Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa ija riifoormiitiin eessaa garamitti?

Manneen murtii Oromiyaa kanaan dura gama kenniinsa tajaajilaatiin, qulqullina murtiitiin, bilisummaa abbaatii seeraa fa’iin komii olaanaa keessummeessaa turaniiru. Murtiin maallaqaan bitamaa, firummaa, naannummaafi walbeekumsarratti hundaa’uun kennamaa jira jechuun ummanni bal’aan naannichaa waltajjiilee argate mararratti komii cimaa dhageessisaa tureera.

Manneen murtii naannichaa sadarkaa sadarkaan jiran tajaajila hawaasaaf kennaniin ittiqufiiinsa hawaasaa uumuu hindandeenye. Tajaajilli kenniinsa haqaas sadarkaa ummanni mana murtiirraa barbaaduun kennamaa hinturre.

Haalli kenniinsa tajaajilaasaa qulqullina kan hinqabne, tajaajilli abbaa seerummaas haala hawaasni barbaaduun kennamaa hinturre. Walumaagalatti dhiyeessiin tajaajilaa manneen murtii rakkoo qabaachuusaa kan hubate Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa yeroo dhiyoodhaa as riifoormii keessa galee hojjetaa akka jiruudha kan odeeffanne.

Komiifi gaaffiin ummanni kenniinsa tajaajilaa (kan manneen murtii dabalatee) qabu yeroodhaan deebii argachuufi furamuu dhabuun mufiisaa haala mormiitiin daandiitti bahee akka dhageessifatu taasisaa tureera. Mormii sana keessatti wantoota akka ijootti ka’aa turan keessaas gaaffiileen abbaa biyyummaafi siyaasaa akkuma jiruti ta’anii ummanni mootummaan hundeeffadhe sirnaan na tajaajilaa hinjiru jechuun dheekkamaa ture.

Keessumaa kenniinsa tajaajila haqaarratti gaaffii bal’aan ka’aa tureera. Hojiisaa sirnaan bahachuurratti manni murtii akka qaama seera hiiktuutti, akka eegduu mirga namaafi olaantummaa seeraa qaama tiksuutti gahee keessaa qaba. Kunis tokko, lama, sadii jedhamee qoratamee barruun tarsiimoo qophaa’eera. Barruun kun rakkoo akkamiitu jiraa, maaliif ummanni nu komata, rakkoolee kanneen keessaa akkamiin bahuun akka danda’amu kan agarsiisuudha.

Gama kanaa akka Oromiyaatti qooda guddaa kan qabu Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa gama riifoormii sadarkaa manneen murtiitti mirkaneessuutiin maal hojjechaa akka jirurratti daarektara kominikeeshinii mana murtichaa, Obbo Gonfaa Atoomaa tibbana dubbisneerra.
Akka isaan jedhanitti, barruun hanqinoota kenniinsa tajaajila mana murtichaa agarsiisu hoggansa haaraadhaan dhuma bardheengaddaatti qophaa’ee hojiitti seenameera. Barruun kun haala namni hundi hubatuun waltajjiilee guguddoo sadii irratti ganna darbe namoota kuma sadii oli hirmaachisuun qophaa’e.

Haaluma kanaan riifoormiitti seename. Riifoormicha keessattis seerota jiran jijjiiruurraa eegalee keessumaa tajaajilli keessoo qulqullina akka hinqabne, qaqqabamaa akka hintaane rakkoo ta’anii turaniiru. Kanaaf rakkinicha furuuf labsiilee manneen murtii guguddoo lama kan aangoo hojiifi gurmaa’ina manneen murtii naannichaa irraa deebiidhaan hundeessuu akkasumas kan bulchiinsa gumii abbootii seeraas Caffeedhaan ragga’aniru.

Daarektarichi waa’ee labsii duraanii oggaa ibsanis, labsiin bara 2001 tumame aangoo abbaa seerummaa sadarkaa mana murtii olaanaafi waliigalaarra kan tuule ture. Keessumaa aangoo bal’aan sadarkaa mana murtii olaanaatti tuulameeti kan ture. Mana murtii waliigalaatti dhimmoota muraasarraa kan hafe inni kaan oliyyannoodhaan ilaalama ture.

