“Haqa haqaaqame sirreessuuf  hojiirra oolmaan haqa ce’umsaa murteessaadha” -Kaadhimamaa (PhD) Geetaachoo Taaddasaa

Miidhaafi miidhama sirnoota darbe biyya kana keessatti mudatan wal’aanuufi miidhamni lammaffaa akka hin mudanneef haqa ce’umsaa hojiitti hiikuun dhimma murteessaa ta’uu Hayyuun Seeraa Yunivarsitii Bulee Horaa Kaadhimamaa(PhD) Geetaachoo Taaddasaa ni dubbatu.

Obbo Geetachoon Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, hiikkoon haqa ce’umsaa jecha tokkoon ibsuun rakkisaa ta’us akka Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii ALAtti  bara 2004 fireemwoorkiisaarra  kaa’etti yaada bal’aa   adeemsa haqa barbaaduu of keessatti hammata.

Haqni ce’umsaa hubaatii addunyaan walirratti dhaqqabsiisee wal’aanuuf Waraana Addunyaa lammaffaa booda bal’inaan hojiirra ooluu eegale. Adeemsi haqa barbaaduu kun yeroo baay’ee  gaaga’ama waraanaa walqabatuu haqa diriirsuun walqabata.

Gartuu hawaasaa tokko sirna tokko keessatti miidhaan dinagdee, hawaasummaa, siyaasaafi eenyuummarratti xiyyeeffate isarra gahee haqa ce’umsaan wal’aanama jedhanii; keessattuu biyyootni addunyaa mootummaa abbaa irreen bulaa turaniifi gaaga’ama roga maraa keessummeessaa turan haqa ce’uumsaan keessa darbuun nagaasaanii bu’uura jabaarra dhaabuu yaadachiisaniiru.

Biyyoota gaaga’ama  hamaa keessaa  haqa ce’umsaa diriirsuun tasgabbii roga maraa mirkaneessan  keessa Ruwaandaa, Chiilii, Seeraaliyoon, Ispeen, Afriikaa Kibbaafaa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.

Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaan biyya umurii dheeraa qabduu kan mootummoota abbaa irreen bulaa turtedha. Turtii kana keessatti miidhaan sirnaa sirna keessatti mudate tuulamaa dhufuun biyya qarqara diigumsaan ga’eera.Kun hubatamee marii biyyaalessaa cinatti haqa lammiilee barbaaduuf haqa ce’umsaa hojiitti hiikuuf abbaluun biyyaaf boqonnaa murteessaadha. Haqni ce’umsaa miidhamtoota waan giddu galeeffatuuf miidahama biyyaa illee wal’aanuuf gumaata guddaa qaba.

Oromoon wayita makmaaku “Dhugaan ilmoo waaqaati; bakka dhugaan hin jirre nageenyi hin jiru” kan jedhuuf  bakka haqni haqaaqametti nagaa, tasgabbiifi milkaa’inni akka  hin jirree ibsuuf kan jedhan Obbo Geetachoon; Oromoon haqasaa argannaan beenyaa Ormaa illee fudhachuu akka hin feene yaadachiisaniiru.

Addunyaa miidhaafi miidhamaan guuttee kana keessatti seenessi “Sabni/sirni miidheefi miidhame hin jiru” jedhamu hafee akkuma Oromoon jedhu haqa kennaniin fudhachuun milkaa’ina haqa ce’umsaaf murteessaadha. Biyyootni addunyaa hedduunis waliigaltee tolfachuun miidhamaaf beekamtii kennanii beenyaa malee haqa diriirsuu danda’uusaanii ibsaniiru.

Haa ta’u malee, Itoophiyaa biyya haqni haqaaqamuun jibbiinsi sanyummaa gaaga’ama dhalaa jiru keessatti hayyoota tokko tokko dabalatee amma illee seenessi “Miidhaafi miidhamaan hin jiru” jedhu adeemsa haqa barbaaduu waan gufachiisuuf irratti hojjetamuu qaba jedhanii;  haqa argamerratti badii guddaa itti yaadamee mudateefis haala sirni itti gaafatamummaa diriirurratti gamanumaan itti yaaduun barbaachisaa akka ta’e dhaamaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016

Recommended For You