Konfaransiin dargaggootaa tibbana mataduree, “Dargaggoonni anniisaa jijjiiramaa, utubaa biyyaafi abdii egeree” jedhuun Oromiyaatti gandaa kaasee hanga naannootti adeemsifamee tureera.
Nutis dhimmuma kana ilaalchisuun Hogganaa Ittaanaa Biiroo Dargaggoofi ispoortii Oromiyaa Obbo Kadir Indaalkaachoo dubbisneerra. Ibsi isaan nuu kennaniis akka ittaanutti dhiyaateera.
Konfaransiin dargaggootaa kun sadarkaa gandootarraa kaasee hanga naannootti gaggeeffama. Konfiraansiin kun maniiwwan guguddoo lama qaba. Manii tokkoffaan dargaggeessi haala waliigalaa biyyiifi addunyaa irra jirtu beekee ijaarsa biyyaa taasifamu keessatti gaheesaa akka bahatu akkasumas toora biyyi keenya qabattee jirtuufi imaammataafi tarsiimoo ba’urraa hirmaataafi fayyadamaa ta’uu akka danda’u gochuudha.
Kana cinaatti hojiilee hojjetamaa jiran sadarkaalee adda addaatti ciminootaafi hanqinoota jiran hoggansasaa waliin mari’atee gaaffiifi yaada qabu mootummaaf dhiyeessee sadarkaa sadarkaadhaan deebiin akka itti kennamu gochuudha.
Fakkeenyaafi sadarkaa gandaarraa kaasee hanga naannootti waltajjichi kan hogganame bulchaafi kantiibaa sadarkaa sadarkaan jiruuni. Kana jechuun dargaggeessi gaaffiifi yaada qabu qaama isa hogganuuf dhiyeessee deebiin sadarkaa sadarkaadhaan akka itti kennamaa deemu ta’eera.
Manii 2ffaan gurmaa’insa dargaggootaa cimaa ijaaruudha. Dargaggoonni gurmaa’ina mataasaanii niqabu. Fakkeenyaaf waldaa dargaggootaafi federeeshinii dargaggootaa kan ilaallu yoo ta’e, isaan kun sadarkaa gandaarraa kaasee hanga naannootti bakka koreensaanii harca’eefi hojmaatnisaa laafaa ta’etti hoggansasaanii irra deebi’anii filachuudhaan gurmaa’insasaanii carraa kanaan cimsaa jiru. Kanaafuu galmoota lamaan kunneen qabannee dargaggoota sadarkaa gandaatii hanga naannootti dargaggoota miliyoona afurii ol irratti hirmaachifna jenneeti kan yaadnu.
Waltajjicharratti dargaggoonni ni argamu. Hoggansi sadarkaadhaan jiru fakkeenyaaf waltajjii sadarkaa godinaatti gaggeeffamu hoggansi mootummaa sadarkaa naannootti jiru guutuun irratti ni argama.
Sababnisaas gaaffilee dargaggootaa gama adda addaatiin seektaroota adda addaarratti ka’an achumatti argamee deebii itti kenna jechuudha. Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, jaarsoliin biyyaa akkasumas keessummoonni bakka adda addaarraa affeeraman waltajjicharratti argamaniiru. Dargaggoonni kalaqawwan addaa addaatiin beekamanis akkasuma.
Konfiransiin dargagootaa kun Caamsaa 25 sadarkaa gandaatti, Caamsaa 27 sadarkaa aanaatti, Caamsaa 28 hanga 30tti ammoo hoggantoonni sadarkaa naannoo bakka argamanitti sadarkaa magaalaafi godinaatti gaggeeffamaa jira.
Gaaffilee bu’uuraa dargaggoonni kaasan keessaa tokko dhimma carraa hojiin walqabata. Akkuma beekamu mootummaan carraa hojii kana bal’inaan uumuuf carraaqqii adda addaa taasisaa jira. Dargaggoonni miliyoonaan lakkaa’amanis carraa hojii argataniiru. Lakkoofsi kun guddaa ta’us baay’’ina dargaggoota naannichaan walbira qabnee yoo ilaallamu ammayyuu hojii bal’aan kan nu hafu ta’uu nutti agarsiisa.
Dhimma carraa hojii uumuun walqabatee rakkooleen lamatu adda bahan jiru. Isaanis rakkoolee gama dargaggootaan mul’ataniifi rakkoolee gama mootummaan mul’ataniidha. Aadaan hojiifi qusannoo keenya laafaa ta’uun akkasumas hojii filachuufi tuffachuun rakkoolee dargaggoota keenya biratti mul’ataniidha.
Gama mootummaatiin ammoo carraa hojii dargaggeessaaf uumamuu qabu waa hunda taasisuun dargaggeessaaf carraan hojii akka uumamu taasisuufi liqii yeroon dhiyeessuurratti hanqinni gara garaa jiraachuu qoranneerra. Kunis gaaffilee dargaggoonni kaasan keessaa tokko.
Dargaggoonni dhimmoota bakka oolmaa dargaggootaan walqabatanirrattis gaaffii kaasaniiru. Gaaffileen dargaggoonni kaasan waltajjii isaan irratti argamanirratti deebiin itti kennamaa jira. Dhimmoonni qaama mootummaa olaanaaf dhiyaatee deebii argachuu qabanis cuunfamanii qabatamaa jiru.
Dargaggeessi Oromiyaa dargaggeessa sirna kana jijjiiruun seenaa hojjete ta’uunsaa ni beekama. Dargaggeessi rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessatti bakkawwan gara garaatti mul’atu furuu keessatti hirmaatee nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti gaheesaa bahachuuf irratti waliigalameera. Nageenyaaf rakkoo kan ta’us rakkoo sana kan hambisus dargaggeessa. Kanaafuu dhimma nageenyaan walqabatee burjaajiin jiru ifa ta’ee akka ba’u taasifameera.
Dargaggoonni nageenya naannawaa keenya nutu eeggachuu qaba dhimma jedhurratti waltajjii hundarratti waliigalteerra gahaniiru.
Konfiraansicharratti dargaggoota waliigalaa naannoo Oromiyaa keessatti argamantu irratti hirmaachaa jira. Sadarkaa gandaatti hanga dargaggoota 500, sadarkaa magaalaafi godinaatti hanga dargaggoota 600, magaalota gurguddaarratti ammoo hanga dargaggoota kuma lamaatti irratti hirmaachaa jiru.
Sadarkaa gandaatti utuu konfiransii kana hingaggeessin miseensonni waldaa dargaggootaa walga’anii hoggansasaanii filatu. Waldaan dargaggootaa yaa’iisaa ji’a ja’a ja’aan gaggeeffata. Sadarkaa aanaafi magaalaatti ammoo waggaa waggaadhaan adeemsifata. Kanaafuu miseensonni waldaa dargaggootaa utuu gara konfiransii kana hindhufin gurmaa’insa isaaniif koree hojraawwachiiftuu filataniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016