Hawaasni dhimmootuma xixiqqoo qabatee hanga oliitti deemaa ture. Fakkeenyaaf labsicha keessatti qabeenya socho’uuf hanga qarshii kuma 30, kan hinsochoone ammoo hanga qarshii kuma 50 qofti aangoo mana murtii aanaatiif kan kennamee ture ta’uus ni ibsu.
Gatiin qaala’iinsa jireenyaa amma jiruufi fooyya’iinsa dinagdee hanga tokko galmaa’een walqabatee daangaan duraanii gatii xiqqaa waan ta’eef sangaa qarshii kuma 31 baasuuf falmiif jecha mana murtii olaanaatti deddeebi’aa turuu ibsan.

Hawaasni bal’aan kan jiru sadarkaa aanaatti waan ta’eef aangoon gara mana murtii aanaatti gadi bu’uu qaba jedhamee labsii kana keessatti sirriitti ilaalamee aangoo mana murtii aanaa irra deebiidhaan ilaaluun akka fooyya’u ta’eera. Akkaatuma kanaan qabeenya socho’a hanga qarshii miliyoona tokkoottiifi kan hinsochoone ammoo hanga qarshii miliyoona sadiitti jiru manni murtii aanaa akka ilaalu taasifameera jedhu.

Kunis gaafa labsiin kun hojiirra oolu dhimmoonni danuun sadarkaa mana murtii aanaatti akka ilaalaman taasisa kan jedhan daaerektarichi, kana jechuun qaqqabummaan tajaajila abbaa seerummaa akka mirkanaa’u gochuu keessatti shoora olaanaa qabaachuusaa dubbatu.
Dhimmoonni duraan abbaa seeraa tokkoon ilaalamaa turan amma hanga qarshii kuma 100fi isaa ol oggaa ta’an abbootii seeraa sadiin akka ilaalaman taasifameera. Kunis qulqullina kenniinsa haqaa mirkaneessuurratti shoora olaanaa qabaachuusaati kan himame.

Dhimmoonni yakkaas abbootii seeraa sadiin akka ilaalaman ta’eera. Abukaatoo ittisaatiin deggaramanii tajaajila haqaa argachuun labsii duraanii keessatti waggaa shaniifi isaa ol kan adabsiisuuf qofaafi, abokaatoon ittisaa kan dhaabatu. Inni akkuma jirutti ta’ee amma garuu oggaa irra deebi’amee ilaalamu waggaa shanii gadis kan adabsiisu ta’ee garuummoo haqni ni jaallata jedhee abbaan seeraa itti amannaan nama harka qal’eessaaf abokaatoo ittisaa dhaabuu akka danda’u labsii haaraa keessatti tumameera.

Akka ibsa Obbo Gonfaatti, caasaan mana murtii irra deebi’amee kan ilaalame yoo ta’u, keessumaa tajaajila deggarsa seeraa bilisaatiin walqabatee caasaan qindeessu waajjira deeggarsaafi hubannoo seeraa jedhamu of danda’ee hundaa’eera. Kunis manneen murtii waliigalaafi olaanaatti akka jiraatu taasifameera.

Caasaan kun abokaatoo ittisaa dabalatee yunivarsitootaafi abukaatoo dhuunfaa akkasumas hawaasa siviikii dhimma seeraarratti hojjetan qindeessee namoota harka qal’eeyyiif abukaatummaafi himata barreessuurraa eegalee tajaajila seeraa bilisaan qaamolee kanneen qindeessuun akka argatan kan taasisuudha.

Kunis qaamuma riifoormii adeemsifamaa jiruuti. Gama biraatiin bulchiinsi keessoo mana murtichaa rakkoo qaba jedhamee waan ilaalameef keessumaa hawaasni mana murtii komii bal’aadhaan guutamee waan jiruuf kunis keessa deebi’amee akka ilaalamuuf labsiin hanqina kana sirreessuu dandeessisu Caffeedhaan ragga’eera.

Dandeettiifi gahumsi hawaasa mana murtii iddoowwan tokko tokkotti rakkoo qabaachuun akkuma jirutti ta’ee akka madda komii guddaatti ka’aa kan ture rakkoo naamusaati. Kana furuuf ammoo tokkoffaa hojii naamusaa abbaa seerummaa aadaafi duudhaan tajaajilummaa akka gabbatuufi ol ka’uuf barruu tarsiimoo keessa kaa’ameera.

