“Jaarmiyaalee Oromiyaafi Oromoo jiddugaleessa godhatanii socho’an waliin hojjechuuf dhufne”

Gaazexaan Bariisaa akkuma kanaan dura gochaa ture maxxansa kanaanis gaafdeebii Hayyuduree ABO Qaama Ce’umsaa waggoota 45 darbaniif mirga Oromootiif qabsaa’aa turan, Obbo Galaasaa Dilboo wajjin taasise akka armaan gadiitti dhiyeessa.

Bariisaa: Mee haala moggaasa maqaa paartii keessanii naa ibsaa?

Obbo Galaasaa: Moggaasni kun hiika mataasaa qaba. Dhaabni keenya ABOdha. Kan adda bahee beekamaa ture ABO Galaasaa, ABO Daawudi jedhamuuni. Maqaa qaama ce’umsaa jedhamu kana gaafa warra kaan wajjin nagaa uumnee deebinu dhaaba keenya guutuusaa akka jirutti deebisna jennee qabsaa’aa turre jechaadha. Qaama ce’umsaas kan jedhameef kanumaafi.

Bariisaa: Akeekaafi ejjennoo qabattanii gara biyyaatti dhuftan nuu ibsaa?

Obbo Galaasaa: Haala biyya keessaa hordofaa turre. Keessumaa eddii Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad paarlaamaatti haasawa taasisanii booda haasichi maal akka ta’e hubanneerra. Tarkaanfiilee fudhatamaa turan kanneen akka hidhamtoota siyaasaa hiikuu, dhaabbilee siyaasaa shororkeessummaan moggaafamanii turan moggaasicha irraa kaasuufi ibsa isaan haala qabiinsa mirga namaarratti kennan hordofaa turre.

“Hafuurri nageenyaa biyyanatti dhufuu qaba. Jijjiiramni kunis hafuura nagaafi walhubannaarratti hundaa’uu qaba” jechuun haasaan ministirri muummeen taasisan sun jijjiirama gadifageenyaan jalqabame kana akka ilaalluufi deggarru nu taasise.

Haasaasaanii qofa otoo hintaane biyyattii sirna abbaa irree jalaa baasnee gara sirna dimokraasiitti ceesisuutti deemuu qabna, mirga dhala namaa dhiituun dhaabachuu qaba, morkattoonni siyaasaa biyya kanatti dhalatanii dhiibamanii bahanis diinota otoo hintaane morkattoota waan ta’aniif yaadasaanii bilisaan ibsachuu qabu ejjennoo jedhu xiyyeeffannaan ilaalle.

Kanarraa ka’uunis ibsa ejjennoo baasneen jalqabbii gaarii akka ta’eefi kanas kan deggarru ta’uu keenya labsine. Sana booda egaa haalatti biyya keenyatti deebinee jijjiirama eegalame keessatti hirmaachuu dandeenyurratti mootummaa wajjin mariyachuuf irratti hojjetaa turre.
Sana booda ALA Sadaasa 30 bara 2018 Jarman, Barliinitti jila Ambaasaaddar Kumaa Dammaqsaa keessatti argaman kan Ministira Dhimma Alaa, Doktar Warqinaa Gabayyootiin durfame wajjin dhimmoota adda addaarratti haasofne.

Bariisaa: Qabxiilee marii keessasanii keessaa waa nuu eertuu?

Obbo Galaasaa: Eeyyee. Qabxiilee irratti haasofne keessaa tokko ABOfi mootummaa jidduutti waraanni waggoota 20 adeemsifamaa tureera. Kanaafuu waraanaaf walbarbaaduun akka hafuuf nutis akeeka qabna. Akeeka keenya dhiibbaa tokko malee karaa nagaatiin biyya keessatti adeemsifachuu akka dandeenyu, gama lamaaniinuu humnatti dhimma bahuun jiraachuu akka hinqabne.

