Naqamtee: Godinichatti dhabamuu nageenyaatiin rakkoon hawaasa muudachaa ture olaanaa ta’uu kan himan qonnaan bultootni, yeroo ammaa kanatti garuu rakkoo tokko malee midhaansaanii kunuunfachaa jiraachuufi omishnisaaniis kan dabalu ta’uu dubbatu.
Kana dura omishanii jiraachuun hafee bahanii galuufuu heddu rakkachaa kan turan ta’uu kan himan godinichatti Jiraataa Aanaa Gobbuu Sayyoo Obbo Garramuu Tiikoo, haalli nageenyaa ture fooyya’uusaatti qonnaan bulaan hundi gara hojii misoomasaatti deebi’uusaa ibsu.
Haalli rooba baranaa omishaaf mijataa ta’uun, deggarsi ekisteenshinootni qonnaa dhiheenyatti isaaniif taasisaa jiran dabalaa dhufuuniifi galteen qonnaa barana yeroon isaan qaqqabuunsaa haala nageenyaa fooyyaa’etti aansee daballii omisha baranaatiif sababa ta’uus ni dubbatu.
Giddugalli leenjii qonnaan bultoota dhiheenyatti argamu sanyiiwwan filatamoo garaa garaa qopheessuudhaan qonnaan bulaan fudhatee akka itti fayyadamu taasisaa jiraachuun omisha baranaa isa yeroo kamiyyuu kan caalchise ta’uu kan himan immoo Obbo Gashoolee Ayye, giddugalichi yeroo ammaa gosoota kuduraa, muduraa, midhaan dheedhii, midhaan zayitaafi kanneen biroo 80 ol ta’an qopheessee qonnaan bulaadhaaf akka fedhiisaatti raabsaa jiraachuu eeru.
Qonnaan bulaan haala quubsumasaatiin kilaastaraan gurmaa’uun paakeejii qonnaa guutuu akka fayyadamuuf ogeeyyotni qonnaa sadarkaan jiran deggarsa barbaachisu gochaafii kan jiran ta’uus dubbataniiru.
Bariisaa Onkololeessa 15/2012
Bayyanaa Ibraahimiin
One Comment to ““Haalli nageenyaa hojii qonnaa baranaatiif mijaawaadha”-Qonnaan Bultoota Godina Wallagga Bahaa”