Oromiyaatti barana sanyiin biqiltuu bunaa biliyoona 2.5 dhaabbiif qophaa’e

Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti barana sanyiin biqiltuu bunaa biliyoona 2.5 dhaabbiif qophaa’uu biiroon qonna naannichaa beeksise.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Mahammadsaanii Amiin ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, naannichatti hojiin omisha bunaa lafa haaraarratti babal’isuufi qulqullinaan omishuu  xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Buna baay’inaan omishuun galii bunarraa argamu dabaluuf naannichatti bara omishaa kana lafa haaraa hektaara kuma 380 irratti sanyii filatamaan buna biliyoona 2.5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Biqiltuu bunaa dhaabuuf karoorfame keessaayis lafti biqiltuun kun irra dhaabamu adda baafamee hanga ammaatti qonna arfaasaatiin biqiltuun miliyoona 300 dhaabamuu himanii, boolli biqiltuu biliyoona 2.3 ta’us qophaa’eera jedhan.

Bara bajataa kana hanga ammaatti omishni bunaa kuntaalli miliyoona 10 sassaabameera kan jedhan Obbo Mahammadsaaniin, buna Itoophiyaatti omishamu keessaa harki 70 naannichatti omishamaa jiraachuu beeksisaniiru.

“Oromiyaatti abbootii warraa miliyoona 2.3tu omisha bunaarratti bobba’ee argama. Walumaagalatti buna daffisanii gurguruun, buna dheedhii daldaluun, dhaabbilee buna omishanitti mindeeffamanii hojjechuun namootni miliyoona 25 carraa hojii buna faana hidhata qaburratti bobba’anii argamu.

Kanaan dura qonnaan bultootni buna omishan sababa hojmaanni mijataan hinturreef, dhiibbaa kontirobaandiifi sababoota biroorraa kan ka’e omishasaaniirraa fayyadamaa hinturre kan jedhan Obbo Mahaammadsaaniin, mootummaa jijjiiramaa booda qonnaan bultootni lafa hektaara lamaa ol qaban gabaa daldala bunaa biyya keessaafi alaarratti akka hirmaatan murteessuun fayyadamoo  taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Gabaa addunyaarratti yeroo yerootti jijjiiramuun gatii bunaafi jijjiiramni haala qilleensaa biyyattiitti mul’atu hudhaalee sektarichaa keessaa kanneen ijoodha. Sababa jijjiirama haala qilleensaatiin firiin bunaallee yeroo malee harca’ee omishtummaansaaa iddoon itti hir’isaa jiru jiraachuu ibsaniiru.

Rakkoo sababa jijjiirama qilleensaatiin dhufu qolachuufis qorannoofi qo’annoo garaagaraa taasisuun sanyiiwwan bunaa haaraa jijjiirama qilleensaa dandamatan dhiyeessuun hojjetamaa jiraachuu himanii, sanyii buna Baalee kan qorannoo qonnaatiin yeroo dhiyoo keessa bahe akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Sanyiin bunaa kun omishtummaansaa olaanaadha kan jedhan Obbo Mahaammadsaaniin kanaan dura godinni Baalee sanyii buna Jimmaatti fayyadamaa kan turaniifi sanyiin bunaa haarofti qilleensa godinichaa waliin kan walfudhatuudha jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016

Recommended For You