Oduu Bariisaa

Fiichee: Saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa gidduutti firummaa, jaalalaafi nageenya amansiisaa ta’e cimsuun biyya sabdaneessaafi afdaneessa taate ijaaruu qabna jechuun Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa ibsan. Bulchaan godinichaa Obbo Indaashawu Biraanuu kana kan ibsan... Read more »

“Ijoollee keenya meeshaa waraanaa hinbaachifnu” – Doktar Abiyyi Ahmad Waraabee: Istaadiyeemiin magaalaa Waraabee Roobii darbe ummata kumatamaan lakka’amanii guutame ture. Ummanni Godina Silxeefi naannawaashee keessumaa jabaa simachuuf gariin uffataafi faaya aadaatiin miidhaganii... Read more »

Adaamaa: Miseensotni Caffee Oromiyaa adeemsa sirna filannoo waliigalaa marsaa 6faf barana adeemsifamu nagaa qabeessa taasisuuf qaamolee mootummaafi paartilee morkattootaa waliin ni hojjennaa jechuun Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf ibsaniiru. Aadde Baqqalach Keeyruu godina... Read more »

Finfinnee: Sirna federaalizimii dhugaa keessatti mirga waloofi dhuunfaa walcinaa eeguufi eegsisuun dirqama ummataafi mootummaa ta’uusaa barsiisaafi qorataan barnoota garaagarummaa Doktar Roobsan Margoo ibsan. Saayinsii barnoota garaagarummaa keessatti mirga waloofi dhuunfaa walcinaa eeguufi... Read more »

Finfinnee: Qonna ammayyaa babal’isuuf jecha bu’aaleen teknooloojii gara garaa qonnaan bultootaafi dargaggootaaf raabsamaa kan turan yoo ta’u, isaan keessaa tiraaktaroota ‘METEC’ liqaan raabsamaa ture isa tokko. Tiraaktaroonni liqaan qonnaan bultootaafi dargaggoota gurmaa’anii... Read more »

Finfinnee: Pirojektota bishaan dhugaatii waggoota kudhan dura bocamuun bajata guddaadhaan ijaarsisaanii jalqabame keessaa kan Nageellee tokko yoo ta’u, hanga har’aattuu hinxumuramne. Jiraattotni magaalittiis pirojektiin baasii qarshii miliiyoona 300n laga Gannaaleerraa harkifamee ijaaramuuf... Read more »

Waliso: Lolaa gannaa dhangala’a laga Awaashiin waggaa waggaan mudatuun hawaasni qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’u tokko lama miti. Bakkeewwan balaa lolaa kanaan hubaman keessaa godina Shawaa Kibba Lixaa aanaan Iluufi Daawoo akka fakkeenyaatti ka’u.... Read more »

Dubaay: “Ummanni jibbiinsaan badhaadhee, jaalalaan hiyyoome hinjiru; biyyi adda ba’uun mo’ate, tokko ta’uusaatiin akeeknisaa fashalaa’ees seenaa keessatti mul’atee hinbeeku. Hawaasni hattummaafi dhibaa’ummaan ulfaate, gaarummaafi tattaaffiidhaan kasaares hinjiru” jedhan Ministirri Muummee Mootummaa RFDI,... Read more »

Nageellee Booranaa: Pirojektiin hidha Gannaalee Daawwaa sadii humna elektirikii meeggaa waattii 254 maddisiisu Kibxata darbe eebbifamee hojii eegaluyyuu horsiisee bultootni Gujii aanaa Gordoolaa keessa jiraatan gariin beenyaan lafaa nuuf hinkaffalamne jechuun komii... Read more »

Bishooftuu: Sagantaan Misoomaa Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) magaalonni rakkoolee bu’uuraalee misoomasaanii hiikuun rakkoo hawaasdinagdee ummataa akka furaniif Baankii Addunyaa waliin ta’uun liqaa ni kenna. Itoophiyaanis waggoota kurnan darbanitti sagantichatti marsaa lamaan kan fayyadamte... Read more »