Lammaffaan, waa’ee hidhamtoota ABO achi buuteensaanii dhabamee mootummaan “quba hinqabu” jechuu waan hindandeenyeef jabeessee akka barbaaduuf fedhii akka qabnu, sabaniinsaas maatiinsaanii eessa akka gahan, du’anii jiraatanii waan hinirkaneeffanneef kun furmaata argachuu qaba, loloota adeemsifamaa turan keessatti loltonni keenya miidhaman hedduudha. Bakkaa bakkatti faffaca’anii kanneen gargaarsa barbaadan jiru.

Hedduunsaanii qaamaa hir’ataniiru. Of danda’anii jiraachuu dadhabanii maatii hiyyeessatti hirkatanii jireenya jibbisiisaa dabarsan jiru. Isaan kanneeniifillee waan gochuun barbaachisu karaa mootummaatiin yoo jiraate wajjummaan fala barbaaduu kanneen jedhaniifi kkf irratti haasofnee waliigalteerra gahuun gara biyya keenyaatti dhufne.

Bariisaa: Qabxiilee kanneen keessumaa karaa nagaan qabsaa’uufi miidhamtoota utubuurratti waliigalteen irra geessan maal fakkaata?

Obbo Galaasaa: Tokkoo karaa seeraatiin olaantummaa seeraa kabajnee biyya keessatti akeeka siyaasaa keenya dhiibbaa tokko malee tarkaanfachiisuu akka dandeenyuudha. Nutis gama keenyaan olaantummaa seeraa kabajnee karaa nagaatiin biyya keenya keessatti akeeka keenya tarkaanfchiisuuf walhubannoorra geenyeerra.

Bariisaa: ABOn qaama ce’umsaa kun jaarmiyaalee siyaasaa mirga Oromootiif qabsaa’an wajjin hojjechuurratti ejjennoo akkamii qaba?

Obbo Galaasaa: Egaa ABOn waggoota dheeraaf jaarmiyaalee siyaasaa mirga saba Oromootiif qabsaa’an wajjin hojjechuuf tattaafataa tureera. Ammas sanarraa yaada addaa hinqabu; warra akeekaan walfakkaannu wajjin. Kanneen akeekaan walhinfakkaanne garuu Oromiyaafi Oromoo jiddugaleessa taasifannee wajjummaan hojjechuun barbaachisaadha.

Jijjiirama kana gara milkaa’inaatti geessuuf qooda qabna jennee waan amannuuf akkuma biyya geenyeen waan isaan keessa jiranis eddii hubannee booddee taknaanfii ittaanee fudhannu ifa goona.

Bariisaa: Paartiileen Oromoo mirkanaa’uu hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromootiif qabsaa’an jiruutii isin asirratti maal jettu? Ejjennoo keessan nuu ibsaa mee?

Obbo Galaasaa: Nuti waggoota dheeraaf mirga hiree murteeffannaa ummata Oromootiif dhaabbanne. Mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo hanga bilisa ta’ee biyyasaa ijaarrachuutti kan qabsaa’aa turre.

Jaarmiyaalee ejjennoo akkanaa qaban waliin dubbannee waa goona. Warra ejjennoo kana hinqabne garuu mirga Oromootiif Oromiyaafi Oromoo jiddugaleessa godhatanii socho’aa jiran kamuu wajjin hojjechuuf hariiroo obbolummaafi wajjin hojjechuutiif murtii qabna. Murtiin kun ammoo akkamitti hojiitti hiikama kan jedhu eddii isaan arginee, yaadasaanii barree booda tarkaanfii ittaanutti seenna.

Bariisaa: Paartiileen, “Oromoon biyya kanaaf hundee waan ta’eef eenyutu eenyurraa foxxoqa” jedhan jiruu asirratti maal jettu?

