“Sirni ittigaafatamummaa diriiruu baannaan firiin qormaata bara dhufuu kan baranaa gad ta’uu mala” -Pirofeesar Hambisaa Qana’aa

Finfinnee: Firii qormaata kutaa 12ffaa bara 2015 galmaa’eef sirni ittigaafatamummaa jabaan diriiruu baannaan kan bara dhufuu kan baranaa gad ta’uu agarsiistuuwwan hedduun jiraachuu Yuunivarsiitii Finfinneetti, Hayyuun Barnoota Waliigalaa Pirofeesar Hambisaa Qana’aa ibsan.... Read more »

Indastiraalaayizeeshiniin misooma dinagdee biyyaa keessatti qooda murteessaa qaba

Finfinnee: Indastiraalaayizeeshiniin misooma dinagdee biyya tokkoo keessatti qooda murteessaa qaba jechuun Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibsan. Pirezidaantichi Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa karaa miidiyaa hawaasummaasaanii dabarsaniin akka jedhanitti, mootummaan naannichaa misooma qonnaa... Read more »

“Ulaa galaanaa qabaachuun Itoophiyaa qofa utuu hintaane biyyoota ollaashees ni fayyada” -Doktar Maatiwos Hinsarmuu

Finfinnee: Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) dhiyeenya kana dhimma Itoophiyaan ulaa galaanaa qabaachuu qabdi jedhurratti miseensota Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataaf ibsa bal’aa kennuunsaanii ni yaadatama. Dhimmichis karaa nagaa, marii, dippilomaasiifi seera... Read more »

Jilli Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu Yaa’ii 5ffaa Sawudii-Afrikaarratti hirmaataa jira

Finfinnee: Jilli Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu yaa’ii 5ffaa Sawidii-Afrikaa biyya Sawudii Arabiyaa, Magaalaa Riyaaditti adeemsifamaa jirurratti hirmaachaa jira. Yaa’ichi dursee adeemsifamuuf karoorfamus sababa walitti bu’iinsa Isiraa’eeliifi Hamaasiin rakkoo nageenyaa Gaazaatti... Read more »

 “Karoora qabame milkeessuuf Oromiyaa guutuutti mariin hawaasa hirmaachise ni taasifama” -Doktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee: Karoora xiiqii qabame hojiitti hiikuuf ji’oottan ittaanan Oromiyaa guutuutti hawaasa sadarkaan jiru waliin mariin akka taasifamu Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti, Ittigaafatamaan Siyaasaa Doktar Biqilaa Hurrisaa ibsan. Hojii misoomaafi nageenyaarratti walhubannoo... Read more »

 Godina Shawaa Lixaatti lafa hektaara kuma 800 olirraa callaa kuntaala miliyoona 25.3tu eegama

Finfinnee: Godina Shawaa Lixaatti lafa hektara kuma 800 oli qotuun callaa kuntaala miliyoona 25.3 walittiqabuuf karoorfachuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Garbuu lafa hektaara kuma 66 irratti addatti kilaastaraan omishuuf karoorfachuus ibseera. Hogganaan... Read more »

 Naannichatti invasteroota kuma 30 simachuuf karoorfameera

Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti bara bajataa 2016tti invastaroota kuma 30 simachuuf karoorfamuu Biiroon Invastimantiifi Industirii Oromiyaa beeksise. Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Ermiyaas Dannaqaa ibsa kaleessa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Oromiyaan naannoo... Read more »

 “ALA bara 2023tti haleellaa saayibariitiin hanni doolaara tiriiliyoona 23 ta’u raawwatameera” -Abdiisaa Baancaa (Ogeessa ‘ICT’)

Finfinnee: Baatiin Nageenya Saayibarii biyyaalessaa 4ffaan Onkoloolessa jalqabarraa kaasee mataduree, “Humna Saayibarii Haleellaa Qolachuusaa Mirkanaa’e Birmadummaa Biyyaaf” jedhuun sagantaalee gara garaatiin kabajamaa jira. Haleellaan saaybarii namoota dhuunfaa, dhaabbileefi akka biyyaatti miidhaa guddaa... Read more »

 Roobni si’anaa midhaan ga’ee mancaasuun ala weerara dhibee busaatiif haala mijataa uumuu danda’a

Finfinnee: Roobni yeroosaa hineegne tibbana roobaa jiru midhaan ga’e mancaasuun alatti weerara dhibee busaa waan hammeessuuf of eeggannoon taasifamuu akka qabu Inistitiyuutiin Meetiworolojii Itoophiyaa hubachiise. Inistitiyuutichatti Daarektarri Damee Raaga Meetiworolojiifi Dursee Akeekkachiisaa... Read more »

 Oromiyaatti ji’oota sadan darbanitti galiin qarshii biliyoona 26 ol walitti qabame

Finfinnee: Oromiyaatti ji’oota sadan darbanitti galiin qarshii biliyoona 26 ol walitti qabamuu Biiroon Galiiwwan Oromiyaa beeksise. Raawwiin kunis kan karoorfamee gad ta’uun ibsameera. Hoggantuun biirichaa Aadde Maskaram Dabbabaa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii... Read more »