Oromiyaatti gibirri qarshii biliyoona 14 ol karaa teleebirrii sassaabame

– Bara dhufu galmeen kaffaltoota gibiraa dijitaaleffamee xumurama

Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti gibirri qarshii biliyoona 14 ol karaa teeleebirrii kan sassaabame ta’uu Biiroon galiiwwan naannichaa beeksise. Hojiin galmee kaffaltoota gibiraa dijitaalessuu bara dhufu akka xumuramus ibse.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaantuutti Hoggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, galii gibiraa sassaabame keessaa galiin qarshii biliyoona sadii ol kaffalaa gibiraa sadarkaa Afi B ta’anii warra ofiisaanitii beeksisanii kaffalan keessaa kaffaltoota 2600 ta’aniin kan raawwatameedha.

Biirichi karaa haqaqabeessaafi iftoomina qabuun kaffaltoota gibiraatiif tajaajila si’ataa kennuuf tajaajiloota kennaman dijitaalessuu akka filmaata dhumaatti qabatee hojjechaa jira.

Kanaan dura galmeen kaffaltoota gibiraa dijitaaleffamuu dhabuurraa kan ka’e kaffaltootni gibiraa oggaa gibira kaffaluuf gara biiroofi waajjiraalee galiitti dhaqan galmeensaanii dafee argamuu dhabuurraan kan ka’e tajaajilli kennamu akka harkifatu sababa ta’aa tureera jedhan.

Kana hambisuuf hojiin galmee kaffaltootaa gara dijitaalawaatti jijjiiruu jalqabamee iddoowwan baay’eetti sadarkaa xumuraarra jiraachuus kan eeran Aadde Maskaram, walumaagalatti bara dhufu hojicha kana xumuruuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Adeemsi sassaabbii gibiraa karaa dijitaalawaa ta’een magaalota guguddoo naannichaa 23 keessatti adeemsifamaa jiraachuus himanii, barana hanga ammaatti naannichatti gibira sassaabbame keessaa daldaltoota kuma lamaafi 600 irraa qarshiin biliyoona sadii ol karaa hojmaata dijitaalaa kan sassaabame ta’uu ibsaniiru.

Kanaan dura hojiileen akka nagayee maxxansuu, waraqaa kiliraansii daldaltootaaf kennuufi murtii gibiraa daldaltootaaf harkaan kennuu madda rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aa turuus yaadachiisaniiru.

Adeemsa sassaabbii gibiraa keessatti iftoomina dhugoomsuufi hordoffii bu’a qabeessa ta’e taasisuuf dameewwan biirichaa hunda karaa mosaajii walitti hidhuuf mosaajiin (‘software’) qophaa’aa jiras jedhaniiru.

Biirichi hojii dijitaalaayizeeshinii magaalota 23 keessatti jalqabe kana bara dhufurraa eegalee gara aanaalee naannichaatti babal’isuuf kallattii kaa’ee hojjetaa jiraachuu beeksisaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016

Recommended For You