Obbo Galaasaa: Eenyutu eenyurraa adda bahee bulaafi walta’uun kun maalirraa dhufa kan jedhu yoo ilaalle maatii tokko keessatti tokko isa tokkorraa kan adda bahuuf rakkoon jiraateeti jechuudha. Bakka rakkoon hinjirretti gaaffiinumti sunuu hinka’u.

Kanaaf nuti dubbiin kun dhaqee dhaqee waa’ee tokkummaa ummatootaarratti ilaalcha akkamii qabduutti nu geessa waan ta’eef nuti tokkummaa ummatootaarratti ummatoonni bilisa ta’anii tokkummaan walfedhiidhaan ijaarame akka jiraatu barbaadna. Tokkummaan haala kanaan ijaarame umriis qaba; ittifufaadhas. Tokkummaa fedhii ummatootaarratti ijaarame, kan walqixxummaa of keessaa qabu ni deggarra malee takkaayyuu morminee hinbeeknu.

Bariisaa: Qabsoon jijjiirama kana boodaa akkamitti adeemsifamuu qaba jettu?

Obbo Galaasaa: Bifa qabsoon qabachuu qabu haala jirutu murteessa. Haalli dhaabbataan kanaani jedhamu jira natti hinfakkaatu. Namni qabsoo hidhannoo filatee meeshaa kaase hinjiru. Nan du’a jedhee lafumaa ka’ee qawwee hinluqqifatu, sababa gara kanatti isa geessu qaba jechuudha.

Seenaa guutuun biyya kanaa seenaa lolaafi miidhamuurratti kan hundeeffameedha. Yeroowwan adda addaatti seenaa keenyaa keessatti lolli akka furmaata hundeetti ilaalamaa ture jechuudha. Jaarmiyaalee siyaasaa dhiisnaan hariiroon mootummoota jidduu ture hariiroo lolarratti hundaa’e ture. Aadaan jirus rakkoo uumame karaa qawwee furuuti kan mul’ataa ture.

Kanaafuu kan filatamu rakkoo ofii akkuma amma jejjedhamaa jirutti karaa nagaa filachuudha. Karaa nagaa filachuuf ammoo aadaa walii obsanii, rakkoon nama kanaa maalinni jedhanii waldhaggeeffachuu qabaachuu barbaachisa.

Nama ka’ee mormee waa jedhu rukutanii balleessuudha biyya kanatti kan barame. Barsiifanni sun jijjiiramuu qaba. Sababiinsaas, tokkummaafi nagaasaa kan eeggatu ummata waan ta’eef.
Nagaa kana ammoo warri dhimmisaa ilaallatu marti itti dhimmamanii eeguu qabu. “Nagaa nagaa” jenneef waantonni hundi nagaa ta’a jechuu miti. Humnoonni hundi kan ololaanis waa oofu haa ta’uu, isa qawwee baate qofa miti, kan afaan qawwee godhate meeqaa meeqatu jira. Hundumtuu nagaan boora’uufi hariiroo ummatoota balleessuurratti qooda qabu. Kanaaf dhimmi ijoon barsiifanni miidhaadhaan walbarbaaduu sun hafee karaa nagaatiin rakkoo jiru furachuun baratamuu qaba.

Eenyuyyuu yoo ta’e rakkoosaa karaa nagaatiin fixachuu qaba. Kan hordofamuus ta’e ta’uu qabu kana. Ani akkanattin ilaala, amanas. Nagaan garuu waan jecha qofaan dhufuu miti. Hunduu kanaaf gumaachuu qabu.

Namoonni waan itti amanan, bu’aa qaba jedhan dubbachuu qabu. Oromoon asirratti waan jedhu qaba. “Dubbii baha hindhowwan gala dhoowwan malee” jedha. Oromoon hindubbatiin hinjedhu. Ati dubbatteef garuu wantonni hundi hinta’an. Lakki dubbiin kee kun akkasi, homaa iddoo hinqabu jedheetu gala dhorka malee dubbii hindhorku.

