Ambo: Guddina aartii Itoophiyaa keessatti hayyoota maqaansaanii dhahamu keessaa Looreet Tsaggaayee Gabaramadin isa tokko yoo ta’u, haala rakkisaa keessa ta’ee bu’aa inni gama aartiifi aadaatiin lafa kaa’ee darbe hindagatamu.
Ogeessi kun guddina aadaafi aartii Itoophiyaatiif siidaa hindabarre dhaabee dhaloota haaraaf akka fakkeenya gaariitti kan ka’u ta’us yaadannoo tokko malee hafuunsaa sirrii akka hintaane aartistoonni dubbatan.
Sirna eebba Giddugala Qo’annoofi Qorannoo Aadaafi Aartii Looreet Tsaggaayee Gabramadin Wixata darbe Yunivarsiitii Ambootti gaggeeffamerratti artisitoonni yaada nuu kennaniin Looreet Tsaggaayeen oolmaa Itoophiyaaf ooleen kabaja maluuf dhabuunsaa sirrii akka hintaane kaasaniiru.
Dhimma kana ilaalchisuun Komediyaan Lij Yaareed akka jedhetti, Looreet Tsaggaayeen oolmaa Itoophiyaaf ooleen kabaja maluuf hinarganne.
Looreet Tsaggaayeen bara dukkanaa keessa hacuccaa irra gahaa ture dandamachuun hojiilee aartii hindabarre dhalootaaf kaa’ee darbuunsaa jajamuu qaba jedheera. Kuni ta’us Looreet Tsaggaayeen addunyaa kanarraa darbus ibsituu hojiisaa kanaaf siidaan yaadannoo dhibamuun Itoophiyaa komachiisa jedheera.
Itoophiyaa keessatti mootonni aangoo dahoo godhachuun duguuggaa sanyii qaqqabsiisaa turanillee siidaa qabu kan jedhe komediyaanichi, ogeessonni dhaloota haaraaf moodela aartii ta’an siidaa malee hafuunsaanii sirrii waan hintaaneef mootummaan itti yaadamuu akka qabu dubbateera. Sosochii gama kanaan mootummaan taasisu yoo jiraates ogummaan kan deeggaru ta’uu ibseera.
Komediyaan Lij Yaareed hojii komediin alatti aartii fakkiitiin gahumsa qabaachuu kan qabu ta’uu eeree, yaadannoo Yunivarsiitiin Amboo Looreet Tsaggaayeef hojjete fakkiidhaan bareechuuf waadaa seeneera.
Looreet Tsaggaayeen siidaa yaadannoo dhabus ogummaa hindabarreefi lubbuu qabu dhalootaaf kaa’uunsaa isa boonsa kan jedhemmoo Artisti Hacaaluu Hundeessaati.
Akka Artistiin kun jedhutti Looreet Tsaggaayeen ogeessa sabaafi sablammii Itoophiyaa hunda ija tokkoon ilaalu yoo ta’u, siidaansaa Finfinneetti dhaabachuufii mala.
Looreet Tsaggaayeen hayyuu afaanota gara garaatiin aaartii miidhagsee lafa kaa’uurra darbee dhalootaaf galtee ta’ee tajaajilus yaadatamuu dhabuunsaa dogoggora ta’uu Artisti Hacaaluun himeera. Gama kanaan tattaaffiin Yunivarsiitiin Amboo taasise kan jajjabeeffamu ta’uus eereera.
Artisti Abbabaa Baalchaa taasiseen Looreet Tsaggaayeen barsiisaasaa ta’uu eeree, akka hojiisaatitti yaadannoo tokko malee turuun Looreet Tsaggaayee saalfachiishaadha jedheera. Siidaan yaadannoolee dhabachuufii akka qabu dubbateera.
Bariisaa Onkololeessa 15/2012
Waasihun Takileetiin
3 Comments to ““Goonni aartii Itoophiyaaf siidaa hindabarre dhaabe ofii siidaa dhabuu hinqabu” Komediyaan Lij Yaareed.”