Jaarmiyaalee siyaasaa maqaa Oromootiin socho’aa turan keessaa Addi Tokkummaa Walabummaa Oromoo (ATWO) isa tokko yoo ta’u, yeroo dhiyoo keessa maqaasaa gara Paartii Biyyaalessaa Oromiyaa (PBO)tti jijjiirratee qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf hojjechaa jira.
Paartichi Jeneraal Kamaal Galchuutiin kan hogganamu yoo ta’u, Obbo Tamaam Baatii ammoo hogganaa dhimmoota dhaabaafi siyaasaati. Gaazexaan Bariisaa tibbana Obbo Tamaam Baatii waliin turtii kan taasise yoo ta’u, guutummaa gaafdeebii kanaa akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Bariisaa: Paartiin Biyyaalessaa Oromoo yoom hundaa’e? Kaayyoonsaa bu’uuraa hoo maali?
Obbo Tamaam: Paartiin keenya haaraa osoo hintaane jaarmiyaalee siyaasaa duraan turan sadiirraa kan hundeeffameedha. Isaan kunneenis, Adda Tokkummaa Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuutiin hogganamaa ture, Adda Bilisa Baasaa Oromiyaa Jaarraa Abbaa Gadaafi Kongiransii Walabummaa Oromoo (KWO) Jeneraal Kamaal Galchuutiin hogganamaa turan walitti fiduun bara 2010tti hundeeffame. Kanaaf dhaabni keenya haaraa osoo hintaane durumayyuu tureera jechuudha. Kaayyoon keenyas karaa nagaatiin mirga ummata Oromoofi ummattoota Itoophiyaa eegsisuudha.
Bariisaa: Tokkummaa Itoophiyaarratti ejjennoo paartiin keessan qabu akkamiin ibsama?
Obbo Tamaam: Paartiin keenya durumayyuu maqaa biyyaalessaatiin kan hundaa’edha. Sababiinsaa saboonniifi sablammoonni biyyattii danuun Oromiyaa keessa waan jiraataniif wayita mirga ummata Oromoo eegsisuuf qabsoofnu kansaaniis kabachiisuun dirqama. Sirnoota darban keessatti Itoophiyaan ijaaramaa kan turte akka garee tokko qofa fayyadduuf ture. Kun sirrii waan hintaaneef biyya lammiilee hundaaf haadha taatee guddistuufi barsiistu uumuun murteessaadha. Kaayyoon paartii keenyaa tokkummaa biyyattii diiguu osoo hintaane biyya hundaaf mijooftu ijaaruudha.
Bariisaa: Paartiin keessan galmaa’ee socho’aa jiraa?
Obbo Tamaam: Nuyi gama keenyaan gaaffii galmaa’uu dhiyeessinee adeemsarra jira. Kanaanis karaa seera qabeessa akka sochoonuuf waraqaan nuuf kennameera.
Bariisa: Waldhabdee mootummaa Itoophiyaafi ABO gidduu jiru furuuf Ambotti sirni araaraa raawwatameera. Dhimma kana akkamitti ilaaltan?
Obbo Tamaam: Waldhabdeen kamuu karaa nagaatiin osoo xumuramee itti gammadna. Walitti bu’iinsi ODPfi ABO gaarii waan hinturreef mootummaa Itoophiyaa gaggeessu wajjin walwaraansi geggeeffamaa ture. Kunimmoo biyyattii gara diiguutti waan geessuuf furamuu qaba.
Asirratti ABOn akka waan humnaan mootummaa jilbeeffachiisuu danda’uutti of fudhachuu hinqabu. ODPnis akka waan kaayyoofi sochiin waliigalaa ABO sirrii hintaaneetti sammuu ummataa keessatti bocuurraa deebi’uu qaba. Hunda caalaa waldhabdee uumamuun kan miidhamu ummata bal’aa ta’uu hubatamuu qaba. Kanaafis karaa nagaatiin mari’atanii rakkoo jiru furuun barbaachisaadha. Faayidaa siyaasaa argachuuf yeroo yeroodhaan sobaan araara labsuun dhaabachuu qaba.
Bariisaa: Filannoo biyyaalessaa bara dhufu marsaa 6faf adeemsifamu akkamiin ilaaltu?
Obbo Tamaam: Filannoon dhufu karaa nagaafi dimokraatawaan gaggeeffamee ummatni dhaaba siyaasaa fedhe filatee mootummaa akka hundeeffatu barbaadna. Nutis gahee keenya bahachuuf dhufne. Kana milkeessuufis dhaabbileen dimokiraasii bilisaan filannicha raawwachiisan uumamuu qabu. Kun akka ta’uufis mootummaa wajjin hojjechaa jirra.
Bariisaa: Paartiileen tokko tokko yeroon filannoo akka dheeratuuf fedhu. Paartiin keessan hoo maal jedha?
Obbo Tamaam: Gama keenyaan filannichi yeruma qabametti akka gaggeeffamu barbaadna.
Bariisaa: Paartiin keessan qaamni jijjiirama biyyattiitti mul’ataa jiru fide eenyu jedhee amana?