Kana bu’uura godhannee rakkoo mudate nagaadhaan furachuutti fuuleffachuun biyyaafis ta’e hariiroo ummatoota jidduu jiruuf qooda guddaa qaba. Ummanni gaaffiinsaa deebi’eef, rakkoonsaa furameef, abdii horate waan wareegama guddaa isa gaafatutti deemuuf fedhii hinqabu.

Bariisaa: Maqaan Obbo Galaasaa Dilboo ABO wajjin baroota dheeraaf ka’aa turerraa ummanni Oromoos ta’e saboonni kuun maal haa eegan? Biyya kanaaf maal qabattanii dhuftan?

Obbo Galaasaa: Maqaa ABO wajjin ka’aa ture kanarra ummatatu guddaadha. Ani seenaa ajaa’ibaa hojjedhe hinqabu. Warra qabsoo mirga Oromootiif wareegamantu seenaafi kabaja qaba.

Maal qabattee dhufte yoon jedhamee tokko fuuleffannaan kiyya gaaffiin mirgaa ummata kiyyaa akkuma jirutti ta’ee nagaadha. Adeemsi jijjiiramaa tokko natti mul’ata. Yoo rakkoon jiraates irratti qabsoofnee irra aanuun akka milkaa’u goona jedheen amana. Warri jijjiiramni jiraayii jedhanii mamanis akka jiran nan beeka. Garuu rakkinicha hamma kana dhaadhessuu hinbarbaadu.

Akkuma kaleessa kutannoodhaan qabsoo hidhannootiin agarsiisne kunis akka milkaa’u, hir’ina yoo qabaate akka inni fooyya’aa deemuuf gargaarree qooda kiyya nan bahadha jedheen dhufe. Yoo kana gochuu dandeenye ummata Oromoofis ta’e saboota birootiif akkasumas biyyattiif waa gumaachine jechuudha.

Bariisaa: Keessumaa paartiilee maqaa Oromootiin socho’an jidduutti waadaan waaliin hojjechuuf seename oggaa cabu mul’ataatti kanarratti maal jettu?

Obbo Galaasaa: Akka Oromoottillee waadaa cabsuu waan jedhamu kanaan guddaa hinbeekamu. Dura warri waliigale sun waan irratti waliigalan sana tolchanii beekuu qabu. Eddii waliigalle jedhamee booda ammoo waliigalticha hojiirra oolchuu, waanti hir’ate yoo jiraate wajjummaan mari’atanii furmaata kennuudha waanti guddaan ta’uu qabu.

Nutis, adeemsi jijjiiramaa tokko jalqabameera kan jedhu amannee dhufne. Jalqabarraa kaasee maaltu ta’a jennee hordofaa turre. Ejjennoo addaa mataa keenyaa hinqabnu. Tarii yoo jijjiiramni kun milkaa’e ummanni keenya haara galfata. Waan silaa waggoota dheeraaf gaaffiisaa ta’ee ture argachuufis carraan ni uumamaaf jennee amanna.

Oggaa kana amannutti bakkuma jirru teenyee waantota dhufan hunda eeggannaa miti. Waanti eegalame kun akka ija godhatuuf carraa argametti fayyadamnee qooda keenya ni gumaachina. Sirni jijjiiramaa kun waltajjii siyaasaa babal’isuuf waan deemuuf kana keessatti nutis qooda qabna. Qooda qabnu kanaan waan dandeenyuun carraa argame kun akka bal’atuufi yeroo malee hingufanneef waa gumaachaa irraa eegganna. Yoo mootummaan kana kana nuu guute malee akkana hintaanu waan jedhu sammuu keessaa hinqabnu.

