“Ijaarsi Hidha Laga Abbayyaa Amajjii bara 2017tti ni xumurama” -Injinar Kifilee Horroo

Finfinnee:  Hojiin Ijaarsa Hidha Laga Abbayyaa erga jalqabamee waggaa 13  ta’eera.  Hojiin ijaarsa hidhichaa waliigalaa  yeroo ammaa %96 irra ga’eera. Ijaarsa hidhichaa hanga  Amajjii bara 2017tti ni xumurama. Ijaarsa hidhichaa %4 hafe xumursiisuun qarshii   biiliyoona 40 kan gaafatu ta’uu Gaggeessaan Hojii ijaarsa pirojektichaa Injinar Kifilee Horroo himan.

Baankiin Daldala Itoophiyaa Roobii darbe marsariitii ‘itsmaydam.com’ jedhuufi appilikeeshinii ‘EthioDirect’ jedhu maallaqa ijaarsa hidhichaa xumursiisuuf oolu hawaasa diyaaspooraafi lammiileen biyyattii ittiin arjoomuu danda’an iftoomeera.

Injinar Kifileen haasaa saganticharratti taasisaniin akka jedhanitti, ijaarsa pirojektii Laga Abbayyaaf hanga Guraandhala bara 2016tti doolaara biiliyaana 192 baasii ta’eera. Hojiin ijaarsa pirojektichaa yeroo ammaa sadarkaa xumuraarra jiru kana goolabuuf lammiileen biyyattiifi hawaasni diyaaspooraa hirmaannaasaanii karaa maarsariitiwwan ifoomanii deggarsasaanii  hanga xumuraatti cimsan  akka itti fufan gaafataniiru.

Pirezidaantiin Baankii Daldala Itoophiyaa Obbo Abbee Saanoo gamasaaniin akka jedhanitti, hawaasni diyaaspooraafi lammiileen biyyattii keessa jiraatan marsariitichaafi appilikeeshinicha ifoome fayyadamuun maallaqa Pirojektii Ijaarsa Laga Abbayyaa xumursiisuuf walittiqabamurratti bal’inaan akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Hawaasni diyaaspooraa ‘Viizaafi Maastar Kaardii’ fayyadamuun weebsaayitii ‘itsmaydam.com’ jedhurratti ykn appilikeeshinii ‘EthioDirect’ jedhu buufachuudhaan deggarsa maallaqa ijaarsa hidhichaa xumursiisuurratti oolu kennuu kan danda’an ta’uu himanii, marsariitichiifi appilikeeshinichi kan isaan rakkisu yoo ta’e karaa Embaasii Itoophiyaa biyyasaanii jiruu erguu kan danda’an ta’uufi deggarsa maallaqaa taassisaniif karaa ‘Email’ isaanii waraqaan ragaa kan argatan ta’uus himaniiru.

Hawaasni diyaaspooraa marsariitiifi appilikeeshinicha fayyadamuun doolaara shan irraa kaasanii deggarsa ijaarsa hidhichaa xumursiisuuf oolurratti hirmaachuu kan danda’an ta’uus himaniiru.

Daariktarri Waajjira Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Guddichaa Doktar Aregaawwii Barihee akka jedhanitti,  hojiin ijaarsi pirojektii hidhichaa hirmaannaa lammiilee Itoophiyaa biyya keessa jiraniifi biyyoota alaa jiraniin yeroo ammaa sadarkaa xumuraarra gaheera. Ijaara hidhichaa guutummaatti xumursiisuun hirmaannaa hunda keenyaa gaafata.  Kanaafuu lammiileen Itoophiyaa biyya keessaafi biyya alaa jiraatan deggarsa gama hundaan taasisaa turan hanga xumuraatti akka itti fufaniif dhaamaniiru.

Ministir De’eetaan Haajaa Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo akka jedhanitti, lammiileen Itoophiyaa biyya keessaafi biyya alaa jiraatan waggaa 13f utuu walirraa hinkutin ijaarsa pirojektii Laga Abbayyaa milkeessuuf gama hundaan deggersa barbaachisu taasisaa turanbiiru.

Ijaarsi pirojektichaa rakkoolee hedduu keessa darbee yeroo ammaa sadarkaa xumuraarra gaheera. Yoo tokko taane qormaata kamiiniyyuu ce’uu akka dandeenyu hirmaannaa ijaarsa hidhichaarratti taasifneen mirkaneessineerra. Hawaasni diyaaspooraas jalqabaa kaasanii waamicha biyyaarratti hirmaachuun ijaarsa hidhichaa milkeessuu keessatti bal’inaan hirmaachaa jiraachuu eeraniiru.

Ijaarsi hidhichaa humna dippilomaasiifi dinagdee nuuf ta’eera kan jedhan Ambaasaaddar Burtukaan, hawaasni diyaaspooraa ammas taanaan sagantaa maallaqa ijaarsa hidhichaa xumursiisuuf qophaa’erratti bal’inaan hirmaachuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Hawaasni diyaaspooraa, dippiloomaatonniifi ambaasaaddaroonni Itoophiyaa biyyoota gara garaa jiraatan baniinsa  saganticharratti karaa ‘online’ hirmaachuudhaan doolaara 100 irraa kaasanii mindaasaanii ji’a tokkoo kennuun hirmaannaa ho’aa taasisaniiru. Waajjirri Manni Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Guddichaa Itoophiyaa hawaasa diyaaspooraa ijaarsa hidhichaa milkeessuurratti hirmaataniif Waancaa Hidha Laga Abbayyaa badhaaseera.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016

Recommended For You