“Filannoodhaaf galmoofne guyyicha eeggachaa jirra” – Jiraattota Magaalaa Jigjigaa

Bayyanaa Ibraahimiin  Jigjigaa: Filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaatiif galmaa’anii guyyaa filannoo qofa eeggachaa jiraachuu Naannoo Somaaleetti jiraattootni Magaalaa Jigjigaa haasofsiine ni dubbatu. Hunda caalaa nagaan guyyaa tokkoofis taanaan akka hinboorofnetti filannichi gaggeeffamuu akka... Read more »

Qabeenyawwan mootummaa tajaajila malee taa’an Ebla 4-8 bara 2013tti galmeeffamu

Natsaannat Taaddasaatiin Finfinnee: Qabeenyawwan mootummaa waajjiraalee gara garaa keessa tajaajila malee taa’an Ebla 4-8 bara 2013tti galmaa’uun kan dhabamsiifaman ta’uu Ejensiin Bittaafi Dhabamsiisa Qabeenyaa Mootummaa RDFI beeksise. Daarektarri ejensichaa Obbo Haajii Ibsaa... Read more »

Naannoon Hararii tattamsa’ina Vaayirasii Koroonaatiin sadarkaa jalqabaarra jirti

 Sinqinasha Alamuutiin Finfinnee: Erga Itoophiyaa seenee waggaa tokko kan caale Vaayirasiin koronaa wayita ammaa tatamsa’innisaa daran dabalaafi yaaddeessaa ta’aa jira. Haala kanaan Naannoon Hararii tatamsa’ina vaayirasichaatiin sadarkaa tokkoffaarra akka jirtu Biiroon Eegumsa... Read more »

“Paartileen yeroo qilleensaafi fuula gaazexaa kennameefitti haalaan fayyadamuu qabu” – hoggantoota Paartilee

Waasihun Takileetiin Finfinnee: Paartileen siyaasaa yeroo qilleensaafi fuula gaazexaa imaammatasaanii ittiin beekisfachuuf kennameefitti haalaa fayyadamuu akka qaban hoggantoonni paartilee addaddaa ni gaafatu. Durataa’aa Ittaanaan Paartii Madrak Pirofesar Bayyanaa Pheexiroos ibsa kaleessa Gaazexaa... Read more »

“Sabbata aayyootu na danqee” Mala yeroo bitachuu Misiriifi Sudaan

Saamraawiit Girmaatiin Finfinnee: Itoophiyaan ijaarsa hidha haaromsa guddichaa erga jalqabdee waggoonni 10 lakka’amanis fayyadamtoonni yaa’a lagichaa Misiriifi Sudaan ammayyuu hinliqimfamne. Mariin biyyoonni sadan (Itoophiyaa, Sudaaniifi Misir) dhimmicharratti yeroo garagaraa adeemsisanis hanga yoonaatti... Read more »

Bitooteessa 24: Jalqabbii imala jijjiiramaa Itoophiyaa

Kutaa Qophiitiin Finfinnee: Bitooteessi 24 bara 2003fi Bitooteessi 24 bara 2010 seenaa Itoophiyaa keessatti bakka guddaa qabu. Inni jalqabaa yaada “ni danda’ama” jedhuun ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa tokko jedhee kan itti... Read more »

Ejansichi tajaajila wiirtuu tokkoo kennaa jira

 Sinqinash Alamuutiin Finfinnee: Ejansiin Carraa Hojiifi Wabii Nyaataa RFDI bara 1991rraa eegalee dargaggootaafi  miidhamtoota qaamaatiif carraa hojii uumaa kan ture yoo ta’u, bara 2008rraa kaasee ammoo wabii miidhaan nyaataa mirkaneessuuf namoota hojiimaleeyyii... Read more »

Finfinneetti sagantaa seftineetiitiin namoota kuma 415 oliif liqiin kenname

Waasihun Takileetiin Finfinnee: Magaalaa Finfinneetti namoonni kuma 766fi 800 ol jireenya hiyyummaan gadii jiraatu. Isaan keessaa namoota kuma 415fi 923 ykn dibbantaa 55 kanneen ta’an eeggattummaa jalaa baasuuf hojjetamaa tureera. Haaluma kanaan... Read more »

“Miidiyaan idilee dhugaa jiru sirritti ibsuu dhabuun miidiyaan hawaasummaa caalaatti akka amanaman taasiseera” – Ogeessota Miidiyaa

Bayyanaa Ibraahimiin Finfinnee: Durdur odeeffannoon ummata bira qaqqabu kallattii tokko qofaa irraa kan maddu waan tureef ummanni odeeffannoo mootummaafi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa miidiyaa qaban dabarsaniif amanee fudhachuun alatti filannoo biroo hinqabu ture.... Read more »

Magaaloonni riijinii Kaaba Lixaa fayyadamoo tajaajila interneetii ‘4G LTE Advanced’ ta’an

Natsaannat Taaddasaatiin Baahirdaar: Itiyoo Telekoom tajaajila ‘4G LTE Advanced’ Finfinnee qofatti kennaa ture babal’isuudhaan tajaajila intarneetii mobaayilii daran si’ataa ta’e kennuuf hojjechaa jira. Torban sadii dura tajaajila  ‘4G LTE Advanced’ Riijinii Kibba... Read more »