Warra jijjiiramni kun akka milkaa’uuf tattaafatan wajjin ni carraaqna. Gara dimokraasiitti ce’uun waan salphaa waan hintaaneef irratti hojjechuu barbaada. Kanaaf ammoo dhaabbanni barbaachisaadha. Dhaabbileen haqaa, miidiyaaleefi waldaaleen walabaafaan jiraachuu qabu. Nuti karaa nagaatiin hojjechuuf nagaadhaan dhufne.

Bariisaa: Biyya kanaaf sirna mootummaa federaalawaa moo tokkummaa wayya jettu?

Obbo Galaasaa: Bara ammayyaa kana keessa namoonni gara duubaatti deebi’anii yaadan jiru. Yoo akka dur barannetti ta’e malee hinta’u jedhanii yaadan jiru. Ani federaalizimii wajjin rakkoo hinqabu. Rakkoon bara kanaa federaalizimii miti. Kan Itoophiyaas federaalizimii afaanirratti hundaa’e miti. Ummarratti malee afaanirratti kan hundaa’e miti.

Ummata Oromoo jedhamutu jira. Ummanni kun ammoo Afaan Oromoo dubbata. Akkanatti tolfame malee waan bakka biraatii dhufee irra taa’e miti. Jaarmiyaan akkasii ammoo nurratti hinjalqabamne, addunyaa guutuu keessa jira jechuudha. Ameerikaas ta’e Awurooppaa ni jira. Kun adda miti. “Itoophiyaan adda. Ummata gurraacha keessaa koloneeffattoota kan mo’e nu qofa” jedhanii warri dubbatan jiru. Kanarraa ka’aniiti biyyi kun adda jechuun sirna federaalizimii kan morman.

Biyyi kun biyya saboota hedduuti. Saboonni ammoo guddaafi xiqqaa hinqaban. Ummatoonni hundi akka ummataatti olaantummaa qabu. Afaansaaniitti fayyadamuu. Afaansaatii fayyadamuu oggaa jennu ammoo ittiin sirbuufi dhiichisu qofa otoo hintaane mana murtiifi manneen barnootaa afaansaaniitiin itti tajaajilamaniifi ittiin baratan kan ofiisaanii qabaachuu qabu.

Warri sirna federaalizimii morman maaliif akka morman hinbeeku. Sirna kana fide gaaffii ummataati malee qawwee Adda Bilisummaa Ummata Tigraayiin baatamee kan dhufe miti. Dhimma kana keessatti hundi keenya hirmaanneerra. Anis gaafa chaartarii tureera. Qabsoofnee turre jechuudha.

Sirna kana fudhachuuf biyyattiin biyya saba hedduu ta’uushii amananii fudhachuudha. Saboonni kunniin guddaa haa ta’uu xiqqaa hundisaanii walqixa. Sabni xiqqaadha jedhamus warra kaan wajjin mirga qixxee qaba. Akkaataa itti warra kaan wajjin bulu murteeffachuuf mirgaafi haqa qaba. Kana hubachuu jechuun nagaaf bu’uura buusuudha.

Adeemsi kun walwajjin jiraachuufis hundeedha. “Akka nuti sii jennetti bulta” jechuudhaan nagaan ni dhufa jedhanii eeguun hindanda’amu. Dhimma kanarratti kanaan dura danuu tattaafatameera, garuu milkaa’uu hindandeenye.

Hanga sirni dimokraasii jiraatetti yaadasaanii dhiyeeffachuu danda’u. Garuu waanti dagatamuu hinqabne murteessaan sagalee ummataa ta’uusaati. Yeroo ummata jedhamu ammoo isa magaalaa keessaafi qarqara magaalaa jiru qofa otoo hintaane qonnaan bulaafi horsiisee bulaan fagoo jiru, kan gammoojjiittillee argamu ummata Itoophiyaa ta’uun ittiyaadamuu qaba.

