Finfinnee: Manni Maree Dhaabbilee Siivilii Hawaasaa milkaa’ina marii biyyaalessaatiif ajandaa marii gumaachuun gaheesaa ba’achaa jiraachuu ibse.
Daarektarri eeggattuun mana marichaa Aadde Haannaa Waldagabri’eel Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, manni marichaa bakka bu’iinsa dhaabbilee siivilii qabuun dhaabbilee siivilii 365 hirmaachisuun marii biyyaalessaatif “Ajandaa marii ta’uu malu” kan jedhe dhimmoota guguddoo 11 adda baasuun komishinichaaf gumaacheera.
Boqonnaawwan qophii, adeemsaafi raawwii marii biyyaalessaa keessatti dhaabbileen sivilii kunneen hirmaannaa bu’a qabeessa akka taasisaniif manni marichaa hojii hubannoo cimsuu bal’inaan taasisaa turuu yaadachiisaniiru.
Dhaabbileen Siivilii maricha keessatti gahee leencaa akka taphataniif garee gareedhaan qooduun hojii hirmaattota marii biyyaaleessaa filachuu keessatti dammaqinaan akka hirmaatan gochuuf dhaabbilee kunneeniif qajeelfamni irra deddeebin laatameera.
Hirmaattota marichaa filachuu keessatti dubartootni, dargaggootni, miidhamtoonni qaamaafi buqqaatotni biyya keessaa bal’inaan akka hirmaatan gochuuf karaa dhaabbilee hawaasa siivilii haala dadammaqiinsa uumuufi kallattii itti agarsiisuurratti manni marichaa hojii bal’aa hojjetaa tureera.
Manni marichaa biyyattiitti haala nageenya waaraa mirkanessuun danda’amu, hariiroo gaariin sabaafi sablammoota gidduu jiru itti cimsuun danda’amu, haalota aadaa siyaasaa biyya kanaa itti jijjiiruun danda’amuufi karaalee dhimmoota hundarratti qaamolee hawaasaa moggeeffaman hirmaachisuun danda’amu bu’uura godhachuun dhimmoota ajandaa ta’uu danda’an adda baasera.
Dhimmoota ajandaa ta’uu danda’an adda baasuufis manni marichaa kutaalee hawaasaa waliin marii taasisuudhaaniifi karaa dijitaalawaa ta’een dhaabbileen siivilii hawaasarraa ajandaa marii akka funaanan gochuun dhimmoota funaanaman ogeessota garaagaraa waliin ta’uun bakka 11tti qooduun komishinichaaf dhiyeesseera.
Dhimmootni ajandaa marii biyyaalessaaf galtee ta’uu malu jedhaman kunneenis dhimmoota heera mootummaa, qoodinsa aangoofi qabeenyaa, nageenya amansiisaa, seenaafi seenessaa, haala hundeeffama sirna federaalizimii, sirna hojimaataafi bulchiinsa lafaa, haala itti fufiinsa ijaarsa dhaabbilee mootummaa, imaammata duudhaalee biyyaalessaa, hariiroo siyaasaafi amantii, aadaa siyaasaafi qaamolee deeggarsa adda fedhaniidha.
Nagaa dhabuun akkuma lammiilee biyya kanaa hunda miidhu, milkaa’inni marii biyyaalessaa nama hunda fayyada kan jedhan Aadde Haannaan; milkaa’ina marichaatiif namootni dhuunfaan, dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa gumaacha isaanirraa eegamu taasisuu akka qaban dhaamaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016