Qonna arfaasaarra callaan kuntaalli miliyoona 60 argame

Finfinnee: Qonna arfaaasaatiin omisha hanga ammaatti sassaabamerraa callaa kuntaalli miliyoona 60 argamuu ta’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministirichatti bakka bu’aan gaggeessaa hojii dhimmoota tarsiimoo Obbo Mulugeetaa Suyyum Kibxata darbe waltajjii gamaaggama raawwii hojii ji’oota sagalii ministeerichaa wayita ibsanitti, arfaasaa bara kanaatiin lafa hektaara miliyoona 2.7 sanyii midhaan garaagaraatiin uwwisuun midhaan callaa kuntaala miliyoona 63 argachuuf karoorfamee, lafa hektaara miliyoona 2.6 misoomsuun hanga ammaatti callaa kuntaala miliyoona 60 sassaabuun danda’ameera.

Haaluma walfakkaatuun bara omisha 2015/2016 waliigalatti biyyattii keessatti midhaan kuntaalli miliyoona 506 kan omishame ta’uu himanii; omisha omishame kana keessaa Naannoon Oromiyaan kuntaala milyoona 284, Naannoon Amaaraa kuntaala miliyoona 145, Naannoon Itoophiyaan Kibbaa kuntaala miliyoona 89, Naannoon Benishaangul Gumuz kuntaala miliyoona 29.8, Naannoon Sumaalee kuntaala miliyoona 10.2, Naannoon Itoophiyaan Giddugaleessaa kuntaala miliyoona 10.1,Nannoon Itoophiyaa Kibba Lixaa kuntaala miliyoona 6.6, Naannoon Tigraay kuntaala miliyoona 5.6, Naannoon Gambeellaa kuntaala miliyoona 2.8, Naannoon Sidaamaan kuntaala miliyoona 2.3, Naannoon Affaar kuntaala kuma 386 fi Naannoon Hararii kuntaala kuma 324 kan omishan ta’uu ibsaniiru.

Alergii omishalee qonnaan walqabatee Obbo Mulugeetaan akka ibsanitti, alergii bunaa, baala shayee, mi’eessituu, abaaboo, kuduraafi muduraa, beeyiladaafi bu’aa beeyiladaatirraa waliigalatti galiin doolara biliyoona 1.5 argameera.

Sagantaa Ashaaraa Magaariisaa bara 2016/2017 ilaalchisees Obbo Mulugeetaan akka jedhanitti, biqiltuu biliyoona 6.5 dhaabuuf kan karoorfame yoommuu ta’u, hanga ammaatti karooraa ol biqiltuu biliyoona 7.5 qopheessuun danda’ameera.

Deggarsa eksiteenshinii taasisuun omishaafi omishtummaa qonnaa dabaluuf hojiin qonnaan bultoota kilaastaraan ijaaruu xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhanii: yeroo walfaakkaataa bara darbee waliin yoommuu wal bira qabamee ilaalamu baay’innni lafa kilaastaraan misoome dhibbantaa 44n, baay’inni qonnaan bulaa kilaastara keessatti hammatameemmoo dhibbantaa 10n dabaleera jedhaniiru.

Raawwiin ministeerichi galmeessisee dameewwan hedduurratti raawwii gaariidha kan jedhan Obbo Mulugeetaan; ta’us sababoota akka rakkoo nageenyaatiin dafanii hojiitti galuu dhabuu qaamota omisha jirbiirratti bobba’anitiin raawwii omisha jirbiitiin raawwii gadaanaan akka galmaa’u ta’eera jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You