Akka qaamoleen tokko tokko jedhan walitti bu’iinsota iddoowwan tokko tokkotti mul’ataa turan kan fide sirna federaalizimii natti hinfakkaatu. Qaamoleen walitti bu’iinsicha barbaadan ni jiru. Garuu ummanni sirna federaalizimii hinbarbaadu hinjenne. Federaalizimiin sirna rakkoon ture, sabdanummaan uumee biyyattii tarkaanfii tokko fuulduratti buteedha. Biyya akka keenyaa sabdaneessa ta’eef sirni kun filatamaadha.

Bariisaa: Paartii siyaasaa sabummaafi sabummaa akkamitti ilaaltu?

Obbo Galaasaa: Paartii sabummaas ta’e kan lammummaa dhimma walitti dhufaniif qabu. Kan sabummaa yoo ilaalle ajandaa saba kiyyaan tarkaanfachisa, guddinasaatiif ykn waanin irraa tiksuun qaba jedheet gurmeessa qaamni ijaaru. Kan lammummaas yoo ta’e akkasuma. Garuu hunduu kan madaalaman sagantaa qabameeni. Paartii lammii ta’eef qofa waanti addaa qabaatu hinjiru.

Isaanis rakkoodhuma paartiin sabummaa qabu qabu. Fedhiirratti hirkata. Fedhiirratti hundaa’anii kan lammii ykn kan sabaa ijaarrachuu danda’u. leellistoonni paartii lammii nama otoo addaan hinbaasiin walittiqabuu nu dandeessisa jedhu. Kan sabaa biyya bittimsa. Lammummaan garuu tokkummaa biyyaatiif furmaata kanneen jedhan jiru.

Garuu furmaata hinta’u. Kan lammii kun reefu mul’achuu eegale. Paartiin sabaa biyyoota adda addaa keessa jira. Fakkeenyaaf Kanaadaa paartii sabaa Kuubeek jedhamutu jira. Garuu biyya hinfacaafne. Waanti kun ofirratti abdii dhabuurraa dhufa. Kamtu akka wayyu ummataaf dhiyeessanii akka murteessu gochuudha.

Tokkummaan kan dhufu oggaa mirgi ummatootaa kabajamuudha. Kun waliin jiraachuu ummatootaa cimsa. Oromoon amma waggaa dheeraa jiraateera. Kanneen gaaftokkollee homaa hintaane, hundumtuu walqixa, Oromoon addatti waan ta’e hinqabu jedhanii falman jiru. Seenaan garuu kana hinjedhu. Yoo dhugaa jiru walitti himneefi beekne walillee amannee laga wajjin ceena.

Fakkeenyaaf Finfinnee keessaa karra shaniin bahama. Kallattiilee hundaanuu ganama ganama waan mul’atutu jira. Dardaraafi shamarran Oromoo harree fe’ee Finfinneetti yaa’utu mul’ata, waan qaban gurgurachuuf. Oggaa galanis karaa kana hunda guutanii dhiichisaa yaa’u. namoota kanneen akkamiin kunuunsaa jirra? Haadha qoraanii, haadha dhadhaa jedhamee waamama. Dhugaa keessa jirru hubachuu qabna. As keessatti dhalatee guddatee Afaan Oromoo kan hinbeekne hedduudha.

Ameerikaa yoo dhaqame ji’oota sadii keessatti Ingiliffi baratama, jiraachuuf. Asitti dhalatamee garuu ani Afaan Oromoo hindanda’u jedhama. Dhugaa ittiin waliin jiraannu beekuun barbaachisaadha. Dhugaa jiru walitti himaa deemuun barbaachisaadha. Kanaan dura haalli akkanaa hinturre. Magaalonni hawaasa naaannasaanii jiru akka lammii biyya biraatti ilaalaa turan. Walquba hinqaban. Waltajjiin walitti isaan fidu hinturre.

Bariisaa: Jijjiirama kana keessatti waanti akka abdiifi sodaatti isinitti mul’atu yoo jiraate?