Obbo Tamaam: Itoophiyaatti jijjiiramootni hedduun akka dhufaniif ummatni bal’aan qabsaa’aa tureera. Keessumaa Oromiyaarraa qeerroofi qarreen Oromoo lubbuusaanii wareeganii sirni cunqursaan akka yeroo dhumaatiif akka dhabamsiifamu taasisaniiru. Dargaggootni naannolee biroos kallattiilee hedduun qabsaa’uun jijiiramoota dhufaniif ka’umsa ta’aniiru. Kanaafuu abbaan injifannoo ummata Itoophiyaa maraati.
Bariisaa: Baay’achuu paartiilee siyaasaa Oromoof akkamitti ilaaltu?
Obbo Tamaam: Baay’achuun paartiilee siyaasaa rakkoo hinqabu. Israa’el ummata miliyoona torba qofa qabdutti paartiilee siyaasaa 31tu jiru. Ummata Oromoo miliyoona 40 caaluuf paartiileen siyaasaa 14 ni baay’atu jechuun sirrii hinta’u. Rakkoon jiru garuu paartiileen kunneen garaagarummaa kaayyoofi sagantasaanii qabatanii mirgaafi fayyadamummaa Oromootiif waliin hojjechuu dhabuudha. Ta’us paartiileen kaayyoo walfakkaataa qaban walitti dhufanii karaa nagaatiin qabsaa’uuf waanti isaan dhorku hinjiru.
Bariisaa: Paartiilee maqaa Oromootiin hundaa’an keessaa kanneen kaayyoofi sagantaa dhaabni siyaasaa tokko guutuu qabu guutanii hundeeffaman hangam ta’u jettu?
Obbo Tamaam: Paartiilee jiran keessaa kanneen kan ummataa ta’an afur ykn shan hincaalan. Kanneen hafan hoggansa ADWUI duraaniitiin maqaaf kanneen hundeeffamaniidha. Isaan kunneen ammoo wayita filannoon bilisaafi dimokraatawaan adeemsifamu baduunsaanii hinoolu.
Bariisaa: Walitti bu’iinsa sababa daangaa bulchiinsaafi sabummaatiin naannolee tokko tokkotti uumamaa turerratti paartiin keessan maal jedha?
Obbo Tamaam: Jalqabarratti maddi rakkoo kanaa ummata akka hintaane beekamuu qaba. Qaamoleen waggoota 20f qaama hoggansa ADWUI ta’uun biyyattii qorqaa turan hedduudha. Ummanni gochasaanii kanarratti dammaqee wayita jijjiiramootni mul’achuu jalqabanitti faayidaansaanii addaan cite. Sababuma kanaan ummattoota nagaa walitti buusuu eegalan. Kanarraa kan ka’e lammiileen heddu lubbuusaanii dhaban; hedduunis qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an.
Kunis, hoggansa mootummaa jijjiiramaafi ummata gidduutti waldhabdee uumanii aangoo dhuunfachuuf yaadameeti. Dhumarratti garuu milkaa’uu hindandeenye. Furmaatni waaraan ammas harkuma ummataa waan jiruuf hattoota ofirraa qolachuu qaba. Paartiileen siyaasaas gaheesaanii bahachuun qabu.
Bariisaa: Dura taa’aan paartii keessanii, Jeneraal Kamaal galchuu ODPtti dabalameera odeeffanoon jedhu hangam dhugaadha?
Obbo Tamaam: Jeneraal Kamaal Galchuu ODPtti kan dabalame osoo hintaane, ittigaafatamummaan BMNO keessatti waan kennameefiif hojii mootummaa aantummaa olaanaadhaan hojjechaa jiru. ODP waliin ammoo hariiroo obbolummaa uumuurraan kan hafe paartiisaanii gadi hindhiisne. Kunimmoo sirna dimokraasii keessatti waanuma barameedha.
Bariisaa: Seermaleessummaarratti olaantummaa seeraa mirkaneessuuf maaltu hojjetamuu qaba?
Obbo Tamaam: Biyya tokko keessatti nageenya bu’uura hundaati. Nageenyi hinjiru taanaan olaantummaan seeraas gaaffii keessa gala. Adeemsa keessa ammoo diigamuu biyyaatiif ka’umsa ta’a. Kanaaf nagaa eeguufi eegsisuun dirqama lammii hundaati. Keessumaa dargaggootni biyyasaanii jaalachuu qabu. Wayita mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf socho’utti tumsuun barbaachisaadha.
Bariisaa: Waa’ee heera RFDI irratti maal jettu?
Obbo Tamaam: Heerichi qofaasaatti rakkoo hinqabu. Heerichi seerota heerri biyya tokkoo qabachuu qabu guuttatee kan qophaa’edha. Heericha raawwachiisuurratti garuu rakkoolee heddutu jiru.
Bariisaa Amajjii 24/2011
Takkaalliny Gabayyootiin
9 Comments to ““Itoophiyaa haaraa hunda qixaan keessummeessitu uumuuf hojjechuu qabna”-Obbo Tamaam Baatii”