Afrikaan hawaas dinagdeefi ce’umsa teknolojii kalaqaan tokkoomuun eeggattummaa kan maqsuufi miira ofitti amanamummaa kan cimsu ta’uu Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad beeksisan.
Yaa’ii Afrikaa-Kooriyaa tibbana Kooriyaa Kibbaa, Magaalaa See’ulitti gaggeeffamerratti argamuun haasa’aa kan taasisan Doktar Abiyyi guddina dinagdee Afrikaa si’eessuuf miirri waliin hojjechuu murteessaa ta’uu yaadachiisaniiru.
Hariiroon obbolumma gama maraanuu bu’aa buusuu akka danda’u deeggarsa waraanaa (Qaanyawu) Itoophiyaan walabummaa Kooriyaa kabachiisuuf taasisteen injifannoon argame fakkeenya gaariidha jedhaniiru.
Afrikaan yoo tokkoomne hawaas dinagdeefi siyaasaan fagaannee alaa galchuurra biyya keessatti omishnee jijjiirama dhaloota egereef ta’u galmeessisuun nidanda’ama.
Qabeenya uumamaa gahaa qabnu teknolojiidhaan deeggarree makaanaayzeeshinii qonnaa keenya ammayyeessinee, misooma qonnaafi magaalaa keenya jabeessinee wabii midhaan nyaataatiin of danda’uurra dabarree alergiif gahuun akka danda’amu Itoophiyaan fakkeenyummaan kaati jedhaniiru.
Hariiroon Itiyoo-Kooriyaas ta’e kan Afrikaa kana booda jiru gama nageenyaan, misooma teknolojiifi qonna akkasumas misooma magaalaatiin waliin dhaabachuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Misooama inisheetivii qamadii akka biyyaatti hojjetameen wabii midhaan nyaataa mirkaneeffachuu bira dabarree alergiif oolchuun jijjiiramni Itoophiyaatti galmaa’e biyyoota Afrikaa kaaniif fakkeenya gaarii ta’uu kaasaniiru.
Gama biraanis misooma magaalaa ammaan tana eegalameenis aadaa biqiltuu dhaabuu gabbisuun rakkoo jijjiiramaafi faalama qilleensaan Afrikaa qoraa ture salphisuun akka danda’ame Doktar Abiyyi dubbataniiru.
Faalama qilleensaa to’achuu dhabuun omishaafi omishtummaa keenyarratti miidhaa geessisuu danda’a. Kun akka maqfamuuf ammoo duulli misooma ashaaraa magariisaafi ittifayyadamni konkolaattota elektirikiin hojjjetanii gabbachuun dirqama jedhan Doktar Abiyyi.
Gama kanaan jalqabbiin akka Itoophiyaatti jiru biyyoota Afrikaa biroof fakkeenyummaan kan ka’uudha jedhanii, dabalataanis kalaqa saayinsiinis ofijaaraa deemuun qonna ammayyaa babal’isuufi magaalaa miidhagduufi hawwattuu taate akka qabaannuuf haala mijeessa jechuun ibsan.
Misooma magaalaafi qonnaan cimtee hojjennaan manii qabattee kaate milkeessuun kan alaa galu biyyatti omishuun alergiin sharafa alaa argamsiisu akka babal’atu kan taasisu ta’uus Ministirri Muummee Itoophiyaa himaniiru.
Afrikaan miira waliin hojjechuu gabbifannaan ajandaa 2063 daldala bilisaa waloo mirkaneessuuf qabame cimsuun misooma indastiriin, manufaakchariingiin, paarkii indastiriin of ijaaruun rakkoo hojidhabdummaafi walitti hidhamiinsa gabaa mudataa jiru maqsuun akka danda’amus yaadachiisaniiru.
Hariiroon waloo Afrikaafi Kooriyaa Kibbaa gidduu jiru kanaa ol cimuun biyyoonni teknolojiidhaan akka ciman misoomni qonnaafi magaalotaa akka saffisu wabiin midhaan nyaataa akka mirkanaa’u, kan alaa galu biyyuma keessatti omishuun sharafa alaa akka argamsiisnu nugargaara jedhan.
Qormaanni Afrikaanotaa inni biraan rakkoo nageenyaan walqabata jedhanii, kana furuufis gama nageenyaatiin waliin hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafimmoo tokkummaan murteessaa ta’uu yaadachiisaniiru.
Afrikaa hawaas dinagdeefi siyaasaan cimte ijaaruuf ittifayyadama qabeenya uumamaa keenya ammayyeessuun makaanaayzeeshinii qonnaa babal’isuufi misooma ashaaraa magariisaafi magaalaarratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Sochii Itoophiyaan gama misoomaan itti jirtu jajjabeessaafi kan nama onnachiisu ta’uu akkasumas hariiroon Kooriyaa Kibbaafi Itoophiyaa kan waggoota dheeraa ta’uu Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Yuunsuuk himuun, liqaa doolaara biliyoona tokkoof waliigalteen mallattaa’eera.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016