Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad torban har’aa ji’a 10fa muudamasaaniitti Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatti argamuun dhimmoota siyaas-dinagdeefi hawaasummaarratti gaaffilee miseensota irraa ka’aaniif deebii kennanii turan. Manni Maree shanaffaan kun walga’ii addaa lammaffaa kan bara hojii arfaffaa ture guyyicha kan adeemsifate. Nutis maxxansa kanaan deebiifi ibsa isaan dhimmoota siyaasaarratti xiyyeeffachuun kennan akka armaan gadiitti isinii dhiheessina.
Dhimma paartiilee siyaasaa biyya alaadhaa galaniifi bakkeewwan tokko tokkotti rakkoo uumaa jiraniin walqabatee gaaffii ka’eefiif Doktar Abiyyi deebii bal’aa kennaniiru. Akkasaan jedhanitti, mootummaan jijjiirama ka’umsasaatiin ijaarsa sirna dimokraasii Itoophiyaa cimsuuf ga’eesaanii akka ba’ataniif waamicha dhiheessee ture. Bu’uura kanaaniis waamicha nagaa mootummaan taasise fudhachuun paartileen siyaasaa dargaggummaatti biyyaa ba’aanii alattii dullooman 20 ta’an gara biyyaa seenaniiru.
Kanneen dhufan keessaas hedduun isaanii adeemsa jijjiiramaa mul’achaa jiru deggaruun ga’eesaanii ba’achaa jiraatanis tokko tokko garuu miila isaanii tokko Finfinnee, tokkommoo biyya alaa kaa’uudhaan adeemsa siyaasaa iftoomina hinqabneen rakkoo uumuuf yaalaa jiru jedhan. Kanas mootummaan biyyattii jalqabduu dimokraasii ta’uusheetiin gara bal’ummaadhaan ilaaluun murteessaadha jedhanii waan amaneef obsaan ilaalaa jiraachuus ni kaasu.
Paartiin kamiyyuu “Ga’umsa addaa waanin qabuuf waraaneen mo’a jechuu osoo hintaane yaada addaa waanin qabuuf biyyattiif bu’aan buusa” jedhee yaaduu akka qabu kan hubachiisan ministirri muummee, faashinii waraanaa darbuusaatiin jalaqabbii gaarii amma jirutti fayyadamuun gamnummaa ta’uu dubbatu.
Wayita ammaa Itoophiyaa keessatti dirreen siyaasaa bal’atee waan jiruuf paartiileen meetira 100 fiiguu baran gaafa kiiloo meetiraan ta’u qilleensi hanqatee afuraa akka hincinne gamanumaan itti yaaduu akka qabanis ni yaadachiisu.
Mootummaanis dhimmootuma kanneen ilaalcha keessa galchuunii darbaa kan obsee malee dhimma birmadummaa Itoophiyaa irratti eenyuuyyuu wajjiin kan waliigalu ta’ee miti kan jedhan Doktar Abiyyi, ammas dhimmichi xumura hinargatu ta’ee gara sirna diiguutti kan adeemuu taanaan mootummaan tarkaanfii hadhaawaa fudhachuuf akka dirqamu akeekkachiisu.
Paartileenis gamanumaa seeraafi heera biyyattii kabajuun karaa nagaa filannoorratti hirmaachuuf gurmaa’uufi hogganaa isaanii filachuu akka qaban kaasanii paartiin ofiisaa keessatti dimokraasii hinshaakalle Itoophiyaarratti demokraasii fiduu hindanda’u jedhu. Kanammoo paarileen ADWUI irraa barachuun akkuma dhaabichi yaa’iisaa Hawaasaatti adeemsiseerratti gaggeessaasaa karaa demokraatawaa ta’een filateen filachuu akka qaban ibsu.
Yaada miseensonni “Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) ittigaafatama itti kenname seeraan ba’achaa hinjiru” jedhu ilaalchisee yaada kennaniin, RIB dirqama birmadummaa biyyaa kabachiisuu kan qabuufi yommuu naannoleen nageenyi naannawaasaanii humnasaanii ol ta’ee humna waraana waammatan kan deemudha. Kana jechuun garuu dhimmoota xixiqqoo kanneen poolisii naannawaatiin hiikaman keessa seenuun hojjetu jechuu miti; ammas kan ta’aa jiru kanuma jedhu.
Kannarra darbanii ummata kan miidhaniifi akka jedhame kan dararan taanaan sirrii waan hintaaneef akka sirratan gaafatu. Poolisoonnis malayyoo kaa’atan jalatti sammuu yaadu, shamizii cufatan jalatti onne gaddu qabaachuun ummataaf wabii ta’uu malee meeshaa namoota seeraa alaa ta’uu akka hinqabne dhaamu.
