Godinichatti namootni Finxaaleyyiin buqqa’an  kumni  89 gara qe’eesaaniitti  deebi’an

Finifinnee: Tarkaanfii qindaa’aa milishaa, ummataafi Raayyaa Ittisa Biyyaan inxaaleyyiirratti fudhatameen namootni kuma 89 qe’eesaaniirraa buqqa’anii turan gara qe’eesaaniitti deebi’uu Bulchiinsi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ibsan.

Bulchaan godinichaa Obbo Mirreessaa Fiixee kaleessa Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, tarkanaafii qindaa’aa  Finxaaleyyiirratti fudhatameen namootni qe’eerraa  buqqa’an kumni 89 qe’eesaaniitti deeb’aniiru. Kanneen hafanis qe’eesaaniitti deebisuuf xiyyeeffannan hojjetamaa jira. Ammaan tana nageenyi godinichaa haala gaariirratti argama.

Waggoota lamaan sadan darban keessa finxaaleyyiin Amaaraafi Shanee gochaa suukanneessaa godinicha keessatti raawwachaa turuu himanii; qabeenya ummataa saamuu, dubartoota gudeeduufi ajjeessuun nageenya godinichaa booressaa turuu ibsaniiru.

Gochaa farrummaa qamoleen kun lamaan aanaalee afur keessatti raawwataniinis namootni kuma 123 qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru. Rakkoo nageenyaa kana dhabamsiisuuf ji’oota arfan darbanitti tarkaanfii qindaa’aa fudhatameen baay’eensaanii barbadaa’aniiru.

Tarkaanfii hanga ammaatti fudhatameenis Finxaaleyyiin 628 harka kennachuu himanii; kanneen harka kennatan marsaa marsaan leenjii fudhachuun hawaasatti dabalamaa jiraachuu dubbataniiru,

Godinichatti hojii nageenyaa haala kanaan hojjechaa misoomni yoo dhaabbate rakkoo lammaffaa ta’uu eeranii; kana qoalchuufis harka tokkoon hojiin misoomaa hojjetamaa harka tokkoon nageenya tasgabbeesuurratti hojjetamaa turuu ibsaniiru.

Bu’aa nageenyaa amma argamaa jiruunis hojii misoomaa keessumaa gama qonnaa, barnootaan hojii bal’aan hojjetamaniiru. Inisheetiivotni qonnaa qamadii bonaa, arfaasaafi gannaa hojiirra oolaa jiru. Haaluma kanaan qonna arfaasaa baranaaf xaa’oo  kuntaala kuma 206 godinichaaf dhiyaate keessaa kuntaala kuma 160 harka qonnaan bulaa qaqqabuus hubachiisaniiru.

Ashaaraa magariisaan biqilaa miliyoona 179 dhaabuuf karoorfamuu himanii;  kana milkeessuuf lafa hektaara kuma 48.3 qopheessuuf karoorfame keessaa lafti hektaarri kuma 28 qophaa’eera.

Gama barnootaatiinis rakkoo ture keessaa ba’uuf marii bal’aa maatii barataa, barsiisaafi barattoota waliin taasisuun qaamolee ilaallatu waliin ta’uun barumsa dabalataa kennuufi galtee barnootaa guutuun bara kanatti kufaatii barnootaa %20 fooyyessuuf hojjetamaa jira.

Waggoottan sadan darban keessatti bu’uraalee misoomaa godinichaa guutuuf mootummaan piroojektoota qarshii biliyoona torbatti shallagamu ramadus, rakkoo nageenyaa Finxaaleeyyiin uumaniin dhaabbatee ture yeroo ammaa kana ijaarsasaanii ittifufsiisuuf hojjetamaa jira.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You