Tibbana naannolee biyyattii garagaraatti walittii bu’iinsonni ni mul’atu. Kanaanis lubbuun lammiilee darbeera, qabeenyi barabadaa’eera. Keessumaa waldhabdeen Oromiyaa lixaafi Gondar lixaatti uumame ajandaa bal’aa ta’ee tureera. Kana malees uggurri konkolaataawwan waraanaa Raayyaa Ittisaarratti naannawa Shireefi Zaalaambassaatti taasifame ajandaa biraa ture.
Dhimmoota kanneen ilaalchiisuun Shumii Itaamaajoorii Ittaanaan Jeneraal Biraanuu Juulaa waajjirasaaniitti miidiyaaleef ibsa tibbana kennaniin akka jedhanitti, rakkooleen jedhaman akkuma jiranitti yoo ta’an illee akka miidiyaalee hawaasaarratti hafarfaman miti. Dhugaan jiru qorannoo kan barbaaduufi dhugaa qaama tokkoo qofa ukukkubsee kan dhiheesseedha.
Waldhabdeen Gondar Lixaa naannawa Matammaafi Cilgaa gidduutti uumame akka jedhame Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) ummatarratti waraana kan bane osoo hintaane humni hidhate riphee dhukaasa banuusaatiin tarkaanfii ofirraa ittisuuf fudhatame ta’uu himu.
Ka’umsisaas dhaabbanni, ‘Suur konistiraakishiin’ jedhamu naannawichatti daandii hojjetaa jiru maashinarootaafi meeshaalee hojii garagaraa gara eegumsa akka taasifamuuf gaafate RIB eegumsa taasiseefi yommuu meeshaa sochoofatu ummanni albuuda saamee ba’aa jira jechuun dhaabsisee sakkattaasisuusaa dubbatu.
Erga sakkatta’amee darbee bakka Shadii jedhamutti ammas akka sakatta’amuuf konkolaataan dhaabatee osoo jiruu humni hidhate gara RIBfi ummataatti dhukaase. RIBs ofirraa ittisuuf dhukaase jedhu.
“Odeeffannoofi gabaasa ani qabuun RIB ta’e jedhee ummatarratti hindhukaasne. Kana namni argeefi ragaa qabu yoo jiraate balballii keenya banaa ta’uusaatiin eeruu nuuf kennuu danda’a. Nutis tarkaanfii barbaachisu ni fudhanna; maatii miidhamtootaafis beenyaa barbaachisu ni kanfalla” jedhan.
Dhaabbanni Suur eegumsi kan taasifameef bakkichi iddoo sodaachisaa ta’uusaatiin akka eegamuuf gaaffii gaafateen ta’uu kan himan jeneraalichi, RIB ammoo dhaabbata miti namni dhuunfaa hojii biyyaarratti babba’e sodaa qabaatee gaaffii eegumsaa yoo gaafate eegumsa taasisuuf dirqama qabaachuu dubbatu.
Kanarraa kan hafe dhaabbatichirraa fedhii addaa waan qabuuf yookiin waan dhaabbatichaaf dhoksuu barbaade waan qabuuf eegumsa akka hintaasisne kaasanii, wanti dhaabbaticharratti ka’uu yoo jiraate poolisiin dhimmasaa haa qulqulleessu malee waan RIB ilaallatu akka hinqabne ibsu.
Rakkoon naannawa Oromiyaa Lixaatti uumame ture ka’umsisaa waldhabdee ODPfi ABO gidduutti uumame yoo ta’u, wantichi garuu babal’achaa deemuun lubbuu namaafi qabeenyarratti miidhaan ga’uusaa himu. Kana malees gaaga’amni dinagdee olaanaan uumamuusaatiin ummanni daran rakkachaa turuusaa shuumichi eeranii, hojiin tasgabbeessuu ittifufuusaa ibsu.