Rakkoo nageenyaa kutaalee biyyattii garagaraa keessatti ka’uun walqabatees akka jedhanitti, jijjiiramniifi demokraasiin kan dhufu mootummaatiin qofa osoo hintaane hirmaannaa nama hundaatiini. Kunimmoo waan halkan tokkoo ta’uu miti. Yaadrimeen demokraasii addunyaarratti erga eegalee waggoota kuma lamaafi 500 lakkoofsiseera. Sirni Gadaas waggoota 570 ol hojiirra jira. Ta’us demokraasiin biyya kamittuu sadarkaa barbaadamuun hojiitti hinhiikamne. Kanaaf obsaan ilaaluu barbaachisa.
Kun ta’ee osoo jiru bakka tokko tokkotti “Abaluun jijjiirama hinfidne, hojiinsaas sirrii miti” jedhanii humnaan nama aangoorraa buusuu yaaluun sirrii akka hintaane eeranii, waa hunda ija tasgabbiitiin ilaaluu barbaachisa jedhu.
Dhaabbilee barnoota olaanaa keessattis rakkooleen akka uumamuu malan dursamee waan barameef barattootaaf ergaan darbuu kaasanii, kun ta’uu humni yaada addaa baatu waan hindhibneef rakkooleen uumamuusaanii himu. Barattoota abidda baachisuun badiitti kan babbaasuu humni gara jabeessi Itoophiyaa keessa malee eessayyuu akka hinjrre kaasu.
Barattoonnis yunivarsiitii keessatti addaddummaa yaadaa qaban eeggachuun barachuu malee haadha dugda hidhattee barsiifattee eebbifamuu mucaashee eeggattuu boosisuufi gaddisiisuu hinqaban jedhu. “Nuti kan barbaannu barataa yaadaafi yaada walitti buusee waan haaraa uumuu malee dhagaafi dhagaa walitti buusee akka jabana durii sana abidda uumuu miti” jechuun hubachiisu. Qabsoon yaadaa qindaa’ee bu’aa akka fidu ammoo Ibsaa Guutamaafaa, Waalallinyi Mokonnonifaarraa barachuu barbaachisa jedhu.
Kana booda dhaabbileen yommuu eebbifamtoota haaraa mindeessaniis turtii barataan sun mooraa yunivarsiitii keessa taasise ilaaluu akka qabaniifi kan waggaa jedhamee ol yunivarsiitii keessa ture taanaan sababasaa qulqulleeffachuu akka qaban dhaamu.
Dhimma kontirobaandiifi daddabarsa meeshaalee seeraan alaatiin walqabatees Doktar Abiyyi akka jedhanitti, gochoonni kunneen Itoophiyaatti hanga seera qabeessa fakkaatutti ittiin hojjetamaa tureera. Amma dhimmichi akka haaraatti akka ka’uufi ajandaa akka ta’u kan taasise mootummaan xiyyeeffannaa itti kennuusaati. Albuudoonni, horiiniifi kkf karaa seeraan alaa ba’u, dawaaleefi omishaaleen yeroo itti darbemmoo gara biyyaa seenuun dinagdeefi fayyaa ummataarratti miidhaa geessisu. Kun waggaa hedduu akka waan seera qabeessaatti hojjetamaa tureera. Ministeera Galiiwwaniifi Gumurukii cimsuun kan barbaachisees kanumaaf jedhu.
Meeshaan waraanaa seeraan ala miti seeraan iyyuu balaa qabuufi kanammoo Ameerikaafaarraa barachuun akka danda’amu eeranii, Itoophiyaattis utuu rakkoo hammaataa hinfidiin bu’uura seeraatiin xiyyeeffannaa cimaan akka itti kennamu kaasu.
Shakkamtoota to’annoo seeraa jala oolchuu ilaalchisee gaafii ka’e wayita deebisanis “Itoophiyaatti, yakka hojjetee kan hinhidhamne hinjiru. Addaddummanasaa mootummaan qabamee to’atamuufi yakkamaan ofiisaatiin sochiisaa gitee of hidhuusaati. Itoophiyaa keessa hataniis ta’e ajjeesanii barabaraan jiraachuun hindanda’amu; sababni isaa seerri jira” jedhu.
Shakkamtoonni qabaman qomoo tokkorraa kan sassaabaman fakkaatu isa jedhuufis, “Sabni hattuun hinjiru; hattoonni garuu saba hunda keessa jiru. Warri to’annaa jala oolaniis saboota garagaraa keessaati. Hattoonni gaafa qabaman “Waanin saba yookiin qomoo kanarraa ta’eefi” jechuun amalasaaniiti. Gaafa hatan garuu eenyuunuu mari’atanii hinhatan. Kanaaf hattuun saba kamuu keessaa hate dhokotu hinjiru. Kana duras qabameera, ammas ni qabama jedhu.
Akka waliigalaatti ji’oottan kurnan darbanitti hojiileen gama siyaasaafi dippilomaasiitiin hojjetaman jajjabeessoo ta’aanis mudaan tokkoyyuu hinjiru jechuun akka hindanda’amne kaasanii, hanqinoota jiranis adda baasaa kallattii waliin kaa’aa jijjiiramaaf kan hojjetamu ta’u ibsu.
Saamraawiit Girmaatiin
2 Comments to “Dhaloota yaada burqisiisee waan haaraa uumutu barbaadama”