Dhaabbii biqiltuu baranaaf lafa hektaara kuma 624f kaartaansaa qophaa’e

Finfinnee: Lafa dhaabbii biqiltuu bara kanaa hektaara 624 ta’uu kaartaa mul’isu qophaa’uu Koreen Teknikaa Ashaaraa Magariisaa Biyyaalessaa ibse.

Walitti qabaan Koree Teeknikaa Ashaaraa Magariisaa Biyyaalessaa Doktar Adafris Warquu Kibxata darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, lafa biqiltuun irra dhaabbatu hektaara kuma 624 kaartaan mul’isu qophaa’eera. Waliigalaan dhaabbii biqiltuu bara kanaaf kaartaa mul’istuun lafa kektaara kuma 700 qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Kan hafes yeroo hafe keessatti qophaa’a.

Akka ibsasaaniitti, kaartaa kana qopheessuun qaamolee dhaabbii biqiltuu hoggananiifi raawwachiisan gidduutti yoomessaafi akaakuu biqilaa dhaabamee adda baasuun iftoominni akka uumamu taasisa. Kaartichi biqiloota dhaabbatan qabachuufi goguu hordofuuf gumaacha olaanaa qaba. Kana malees, dhaabbiin biqiltuu gara fuulduraattii gaggeeffamuufis humna namaa barbaachisuufi baay’ina carraa hojii uumamuu danda’uu adda baasuuf gargaara.

Bu’aa biqiltuu nyaataaf dhaabamurraa argamu tilmaamuun walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf shoorri kaartaa mul’istuu kun olaanaa ta’uu himanii; kunis qonnaan bulaa fayyadamaa taasisuudhaan ilaalcha ashaaraa magariisaa kaleessa ture jijjiiruu danda’a jedhaniiru.

Buufataaleen biqilaa babal’achuun xaa’oo uumamaa kan akka varmiingi komposti bakka itti qophaa’uu ta’uusaan hanqina xaa’oo maksuuf gumaacha olaanaa qaba. Dabalataanis, bakka horsiisa kanniisaafi beeyiladaa ta’uun madda galii dabalataa akka ta’uuf haala mijaawaa uuma. Kun kan milkaa’u yoo kaartaa mul’istuun argama biqilaan adda ba’ee sirnaan hojiirra ooleedhas jedhaniiru.

Sadarkaa addunyaattis dhaabbileen addunyaa deeggarsa ashaaraa magariisaaf taasisa biqiloota dhaabbatan qabatamaatti arganii akka hubatan taasisa. Dhaabbileen kunneenis deeggarsa taasisuuf propoozaala deeggarsaa yoo gaafatan dhiyeessuuf bu’aa qabaachuu himanii; jijjiirama haala qilleensaa maquuf sadarkaa addunyaatti ifaaja taasifamaa jiru keessatti gumaachi Itoophiyaa haalaan kan mul’isuu ta’uu ibsaniiru.

Qophii mul’istuu argama biqilootaa qopheessuu cinatti qophii boolla biqiltuuwwan biliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfame keessaa, biliyoonni 1.2 hanga ammaatti qophaa’eera. Lafa biqiltuun irra dhaabbatu hektaara milyoona 1.8 adda ba’uu himanii; boolli hafe guyyaan dhaabbii osoo hinga’in ji’a tokko dura qophaa’uu akka qabu dhaamaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You