Waajjirri naamusaafi inispeekshinii jedhamus labsiidhaan irra deebiidhaan akka hundaa’u taasifameera. Waajjirri inispeekshinii duraan adeemsa hojii inispeekshinii jedhamaa ture gaafa namni badii naamusaa raawwatu qofa hordofee himachuun hojiirraa geggeessisuu qofarratti hojjetaa akka tures ni eeru.

Labsii haaraa kanaan garuu fooyya’ee akka qaama riifoormichaatti hojiirra ooleera. Waajjiichi gama tokkoon inispeeskhiniiratti hojjetaa gama biraatiin ammoo dagaagina naamusaarratti leenjii kennuufi barsiisuudhaan naamusni abbaa seermummaa akka gabbatuufi hojjetuuf haala haaraadhaan hundeeffame. Caasaanis qoratamee waajjira naamusaafi inispeekshinii jedhamee dursitoota gareewwan guguddoo sadii of jalaa qaba.

Gareen tokko naamusa dagaagsuurratti, lammaffaan inispeekshinii badii raawwatame hordofuufi tarkaanfii fudhatu, sadaffaan garee odiitii boodaa jedhamu hundaa’ee hojii keessa galuusaa Obbo Gonfaan ni eeru.

Garee sadaffaan eddii galmeewwan murtii argatanii booda keessasaa sakatta’uun hanqinaalee jiran funaanee kan gabaasu yoo ta’u, hanqinaaleen galmee keessa jiran badii naamusaa kan of keessaa qaban yoo ta’e garee inispeekshinii wajjin ta’uun ittigaafatamummaa naamusaa kan hordofsiisuudha.

Gareelee guguddoon kunniin sadan humna namaatiin guutamaa jiraaraachuus eeranii, gaafa humna guutuudhaan hojiitti seename rakkoon naannawa sana jiru furamee naamusni abbaa seerummaa akka dagaagu, duudhaan hojii abbaa seerummaa akka gabbatuufi caalumattuu namuu hojiisaa naamusa olaanaa, hojiin abbaa seerummaa barbaadu gonfatee hojiisaa akka hojjetu kan gargaaruudha jedhu.

Bilisummaan abbaa seerummaa kennaadhaan mana murtiitiif kan kenname otoo hintaane ummatatu mana murtiitiif kenne kan jedhan daarektarichi, ummanni kan kenneefis qaama kamiinuu otoo hindhiibamin bilisaan tajaajilamuu waan barbaaduuf ta’uu eeru.

Kanaaf, “Bilisummaan kun haala guutamaa ta’een kabajamuu qaba. Qaamni kamuu bilisummaa abbaa seeraa kana kabachiisuufi kabajuuf dirqama seeraa qaba. Qaamni kamuu jidduseenummaarraa of qusachuu qaba. Kanaan dura gama kanaan rakkoo guddaatu ture. Manneen murtii keenya bilisummaadhaan hojjetaa turan jechuun hindanda’amu” jedhan.
Amma garuu sana bu’uurarraa jijjiiruuf waa’ee bilisummaa abbaa seerummaa labsii manneen murtii 216/2011 keessatti sirnaan tumameera. Kanaanis hunduu bilisummaa seeraa kabajuu akka qabu, yoo ta’uu baate garuu hanga hidhaa waggaa shaniitti akka adabsiisu lbsichi of keessatti qabateera jedhu.

Qaamni bilisummaa abbootii seeraarratti gufuu uumu yoo jiraate, adabbii yakkaallee hordofsiisuu akka danda’u labsicha keessatti tumameera. Abbaan seeraas bilisummaafi duudhaa abbaa seerummaa kabajee hojjechuu akka qabu tumameera.
Innumti bilisummaa abbaa seerummaa dabarsee kenna yoo ta’e ittigaafatamuu akka qabu labsicha keessatti tumameera. Kunis bu’uura heeraa kan qabuufi fedhii ummataati. Ummanni kan qabsaa’aa ture bilisummaa kana gonfachuuf waan ta’eef kanarratti xiyyeeffannaan hojjetama.

Bilisummaan manneen murtiis ta’e abbaa seerummaa karaa mootummaafi abbaa taayitaa qofaan kan dhiibamu otoo hintaane haalichii bifa jijjiirratee iddoowwan tokko tokkotti gareedhaan ijaaraamuun dhiibbaa uumuuf yaaluullee jiraachuu ibsu.
Waantota hunda utubee gara fuulduraatti tarkaanfachiisuu kan danda’u mana murtiiti. Manni murtii amaanaa guddaa kana baatee deemuu kan danda’u jaarmiyaa dhiibbaafi loogii kamirraayyuu bilisa ta’e yoo jiraate qofa.

