Ji’oota kurnan darbanitti galiin qarshii biliyoonni 425 ol sassaabame

Finfinnee: Ji’oota kurnan darbanitti gatiin qarshii biliyoona 442.85 sassaabuuf karoorfamee qarshii biliyoonni 425.27 sassaabamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.

Ministirri Galiiwwanii Aadde Aynaalam Nugusee Kamisa darbe raawwii ministeerichaa ji’oota salgan darbanii ilaalchisee miidiyaaleef wayita ibsa kennaniiru. Akka isaan jedhanitti, ministeerichi qarshii biliyoona 425.27 sassaabuun karoorasaa %96.03n milkeesseera. Raawwiin kun kan bara darbee yeroo walfakkaatuun wayita walbira qabamu qarshii biliyoona 54.77n caalmaa qaba. Qarshii sassaabame keessaa biliyoonni 271.36 galii gibira biyya keessaarraa wayita ta’u kan hafe ammoo ashuuraafi gibira daladala alaarraati. Haa ta’u malee, galiin sassaabame kun kallattii guutummaa omisha biyya keessaan yommuu ilaalamu ammayyuu hojii bal’aan hafuu mul’isa.

Ammaan tana sadarkaa federaalaatti kaffaltoota gibiraa kuma 60 oltu jira. Sadarkaa naannoleefi bulchiinsa magaalota lameeniitti kaffaltoota gibiraa kuma lamaa oltu jira. Haa ta’u malee, kaffaltoonni gibiraa kunneen qixa sirriin gibira kaffalchiisuurratti qaawwa guddaatu jira. Sababuma kanaan galii dhoksuufi waliin dha’uun bakkawwan tokko tokkotti bal’inaan calaqqisa.

Kaffaltii gibiraa dijitaalessuuf sochii taasifameen sadarkaa federaalaatti kaffaltoonni gibiraa kuma 23 ol ta’an mala elektirooniksiitti fayyadamuun gibira kaffalaniiru. Milkaa’inasaafis baankiiwwan 21 galii sassaaburratti ministeericha waliin hojjetaa jiru. Haaluma walfakkaatuun, kaffaltoonni gibiraa kuma torba ol ta’an karaa teeleebirrii gibira kaffaluu danda’aniiru. Tajaajila foddaa tokkootiin sanadoota eeyyamaan walqabatan kuma 247 ol keessummeessuun danda’ameera.

Galmeewwan kuma shanii olirratti odiitii taasifameen dhalaafi adabbii dabalatee qarshii biliyoona 30 ol garaagarummaa qabaachuusaa murteessuun danda’ameera. Qorannoo gadifagoo taasifameen dhaabbilee 444 keessatti namootni naga’ee hin murre 468 adda ba’uun to’annaa seeraa jala oolfamaniiru. Haaluma walfakkaatuun dhaabbilee 329 keessatti sanadni sobaa qarshii biliyoona 6.75tti tilmaamamu saaxilamee gara gibiraatti akka jijjiiramu murtoon darbeera.

Kontiroobaandii ittisuuf Gumuruuka, poolisii federaalaa, poolisii naannoleefi raayyaa ittisa biyyaa wal ta’uun hojii qindoominaa hojjetameen meeshaaleen kontiroobaandii qarshii biliyoona 11.82tti tilmaamaman shakkamtoota 745 waliin to’annaa seeraa jala oolchuun akka danda’ames Aadde Aynaalam hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

Recommended For You