- Waltajjiin ajandaa walitti qabuu Caamsaa 21-27 Finfinneetti gaggeeffama
Finfinnee: Mariin biyyaalessaa furtuu rakkoolee walxaxoo barootaa biyyattii raasaa jiranii ta’uu Komishinni Marii Biyyaalessaa ibse. Waltajjiin ajandaa marii walitti qabuurratti fuulleffate Caamsa 21-27 akka adeemsifamus ibsameera.
Kun kan ibsame Waltajjiin marii mata duree, “Miidiyaa Itoophiyaa bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaaf” jedhuun Dhaabbata Pireesii Itoophiyaan Roobii darbe Finfinneetti taasifamerratti.
Komishinar Ambaasaaddar Mahaammud Diriir waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, marichi furtuu rakkoolee walxaxoo barootaa Itoophiyaan ittiin raafamaa jirtuudha. Garaagarummaa yaadaa humnaan furuuf qawweetti maayii ba’uun biyya gatii kaffalchiisaa ture har’a furmaata dhabuun marichaaf sababa ta’eera.
Rakkoolee walxaxoofi yaadota furmaataa kutaaleen hawaasaa garaagaraa kaasan bu’uura godhachuun mootummaan labsii 1256/2014n Komishinni Marii Biyyaalessaa hundeessuu milkaa’ina marichaafis tumsa barbaachisu taasisaa jira. Hanga ammaatti naannolee 10fi bulchiinsa magaalotaa lama keessatti calalliin namoota ajandaa filuurratti hirmaatanii goolabameera.
Aanaalee 932 keessatti calalliin namoota kuma 17fi 210 taasifameera. Namootni kunneen sadarkaa naannoofi biyyaalessaatti filannoo ajandaarratti hirmaatu. Caamsaa 21-27tti waltajjiin ajandaa walittiqabuurratti xiyyeeffatu Finfinneetti ni gaggeeffama. Midiyaaleenis karaa qindaa’een gaheesaanii akka ba’an fooramiin miidiyaa marii biyyaalessaa hundaa’uu hubachiisaniiru.
Hundeeffama fooramichaa as xiyyeeffannoo miidiyaaleen hojii koomishinichaaf kennaa jiran fooyya’aa jiraachuu himanii; Naannoo Amaaraafi Tigraayitti hojiin komishinichaa hanga tokko harkifatus ammaan tana kan naannoo Amaaraa gara xumuramuutti, kan naannoo Tigraay hoggantoota waliin dubbataa jiraachuu ibsaniiru.
Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimookiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Iwunatuu Allanaa gamasaaniin akka jedhanitti, waldhabdee mariidhaan furuun biyya gara boqonnaa haaraatti ceesisa. Komishinichi dhiibbaa tokko malee ittigaafatamummaasaa akka ba’uuf walabummaasaaf daangaan seeraa kaa’amera.
Adeemisi marichaa ofeeggannoo cimaa waan gaafatuuf itti waamamni komishinchaa Mana Mare Bakka Bu’oota Ummataaf ta’uu himanii; Dhaabbileen midiyaa deeggarsa kanaan duraa ittifufsiisuun hojii komishinichaa hafan milkeessuuf qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru.
Raawwachisaa Hojii Olaanaafi Walittiqabaa Fooramii Miidiyaalee Marii Biyyaalessaa kan ta’an Obbo Geetinnat Taaddasaa, komishinichi ittigaafatamummaasaa qixa sirriin ba’uurratti gumaachi miidiyaalee olaanaa waan ta’eef miidiyaaleen hunduu qindoominaan akka hojjetaniif fooramiin hundeeffame.
Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti Maanejiingi Ediitarri Gaazexaa Addis Zaman Obbo Wandawasan Shimallis hundeeffama fooramii miidiyaa Onkoloolessa 17 bara 2016 as ciminaafi hanqina jirurratti waraqaa ka’umsaa marii wayita dhiyeessanitti, fooramichaan dura uwwisni miidiyaalee gahaa hin turre. Hundeeffama fooramichaa as garuu maricha ilaalchisee taateewwan (events) 152, karooraan (exclusive) 135, waliigala uwwisa miidiyaa dhimmoota 287 hojjetamuu ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016