Obbo Galaasaa: Jijjiiramichi hanga ammaatti haala gaariirra jira jedheen amana. Gama yaaddootiin, jijjiiramni kamuu oggaa dhufu kan deggaruufi mormu jiraachuu mala. Bakka haalonni kunniin jiranitti walqabiinsi ni jiraata. Inni jijjiiramicha fedhu jijjiiramicha milkeessuuf tarkaanfiilee adda addaa ni fudhata, inni mormus gamasaatiin gufachiisuuf waanti itti fakkaate raawwachuurraa duubatti hinjedhan.

Kun haala eessumattuu mudatuudha. Gocha badii iddoowwan adda addaatti raawwatamaa jiru akka yaaddoottiin ilaala. Warri jijjiiramicharraa gammachuu hinqabne biyyattiin tasgabbii hinqabdu, mootummaa jabaatu barbaachisa jedhanii odeessisuuf ittifayyadamu.

Oggaa mootummaa jabaa jedhanis yoo warra sirna duriirraa dhufan ta’e jabaa jechuun sirna gaafa isaan turan humnaan malaasee bulche jechuudha.

Humnoonni jijjiiramichaa hanga danda’ametti irreesaanii jabeeffatanii wajjummaan walii tumsanii milkaa’inasaatiif hojjechuu qabu. Yoo tarii rakkoon jidduusaanii jiraatellee dafanii fixachuu qabu.

Carraa ammaa kana akka salphaatti ilaaluu hinbarbaachisu. Haalli amma mul’ate kun duubatti deebi’a taanaan balaansaa salphaa waan hintaaneef ciminaan irratti hojjechuu barbaachisa. Qawwee jabaadhaan balaa dhufu ofirraa ittiisuun hindanda’amu. Dinagdeen biyyaas ni miidhama.

Bariisaa: Jijjiirama kana ceessisuuf qeerroo fa’iif maal dhaamtu?

Obbo Galaasaa: Dargaggeessi kan gochuu qabuu waa’ee jijjiirama mul’ata jiru kanaan haala akkamiitiin akka dhufe of duuba deebi’ee yaadatee eeguu qaba. Gatii jijjiiramni kun ittiin dhufe qalbeeffachuu qaba. Ambotti, Moyyaaleetti, Cinaaksanitti, Calanqootti, Yaa’abal’ootti, maaltu akka ta’e dagachuu hinqabu. Jijjiiramni kun cinaachaa laafaa qaba taanaan iddoo laafe sana jabeessuuf irratti duuluu barbaachisa. Waantota xixiqqoo gara garaatiin dallannee of duuba akka deebi’u gochuun balaa hunda keenya gaabbisiisu kan hordofsiisu ta’uun tasumaa dagatamuu hinqabu.

Waan aarsaafi wareegama keessaniin fiddan tikfadhaa, akka inni milkaa’uuf waan dandeessaniin hojjedhaan jedhaan.

Bariisaa: Haala biyyi keenya amma keessa jirtuun filannoo bara dhufuu geggeessuun ni danda’ama jettuu?

Obbo Galaasaa: Reefu dhufna waan ta’eef asirratti homaa siin jechuu hindanda’u. Sagantaan mootummaan qabate jira. Isa ilaaluu qabna. Jaarsolii biyyaafi dargaggoota dubbisuun nurra jraata. Dhimmichi dhimma imaammataa waan ta’eef asirratti waa jechuuf waa ilaaluu qabna.

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

11 Comments to ““Jaarmiyaalee Oromiyaafi Oromoo jiddugaleessa godhatanii socho’an waliin hojjechuuf dhufne””

  1. Pingback: game sex
  2. Pingback: lsm99day.com
  3. Pingback: sexy girl
  4. Pingback: OBENGBET
  5. Pingback: 가입머니지급
  6. This is quality work regarding the topic! I guess I’ll have to bookmark this page. See my website QH8 for content about Cosmetic Treatment and I hope it gets your seal of approval, too!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *