Namni hunduu nageenya akka agartuu ijasaatti kunuunsuu qaba

Finfinnee: Namni hunduu nageenya akka agartuu ijasaatti kunuunsuu akka qabu Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Oromiyaa beeksise.

Manni marichaa erga ayyaana Mawuliidaa waggaa 1446ffaa boru kabajamu ilaalchisee ibsa Gaazexaa Bariisaaf kaleessa kenneen akka jedhetti, namni nageenyaaf xiyyeeffannoo akka kennuufi nageenyi jiruufi jireenya dhala namaa keessatti barbaachisaa ta’uu barsiisuuf Quraana keessatti waa hunda caalaa jechi, “nagaa” jedhu irra deddeebiidhaan barreeffameera.

Pirezidaantiin mana marichaa Sheek Jamaal Muusaa akka jedhanitti, masjiida deemanii salaatanii deebi’uun, daldalanii qabeenya horachuun, dhala godhatanii guddifachuun, bahanii galuun yoo nageenyi jiraate waan ta’eef dhimmi nageenyaa dhimma nama hundaa ta’uu qaba jedhan.

Duudhaan Islaamummaa nageenya kan barsiisu ta’uus himanii; Islaamni tokko yommuu nagaa nama gaafatullee “Nageenyi sirratti yaa ta’u” kan jedhuun amantii Islaamaa keessatti waa’een nageenyaa xiyyeeffannoo addaa kan argate ta’uu agarsiisa jedhaniiru.

Arjoominni, waldeggaruufi tokkummaan obbolootaas duudhaalee amantichaa ta’uu himanii; duudhaalee kanneen yoo guddina biyyaatiif ittifayyadamne waliin guddachuu, walii nahuufi waliin biyya misoomsuutu ta’a jechuun ibsaniiru.

Warra harkaqal’eeyyiif garaa laafan Rabbi ni jaalata, yoo harkaqal’eeyyiif harka hindiriirsine kadhannaan nuti taasisnu waan fudhatama qabneef Shariyaa keessatti harkaqal’eeyyiif arjoomuun dirqama ta’ee murtaa’eera. Qabeenyi dureeyyotaas kan mataasaanii qofa osoo hintaane Rabbitu karaasaanii harkaqal’eeyyii dheebuufi beela baasuuf isaan bira imaanaadhaan kaawwate jedhan.

Barsiisaafi jireenya Nabiyyuu Mahaammad bu’uura godhachuun lammiileen biyyattii wayita ayyaanicha kabajanis ta’e yeroo hunda karaa tokkummaa obbolummaafi jaalala agarsiisuun jiraachuun misooma biyyasaanii keessatti hirmaachuu akka qaban Sheek Jamaal waamicha dhiyeessaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017

Recommended For You