Wallaggi dirree waraanaa osoo hintaane dirree nagaafi jaalalaati

Finfinnee: Ummatni Wallaggaa akkuma Oromoo warra kaanii maraa calaqqee jaalalaa, gootummaafi tokkummaati. Barnoota ammayyaafi amantaa dursee ofitti simachuun akkuma biyyaattuu tumsi rogawwan maraa inni guddina biyyaa keessatti qabu seenaa Itoophiyaa keessatti hayyoota garagaraan ragaa ba’ameeraaf. Nagaa, jaalalaafi tokkummaa labsaa eenyummaasaaf waardiyyaa ta’uun Oromoo akkasaa waliin falmachaa tureera.

Roobii darbe jilli Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu wayita gara Oromiyaa Lixaatti imaletti magaalaa Naqamteetti hiriirri deggarsaafi simannaa ho’aan taasifameeraaf. Doktar Abiyyis waan ta’e kana hundatti gammaduun “Miira gammachuu olaanaa keessa namni jiru dubbii balleessa waan ta’eef ergaa xiqqoo qofan isiniif dabarsa” jechuun quuqqaa garaafi kuufama jaalalaa ummata Wallaggaaf qaban ibsuu eegalan.

“Wallaggaa biyya Lubni Guddinaa Tumsaa, Lubni Gidaadaa Soolaniifi Asteer Gannoofaa nageenya, jaalalaafi tokkummaa lallabaa turanitti waa’ee nageenyaa kaasuun rakkisaadha. Garuu ammoo waanuma qabdanan isin yaadachiisa” jechuun waan har’a Wallaggi keessa jiru ibsaniiru. Ittifufuunis ummata fuulasaa, aadaafi eenyummaasaa sirriitti beekan waliin dubbachuu caalaa wanti isaan gammachiisu akka hinjirres hubachiisaniiru.

Doktar Abiyyi umurii qabsoosaanii irra jireessaan Wallagga keessatti waan dabarsaniif waa’ee Wallaggaa sirriitti beeku. “Wallaggi ummata yoo bishaan gaafatan aannan nama obaasuudha” jechuun kana duras gaarummaa ummata Wallaggaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti ibsanii turan.

Ummatni Oromoo tokkummaa dhabuusaatiin jaarraa tokkoo oliif gadheen akka bitame yaadachiisanii; Oromoon ilmaansaa qaqqaalii wareegee bakka ofiin of bulchuufi bilisummaasaa dhandhamachuu eegaletti qabsoo abbaa biyyummaaf bosona seenuun yoo doofummaa ta’e malee kun ummata Wallaggaa biratti hiika biraa akka hinqabne amantaa guutuu qabaachuusaanii ibsaniiru.

Maraammartoon tokkummaa dhabuu har’as mootummaa waliin qofa osoo hintaane bosona keessattuu Oromoo gandaan akka walficcisiisaa jiru qeeqanii; ammaan booda gaaffii xixiqqoo qaban osoo mariin furachuu danda’anii ilmaan Oromoo dachee  Oromiyaarratti walgalaafachuun dhaabachuu akka qabu hubachiisaniiru. Oromoon waliin mari’achuurra diina waliin mari’achuu balfuu akka qabus dhaamaniiru.

Tumsa ummata Wallaggaan dacheesheef yoo nagaa guutuun deebi’e mootummaan misooma bakkawwan hundatti yeroo ammaa hojjetaa jiru gara Wallaggaattis fuulasaa deebisuuf qophiidha. Hundaa ol garuu imalli badhaadhinaa eegalame nageenya dabalatee haalota tokko tokkoon tirachuu malee galma ga’umsasaa humni lafarraa gufachiisu akka hinjirre hubatamuu qabas jedhaniiru.

Ummatni biyyattiis hubachuu kan qabu “Yoo Oromiyaan badhaate Itoophiyaan badhaati; yoo Oromiyaan nagaa taate nageenyi Itoophiyaa eegama” jechuunis dhaamsa dabarsaniiru.

Haala rakkisaa keessa jiraachaa jaalala guddaa nutti agarsiiftaniif galatoomaa. Yoo nageenyarratti harka walqabannee hojjetne Wallaggi Itoophiyaanota maraafuu bakka aara galfii ni ta’a” kan jedhan ammoo Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaati. Oromoon biyya kan ijaaru malee biyya kan diigu miti. Yoo tokkummaan cime caalaatti jijjiirama ajaa’ibaa fiduun akka danda’amus ibsaniiru.

Ummanni Wallaggaas jaalala hoggansasaatiif qabu ibsuuf kennaawwan adda addaa badhaasuun haaluma simateen gaggeesseera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You