Zooniin Dinagdee Addaa guddina dinagdee si’eessuuf shoora olaanaa qaba

Finfinnee: Eegalamuun Zoonii Dinagdee Addaa sharafa alaa dabaluufi carraa hojii uumuun guddina dinagdee si’eessuu keessatti shoora guddaa akka qabu hayyuun dinagdee Doktar Qosxanxinoos Barehetasfaa ibsan.

Daktar Qosxanxinoos Kamisa darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, Dinagdee kanarraa galiin sharafa alaa aragamu baasii mootummaan ijaarsa bu’uuraalee misoomaaf barbaadu haalaan dabala.

Galtee dinagdee addaa kanaaf omishtummaa qonnaa babal’isuun murteessaadha. Sochiin omishtummaa qonnaa dabaluufi qonna babal’isuu bara Mootii Hayilasillaasee Misooma Qonna Cilaaloo, Walaayittaafi Tigraayi eegalamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Har’as seektara qonnaa jijjiiruuf Zooniin Dinagdee Addaa eegalamuun shoora olaanaa qaba. Mala aadaatiin qotuu kan waggoota dheeraaf ture teknolojii fayyadamuun ammayyeessuurratti gumaata guddaa qabaata.

Misooma jallisii babal’isuu cinatti dhiyeessaafi haala fayyadamiinsa guddistuu callaa dabaluun omishaafi omishtummaan akka dabalu taasisa. Muuxannoo hanga ammaatti jiruun omishaaleen biyya keessaa kanneen akka bunaa, beeyiladaa, saaliixiifi albuuda sona osoo itti hindabalin alatti ergamaa turuu yaadachiisanii; biyyootni akka Naamiibiyaa qabeenya beeyladaasaaniitti sona dabalanii gara ardii Awurooppaatti erguun daran fayyadamaa jiraachuu dubbataniiru.

Itoophiyaattis Zoonii Dinagdee Addaa eegalamuun omishaalee qonnaarraa aragaman sona itti dabaluun galii guddaa argamsiisa. Qaala’iinsa gatii cancala dhiyeessii gabaa biyya keessaan walqabatus ni tasgabbeessa.

Zooniin dinagdee kun abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa bu’uuraalee misoomaa kanneen akka bishaan, ifaafi daandiif baasii baasuu malanii hanbisuufi yeroosaanii qusachuun saffisaan hojii keessa akka galan taasisa.

Kanaafuu, mootummaan imaammataafi tarsiimoorraa eegalee xiyyeeffannaa guddaa kennuufiin bulchitootni aanaalee keessumaa qaamoleen naannawa Zoonii Dinagdee Addaafi paarkii industiriitti dhiyaatanii jiran haala mijataa akka uuman taasisuu gaafata jedhaniiru.

Ijaarsi Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa Magaalaa Mojoofi Adaamaa gidduu, Aanaa Lumeettii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin torbee darbe eegalchiifamuun niyaadatama. Ijaarsichi marsaawwan afuriin lafa hektaara kuma 24 irratti gaggeeffama.

Gammachuu Kadiniin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

Recommended For You