Hojiin kilaastaraa omishtummaafi aadaa qusannaa qonnaan bulaa gabbisaa jira

Naqamte: Kilaastaraan hojjechuun omishtummaafi aadaa qusannaasaanii gabbisaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Wallagga Bahaa ibsan.

Qonnaan bultoonni aanaalee Sibuu Siree, Guutoo Giddaafi Gobbuu Sayyoo  boqqolloo kanaan dura lafa hektaara tokkorraa kuntaala 30 argataa turan yeroo ammaa kilaastaraan omishuun callaa kuntaala 60 hanga 70 argataa jiru. Qonnaan bultoonni kunneen waliin hojjetanii akkuma omishtummaa dabalan waliin mari’atanii galiisaaniirraa %35 baankii Siinqeetti qusachaa jiru.

Obbo Deessoo Waaqkennee jiraataa Aanaa Gobbuu Sayyoo yoo ta’an deeggarsa mootummaan taasiseefiin  boqqolloo kilaastaraan omishuun galii argataniin jireenyasaanii fooyyessuu cinaatti miseensonni kilaastarichaa walta’uun baankiitti qarshii qusachaa jiru. Fuuldurattis omishtummaasaanii caalaatti dabaluuf tiraaktara qonnaa bitachuuf karoorfatanii hojjechaa jiru.

Jiraattuun aanichaa Aadde Xaafanii Oljirraa akka jedhanitti, hojii kilaastaraa keessatti dhiiraafi dubartii osoo hinjedhin hunduu bu’aasaa hubatee xiiqiin hojjeta. Hojii qonnaa durumaanuu hojjetaa turanis jijjiirama kilaastaraan hojjechuun as argan takkaa arganii hinbeekan. Jijjiirama caaluufis aadaa qusannoo akka miseensota kilaastarichaa biratti akka dirqamaatti waan ilaalamuuf isaanis gaheesaanii ba’achaa jiru.

Boqqolloo kilaastaraan qotuu cinatti misooma jallisiirratti xiyyeeffatanii hojjechuun mana jireenyaa Finfinneetti ijaarrachuu kan ibsan ammoo Qonnaan bulaa Aanaa Guutuu Giddaa Obbo Dammuu Mirreeti.

Akka isaan jedhanitti, hojii kilaastaraa qonnaan bulaan omishtummaa dabaluuf akka walonnachiisu taasiseera. Namni beekumsa qabu walitti fidee ciminaan hojjetee callaa gaarii argachuutti dabalee qusachuurrattis miira waldorgommii uumeera. Qonnaan bulaan qusannoo kilaastaraatiin ala dhuunfaan akka qusatuuf kaka’umsa uumeera.

Obbo Jireenyaa Abarraa Hojjetaa Waajjira Galiiwwanii Aanaa Sibuu Siree yoo ta’an, jijjiiramni dinagdee qonnaan bultoota gara qonnaatti hawwachuun harkisuun haala kana dura naannawichatti hinbaratamneen omisha avokaadoo eegaluu dubbatu.

Omisha avokaadoo kanas bishaan lafa jalaa baasuun misoomsuurratti argamu. Omishni avokaadoo kun omishaalee godinichaa qalbii miidiyaalee hawwatan keessaa isa tokko ta’uu danda’eera.

Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuus Godinni Wallagga Bahaa fuulasaa gara misoomaatti deebisuun jijjiirama sadarkaa biyyaatti fakkeenyummaa qabu keessa jiraachuu dubbatanii; gama mootummaan deeggarsi godinichaaf taasifamu cimee akka ittifufu hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016

Recommended For You