Pirojektiin Holqa Soofumar bara dhufu akka xumuramuuf tumsi ni taasifama

Finfinnee: Ijaarsi pirojektii riizortiifi daandiiwwanii Holqa Soofumar adeemsifamaa jiru bara dhufu akka xumuramuuf tumsi barbaachisu kan taasifamu ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.

Doktar Abiyyi tibbana jilasaanii waliin ijaarsa pirojektii Holqa Soofumar wayita daawwatan akka ibsanitti, Holqi Soofumar icciitii seenaafi amantaa bal’aa waan qabuuf suuraafi viidiyoon nama daawwatee hinbeekneef ibsuun daran rakkisaadha. Namootni waggoota kuma tokko dura Holqa sana keessatti barumsa amantiifi taateewwan amantaan walqabatan gaggeessaa turuun gama seenaan hiika guddaa qaba.

Holqa kana fiixee isa tokko irraa isa biroo ga’uuf kiiloomeetira 15 gaafata; bashannanaafis haalli uumamasaa qalbii namaa hawwata. Mukkeen naannawa holqichaatti argaman dawaaf, qollisaanii ammoo dibatawwan garagaraatiif omishuuf kan oolaniidha. Kanaaf warshaa xiqqaa achitti hundeessuun daawwannaan alatti guddina dinagdeef galii dabalataa maddisiisuun ni danda’ama.

Bara darbe galii gurgurtaa kitaaba Dhaloota Ida’amuurraa argame qarshii biliyoona 1.5 Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ijaarsi pirojektichaa eegalame. “Dhalootni waan harkaa qabu hinmisoomsine waan harkaa hinqabneef yeroosaa qisaasessa” jedhanii; Holqa Soofumar dabalatee qabeenya jiru misoomatti jijjiiruuf hojiin eegalame hundi tumsa addaatiin akka xumuramu hubachiisaniiru.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa Obbo Hundee Kabbadaa Kamisa darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, bakkewwan hawwata turiizimii bu’uuraalee misoomaatiin ala hiika waan hinqabneef xiyyeeffannaa Ministirri Muummee bakkeewwan hawwata turiizimii misoomsuuf kennan olaanaadha.

Bakkeewwan hawwata turiizimii misoomsuuf akka biyyaatti hojii bal’aan hojjetamus pirojektiin Wancii/Dandiifi Holqa Soofumar yaa’iinsa turistii dabaluun hojdhabdummaafi galii naannichaa guddisuuf shoora olaanaa qaba. Holqi Soofumar duraanuu bakka hawwata turiizimii beekamaa ta’us bu’uraalee misoomaa dhabuun galii barbaadamu maddisiisuu hindandeenye jedhaniiru.

Oromiyaatti sadarkaa ammaa mootummaan federaalaa hojjetaa jiruun bakkeewwan hawwata turiizimii misoomsuurratti hanqinni jiraatus mootummaan dhaabbata “Ijaa” jedhamu, kan bakkeewwan hawwata turiizimii misoomsu hundeessuun hojiitti seenuu himanii; sagantaa bakkeewwan hawwata turiizimii beeksisu “Visit Oromia” Komishinii Turiizimii Oromiyaatiin hojiirra oolu yaadachiisaniiru.

Oromiyaan potenshaala guddaa qabaachuus himanii; bakkeewwan hawwata turiizimii misoomsuun kaappitaala guddaa kan gaafatu waan ta’eef bakkeewwan hawwata turiizimii misoomsuuf hudhaa ta’eera. Ta’us barana hirmaannaa ummataatiin hojiin barana eegalame cimee akka ittifufu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You