Oduu Bariisaa

Guddistuun callaa kuntaala miliyoona 2.9 qonnaan bulaa dhaqqabeera Biqiltuu biliyoona 5.5 dhaabuuf karoorfameera Finfinnee: Oromiyaatti qonna ganna bara 2017tti hektaaraa miliyoona 10.8 sanyiidhaan uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise. Lafa sanyiin... Read more »

Finfinnee: Baay’inni namoota dhibeewwan busaafi maariyyee jaldeessaatiin qabamaa jiranii dabalaa waan jiruuf hawaasni of eeggannaa barbaachisu akka taasisu Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibse. Dhibeen maariyyee jaldeessaa Naqamteefi Jimmattis mul’achuu biirichi himeera. Biirichatti dursaan... Read more »

Finfinnee: Waa’een ijaarsa daandii Finfinnee-Gibee-Laga Dhedheessaa karooraan qabamuun erga dubbatamee bubbuleera. ALA Onkoloolessa 2018 kan mallatteeffame yoo ta’u; hojiinsaa kan eegalame ALA Amajjii 1 bara 2019 ture. Yeroo sanatti daandichaaf qarshiin 1,306,509,305.58... Read more »

Finfinnee: Oromoo hundi garaagarummaa amantaa malee eenyummaasaaf wareegama qaalii kaffalee jijjiirama fiduun bu’aa har’a argate xiqqeessuu akka hinqabne miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ustaaz Kaamiil Shamsuu ibsan. Ustaaz Kaamiil maalummaafi haala... Read more »

Finfinnee: Ijaarsa Itoophiyaa haaraaf koottaa nuwaliin hojjedhaa jennee biyya hambaarraa kan qaamolee adda addaa waamne caalmaa yaadaatiin siyaasa gabaan barbaadu qabatanii akka dorgomaniif malee alkallattiin Araat Kiiloo akka galaniif miti jedhan Ministirri... Read more »

Finfinnee: Haala qabatamaa jiruun Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf filannoowwan jiran hunda hojiirra oolchuun dirqama ta’uu Hayyootni Siyaasaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf yaada kennan ibsan. Itoophiyaan yeroo tokko ulaa galaanaa qabduun olaantummaan sochii... Read more »

Ayyaanni Arafaa 1446ffaan kabajame Finfinnee: Ayyaanonni Amantiifi ummataa agarsiistuu heddumminaafi fakkeenya wajjummaa jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse. Ayyaanni Iid Al-Adahaa (Arafaa) bara 1446ffaan kaleessa sirna ho’aadhaan kabajame.... Read more »

Finfinnee: Balaa tasaa mudatu hambisuuf hojii ittisa balaa duraa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksise. Kibxata darbe daawwannaan hojii ittisa balaa duraa kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii, Nifaasi Silkii, Addis Katamaa,... Read more »

Finfinnee: Komishiniin Turizimii Oromiyaa damee turizimii cimsuuf Inistitiyuutii Saayinsii Hawaafi Ji’oospaashaal Itoophiyaa waliin waliigaltee mallatteesse. Sirna waliigaltichaarratti, Komishinarri Ittaanaan Komishinii Turizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajoo akka jedhanitti, komishinichi waan tokkoofi lama qofarratti... Read more »

Finfinnee: Sirni barnoota elektirooniksii dandeettii abbootii seeraafi qaamolee haqaa guddisuun sirna haqaa fooyyessuuf gargaaru dheengadda eebbifame. Sirna eebbichaarratti haasawaa kan taasisan Daarektarri Inistitiyuutii Seeraafi Haqaa Federaalaa Ambaasaaddar Daggifee Bulaa akka jedhanitti, sirni... Read more »