Boruun Oromoo cimina dhaloota har’aatiin milkaa’a

Finfinnee: Korri Qorannoo Oromoo 15ffaan guyyaa lamaaf magaalaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti gaggeeffamaa ture qorannoo garaagaraa irratti mari’achaa kaleessa xumurame.

Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo Obbo Dirribaa Tarrafaa akka jedhanitti, ummanni Oromoo hiree amma akka waliigalaatti argatetti fayyadamuun aadaa waliin mari’achuu gabbifachuun yaada furmaataa kaa’aa deemuun aadaa, duudhaa, safuufi safeeffannaa Oromoo ganamaa olkaasuun murteessaadha.

Boruun Oromoo cimina dhaloota har’aatiin kan milkaa’u ta’uu himanii, kana dhugoomsuuf cichanii hojjechuurratti hayyootaafi beektonni Oromoo gaheesaanii bahachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Marii Korri Qorannoo Oromoo guyyaa lammaffaarratti waraqaan qorannoo sadii mata dureewwan “Gahee artiin nagaa buusuu keessatti qabu, godaansaafi miidhaa isaa akkasumas gahee Sirni Gadaa qabeenya horachuu irratti qabu” jedhuun dhiyaatanirratti marii bal’aan gaggeeffameera.

Artiin biyya ijaaruu keessatti akkuma gahee olaanaa qabu yoo sirnaan itti hingargaaramne biyyas diiguu akka danda’u marii kana keessatti kan ibsame yoo ta’u, artiin humna guddaa dhala namaa keessa jiru waan ta’eef humna keessoo baasanii itti gargaaramuun ammoo murteessaa ta’uun qorannoo dhiyaaterratti ka’eera.

Seenaa artii biyya keenyaa keessatti heddumminaan faarfamaa kan ture wal ajjeechaa, wal buqqisuufi olaantummaa gama tokkoo leellisuu yoo ta’u, yeroo ammaa artii ijaarsa hawaasummaa cimsuuf itti gargaaramuun barbaachisaa ta’uunis ibsameera.

Artii waan gaariif itti fayyadamuu, tokkummaa biyyaatiif oolchuu, qabiyyee wal waraansa irratti fuulleffatan gara aadaa waliin mariifi araaraatti jijjiiruun ittifayyadamuun guddinaafi mul’ata biyyi keenya qabatte milkeessuuf murteessaa ta’uunis himameera.

Waraqaa qorannoo lammaffaa dhimma Godaansaafi miidhaa isaa irratti wantoota godaansaaf sababa ta’an keessaa dhiibbaa hawaasaa, dhiibbaa hiriyaa, balaa uumamaafi namtolchee dabalatee haala dinagdee wajjiin wal qabatan yoo ta’u, sababoonni kunneenis godaansi akka babal’atu taasisaa jiru.

Godaansa akka biyyaatti keenyaatti mudatu keessaa 48% Naannoo Oromiyaa irraa kan deemamu ta’uu qorannoo kana keessatti kan ibsame yoo ta’u, rakkoo kanaaf furmaata kennaa deemuun murteessaa ta’uu ka’eera.

Godaansa seeran alaa keessatti kallattinis ta’e alkallattiin dhiibbaan maatiis kan mul’atu ta’uunis qorannoo kana keessatti hammatameera.

Rakkoo kana bu’uurarraa furuuf sochii gama mootummaan taasisu cinatti Abbootiin Gadaa, Abbootiin Amantaafi kutaaleen hawaasaa hundi gahee isaanirraa eeggamu bahachuu akka qabanis eerameera.

Waraqaa qorannoo sadaffaa dhiyaateen Sirna Gadaa keessatti namni hojjechuun akka dirqamatti kan ibsamuufi yerootti sirnaan fayyadamuun qajeeltoo sirnichaa ta’uunis himameera.

Qabeenyi Gadaa keessatti bakka guddaa qabaachuufi Aadaa Oromoo keessatti qabeenya karaa haqa ta’een horachuu bira darbee qabeenya horatan waloon itti fayyadamuun qajeeltoo sirnichaa ta’uunis ibsameera jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa Gabaase.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016

Recommended For You