Walga’iin Gamtaa Afrikaa waggaa waggaan teessoo gamtichaa kan taate, magaalaa guddoo Itoophiyaafi handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti kan gaggeeffammu yoo ta’u, sirnicharratti murteewwan jajjaboo ni darbu.
Baranas si’a 32ffaaf Amajjii 29- Guraandhala 4tti galma gamtichaatti kan gaggeeffame yoo ta’u, Afrikaan guddina ariifataa galmeessisuuf hudhaalee gurguddoo sadirraa bilisa bahuu akka qabdu himameera.
Barreessaa Olaanaan Gamtaa Afrikaa Antooniyoo Guutarees sirnicharratti haasaa taasisaniin, hudhaalee guddina dinagdee Afrikaa booddeetti harkisan keessaa inni jalqabaa aadaa aangoo filannoon daddabarsuu dhabuudha jedhu.
Hogganaan takkaa aangoo qabate akka dhaalaatti ilaaluun umrii guutuu hogganuuf kan kaka’u akka jiru kaasanii, filannoon dhibuun nageenyi akka dhibuufi jeequmsi akka babal’atu kanneen taasisan keessaa isa tokko ta’uu dubbatu. Filannoon haqa qabeessaa dhibuurraa kan ka’e gaaga’amni lubbuufi qabeenyaa Afrikaanotaarratti qaqqabu dinagdee biyyaa quucarsuurra darbee buqqa’uu lammiileef sababa ta’aa jiraachuus ni himu.
Akka yaada Guutareesitti, hudhaan biraa Afrikaanotaaf yaaddoo guddaa ta’ee jiru rakkoo nageenyaati. Biyyoota Afrikaa gara garaa keessatti garaagarummaa siyaasaan, sanyiin, lagaan uumamaa jiruun waraanni akka babal’atu ta’aa jira.
Kun ammoo dhaloota haaraaf yaaddoo ta’uurra darbee egeree isaanii keessatti jibbiif ilaalchi balaafamaa akka biqilu waan godhuuf hudhaalee gama kanaan mudatan furuuf humna tikaa nagaa eegsistuu bobbaasuu qofti gahaa hinta’u; nageenya waaraa fiduuf gamtichi cimsee mari’achuu akka qabudha kan himan.
Qormaanni biraa Afrikaaf yaaddoo ta’e jijjiirama haala qilleensaan mudatu ta’uu kan kaasan barreessichi, qilleensi naannawaa faalamuusaan dhibeewwan garagaraa jiruufi jireenya hawaasaa balaaf saaxilaa jiraachuu ibsu. Rakkoo faalamaan qaqqabaa jiru kana matumaa furuuf sochiin hoggantootaan taasifamu walirraa cituu hinqabu kan jedhan Mistar Guutarees, sochiin qindaa’aa gama kanaan taasifamu egeree biyyootaaf bu’uura ta’uu dubbatu.
Dhimma Afrikaaf kan quuqamu Afrikaanotuma ta’uu kaasanii, hudhaalee Afrikaaf yaaddoo ta’an maqsuuf gamtaan kun hordoffii barbaachisu taasisuu akka qabullee kaasaniiru.
Hudhaaleen Afrikaa keessatti toora xiyyeeffannoo argachuu malan ilaalcha siyaasaan kan walqabatanidha kan jedhan ammoo Durataa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mistar Muusaa Faakiiti.
Akka ibsasaaniitti, aadaan dubartoota aangessuu laafaa ta’uusaan shoorra dubartootni sochii hawaas dinagdee biyyaa keessatti qaban akka laafu godheera. Hirmaannaa dubartoonni gama maraan guddina biyyaa keessatti qaban yoo fooyya’e durbartoonni ga’umsa qaban hojiitti akka hiikan kan godhudha jedhu.
Siyaasni waaraafi hirmaachisaa ta’e lafa qabachuu dhabuusaan rakkoon nageenya Afrikaaf yaaddoo ta’uurra darbee godaansi gara biyyoota hambaatti taasifamu akka babal’atu taasisuusaa ibsanii, dhaloonni haaraa godaansa seeraan alaa filannoo godhate hedduunsaa harka diinaafi galaanaan nyaatamaa waan jiruuf hoggantoonni kana furuuf hojjechuu akka malan dhaamu.
Qormaanni Afrikaanotaa inni biroo tatamsa’ina dhibeelee daddarboo kanneen akka ivoolaa haalaan to’achuu dhabuu ta’uu kaasanii, rakkoo fayyaa wajjin walqabatee ka’u irratti injifannoo galmeessisuuf barnoota qulqullina qabuufi kenniinsa tajaajila fayyaa saffisaan waliin ga’uu toora xiyyeeffannoo hoggantootaa ta’ee mul’achaa jiraachuus ni himu.
Durataa’aan Gamtaa Afrikaa duraanii Mistar Pool Kaagaamee gamasaaniin, Afrikaanonnii yoomuu caalaa yeroon itti cimanii ka’aniifi dirree dimokiraasii babal’isan amma ta’uu qaba jedhu. Guddinni Afrikaanotaa harkifataa akka ta’uuf sababa kan ta’an hudhaaleen garagaraa jiraatanis irra caalaatti dirreen dimokiraasii mootummaan babal’ise dhiphachuunsaa akka komiitti kan ka’udha jedhu.
Dirreen dimokiraasii babal’achuu dhabuunsaa har’as yaaddoo Afrikaanotaa ta’aa waan jiruuf aanga’oonni of ilaaluu akka qaban Mistar Kaagaameen ibsanii, siyaasa hirmaachisaafi bal’aa ta’e lafa qabsiisuuf hojiin manaa hoggantoota aangoorra jiranitti kenname olaanaa ta’uu ibsu.
Afrikaan dachee misoomawaa, humna namaa si’ataafi ga’umsa qabu qabattee hiyyummaafi rakkoo nageenyaan rukutamuu akka hinqabne kaasanii, siyaasa hirmaachisaa ta’e lafa qabsiisuufi qabeenyashee haalaan fayyadamuun barbaachisaadha jedhu.
Walumaagalatti, hudhaaleen sochii hawaas dinagdeefi siyaasa Afrikaanotaa booddeetti harkisaa jiran, dirreen dimokiraasii babal’achuu dhabuun rakkoon nageenyaa uumamu, dhibeeleen faalama qilleensaan mudatan heddummaachuufi godaansa seeraan alaa wajjin kan walqabatan waan ta’eef hudhaalee kanneen dhabamsiisuun Afrikaa haaraa ijaaruuf aangoo nagaan daddabarsuun aadeeffatamu qaba.
Waasihun Takileetiin
6 Comments to ““Afrikaan hudhaalee ittiin liqimfamtee jirtu keessaa bahuu qabdi” – Antooniyoo Guutarees”