Seerota afaanota birootiin jiran gara Afaan Oromootti hiiksisuufis Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa wajjin dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuu himu.

Sirnumti kominikeeshinii mana murtichaayyuu rakkoo guddaa akka qabuuyyu daarektarichi ni eeru. Kunis akka fooyya’u taasifamuusaafi daarektoreetiin kominikeeshinii akka cimu ta’eera jedhu. Haallitti gareelee dhimmamtootaa wajjin hariiroon uumamurratti tarsiimoon kominikeeshinii waggoota lamaa qophaa’eera. Miidiyaalee hunda wajjin walta’anii hojjechuurrattis kallattiileen adda addaa kaa’amaniiru. Manni murtichaa weebsaayitiifi miidiyaalee hawaasaa biroo uummachuun qaqqabdummaa odeeffoorratti hojjechaa jira.

Akka ibsa daarektarichaatti, gama ittifayyadama teknolojiitiinis keessumaa mana murtichaa naannawa dhaddachaa “tuch screen” jira. Tachi iskiriinii sanarratti lakkoofsa galmee galfachuun dhimmi ofii maalirra akka jiru, dhaddacha kamiifi sa’aatii beellamaa agarsiisa. Abbaan dhimmaa teknolojicha tuquu danda’u kamuu otoo waa’ee dhimmasaa nama hingaafatii dhaqee cuqaasuu qofaan salphumatti ittifayyadamuu danda’a.

Sirni “e-filing” jedhamus jalqabameera. Kunis galmeewwan dhaddacha ijibbaataatiin ol iyyataman mana murtii olaanaa godinarra jiru. Kanaaf abbaa dhimmaa bakkuma jiru taa’ee karaa ogeessa TQO komiifi garagalcha murtii himannaasaa hordofachuu danda’a. Galmee banata. Guyyaafi yeroo beellamaasaas beeka. Dandeettii fayyadama teknolojichaa bal’isuurrattis xiyyeeffatamee kan hojjetamu ta’a.

Konfaransiin viidiyoos naannawawwan networkiin sirriitti jirutti faayidaarra oolaa jira. Tajaajilli ergaa gabaabaas eegalameera. Tajaajila kana sirnaan cimsuuf dhaabbilee alaa wajjin hojjetamaa jira. Kunis lakkoofsa galmee galfachuun dhimmi ofii maalirra akka jiru hordofachuu kan dandeessisuudha. Dabareedhaan tajaajila kennuufis tooftaa baankonni ittiin hojjetaa jiran diriirsuuf maashinii bituun hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Manni murtichaa teknolojiitti haalaan akka hintajaajilamneef waajjirri amma keessa jiru dulloomaafi kutaaleensaa dhidhiphoo waan ta’aniif mijataa akka hintaanellee eeruun, haala hojii mijataa gochuu akka qaama riifoormiitti fudhachuun gamoo guddaa abbaa darbii 12 bakkuma amma jirutti ijaarsisuuf qophii dizaayinii dabalatee haaldureen xumuramaa jira.
Kan ittaanu gamoo amma jiru diiganii hanga gamoon haaraan ijaaramee xumuramutti bakka biraatti sochoosuu qofa. Kanaafi Finfinnee, naannawa Saarbeetiitti gamoon Abbaan Taayitaa Geejibaa Oromiyaa ittifayyadamaa ture kan kennameef ta’uu Obbo Gonfaan ni dubbatu.

Walumaagalatti labsiin fooyya’e Magalata Oromiyaarratti maxxanfamee bahee hojiirra ooluu eegaluu baatus dhimmoota baay’ee of keessaa qaba. Abbaa dhimmaa dhimmoota xixiqqoo naannawaa jireenyaasaatti akka xumuratu waan gargaaruuf dafee hojiirra oolmaa labsii fooyya’e kanaatiif Caffee Oromiyaa dabalatee qaamni dhimmi ilaallatu xiyyeeffannaan hojjechuu qaba.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Guraandhala 15/2011

Recommended For You

6 Comments to “Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa ija riifoormiitiin eessaa garamitti?”

  1. Pingback: cock
  2. Pingback: chat rooms
  3. Pingback: sell drugs

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *