsa barbaadan deggaramanii hojiitti akka seenan yoo taasifamu, warra seeraan ala fudhataniifi hojii hinjalqabne harkaa immoo lafti fuudhameera.
Bariisaa: Gochi hattummaafi ilaalchisaa hoo akkamiin ibsama?
Obbo Omad: Akkuma kutaalee biyyattii biroo rakkoon kun nu biras jira. Keessumaa dura dhimma kenniinsaafi bulchiinsa lafaatiin walqabatee rakkoo hammaataa ture. Ergan aangootti dhufee imala jijjiiramaa eegallee garuu wantonni baay’een daandii seeraa irra deemuu eegalaniiru. Warreen kanaan dura gocha kanarratti hirmaatan seeratti dhiheessuuf qorannoon xumuramaa jira; dura dhimma tasgabbii sirreessina jennee harka keessa qabanne malee.
Bariisaa: Gama dargaggootaaf carraa hojii uumuutiinoo maaltu hojjetamaa jira?
Obbo Omad: Yaaliiwwan eegalaman ni jiru; garuu dargaggoonni haalaan fayyadamaniiru jechuun hindanda’amu. Naannoon keenyas fayyadamaa fandii marmaartuu ta’eera. Haala kanaan dargaggoonni gurmaa’anii liqaa fudhatanii hojiitti seenan jiru.
Bariisaa: Paartiileen deggartootaa ADWUItti makamanii akka paartii biyyaalessaa tokkootti socho’uuf gaafataa jiruutii asirratti maal jettu?
Obbo Omad: Kun gaaffii kanaan dura dhiheessaa turreedha. Amma gaaffichi xiyyeeffannaa argachaa jiraachuusaatti daran gammadneerra. Kanaan dura biyya tokko keessa teenyee murtii qofa qofa dabarsaa turre. Akkuma beekamu dhaabbileen deggartoota jedhamnu afurtu jirra; ADWUI’nis afuri. Irra caalmaan murtii biyyaalessaa ADWUIdhaan murtaa’aa ture. Nuti dhimma naannoo keenyaa qofarratti murteessaa turre.
Kanaa booda paartiin naannoo kanaa, sanaa jedhamu hinjiru jedhamee yommuu murtaa’u gaaffiin keenya deebii argata. Inni biraan ammoo akka lammii biyyaatti dhimma biyyaarratti murteessuuf carraa argachuuf jenna. Kun gaafa hojiitti hiikame gammachuun keenya olaanaa ta’a.
Saamraawiit Girmaatiin
One Comment to ““Naannoon keenya haala nageenyaa amansiisaarratti argama” – Obbo Omad Ajuuluu PMNU Gaambeellaa”