Biyya tokko keessatti humnoonni lama hidhatanii socho’uu akka hindandeenye dubbachuun kun yoo ta’e ummannis ta’e sirni mootummaa balaarra bu’uu waan danda’uuf RIB dirqama ummataafi biyya tiksuu waan qabuuf haala naannawichatti mul’ate tasgabbeessuuf sochiin taasifamuusaa addeessu.
Dhimmi naannoo Tigraay, Shireefi Zaalambasaatti uumamee turees kan ummanni naannawichaa itti yaadee taasisee osoo hintaane, dhimmichi kan daldala siyaasaa waliin walqabatuudha jedhu. Konkolaataan RIB naannawa sanaa kan ba’uuf akka miidiyaa hawaasaarratti hafarfame Tigraayirratti waraana banuuf osoo hintaane riifoormii ministeerichi taasisaa jiruu wajjin kan walqabatu ta’uu addeessu.
Hawaasa naannawichaa konkolaatoota uggure waliin mariin taasifamuusaafi kanaanis ummanni “isin haleelchisuuf” jedhamnaan ka’uusaanii ibsuufi kana boodas kasaartoonni siyaasaa akka jiran hubachuusaaniis ni kaasu.
Akka waliigalaatti wayita ammaa rakkooleen bakkaa bakkatti mul’atan kan babal’achaafi bifa jijjiirrachaa deeman ergaawwan miidiyaalee hawaasaarratti afarfamaniin waan ta’eef xiyyeeffannaan akka itti kennamu hubachiisu. Ummannis oduu jette jetteetiin osoo hingowwamfamiin nageenyasaa akka tikfatu dhaamu.
Gama biraatiin Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa tibbana wayita pirojektota magaalaa Adaamaatti ijaaraman eebbisiisan akka jedhanitti, “Yeroo hunda hireen hinargamu yeroo hireen nu harka galu kunuunfachuun kan abbaati. Hiree wareegama guddaadhaan argame kunuunfachuun beekumsa beekumsaa oliiti. Kanaafuu yeroon kun yeroo kamuu caalaa wayita nageenya keenya mirkaneessinee dinagdeedhaan of jijjiiruuf kutannoofi xiiqiidhaan gara hojiitti gallu waan ta’eef ummanni sagalee tokkoon misoomatti galuun naannoos ta’e biyya keenya jijjiiruuf hojjechuu qaba” jedhan.
Biyya nagaa qabutu misoomaan jijjirama kan jedhan pirezdaantichi, bu’uurri waa hunda nageenya ta’uufi kanaaf ammoo ummanni Magaalaa Adaamaa fakkeenya guddaa akka ta’e himu. Ummanni magaalattii eenyuyyuu caalaa nageenyaaf dhimmamuun nageenya isaatiif waardiyyaa dhaabbachuun misoomawwan fayyadamummaasaa mirkaneessan saffinaan akka ijaaramaniifi tajaajilaaf banaa akka ta’an taasiseera jedhu.
Iddoowwan tokko tokkotti bu’aa nageenyi qabu hubachuu dhabuun rakkoon nageenyaa yoo uumamu akka mul’atu kan kaasan Pirezdaanti Lammaan, bu’aa nageenyi qabu ummata Aadaamaarraa barnoota fudhachuu akka qaban dhaamu.
Walumaagalatti, nageenyi kan eegamu waan meeshaan waraanaa yookiin humni waraanaa ga’aan jiraateef osoo hintaane ummataani. Kanaafuu ummanni bitaafi mirgasaa ilaaluun kan isa baasuu murteeffachuun nageenyasaa kunuunfachuu qaba. Ta’uu baannaan garuu yeroo hunda yaaddoofi boo’ichi kan dhuunfaasaa ta’a.
Saamraawiit Girmaatiin
7 Comments to ““Dhugaan jiru akka miiidiyaa hawaasaarratti hafarfamu miti” – Jeneraal Biraanuu Juulaa”