Finfinnee: Guyyoota kurnan ittaananitti kutaalee biyyattii tokko tokkotti balaan lolaa tasa mudachuu waan danda’uuf of eeggannoon barbaachisu akka taasifamu Inistitiyutiin Metiworolojii Itoophiyaa hubachiise.
Inistitiyutichatti, Daarekitarri Ittaanaan Raagaa, Akeekkachiisa duraa, Gorsaafi Damee qorannoo Doktar Asaamminoo Tashoomaa ibsa Roobii darbe Gazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, qaamolee bishaaniifi qilleensa keessatti taateewwan metiwolojii sababa godhachuun kutaalee biyyaa tokko tokkotti rooba guddaa roobuun balaan lolaa tasaa mudachuu waan danda’uuf hawaasni of eeggannoo barbaachisaa taasisuu qaba.
Akka ibsasaaniitti, Itoophiyaa Kaabaa, Kibbaa Bahaa, Giddugaleessa, Bahaafi Kaabni rooba guddaa argachuu waan danda’aniif of eeggannoo balaa lolaa taasisuu qabu. Isaanis, godina Jimmaa, Shawaa hundatti, Arsii, Arsii Lixaa, Baaleefi Baalee Bahaa, Gujiifi Gujii Dhihaa, Booranaa, Harargee Bahaafi Lixaa bakkeewwan tokko tokkotti rooba guddaa argatu. Naannoon Hararii, Dirree Dhawaa, Finfinnee, Naannoo Amaaraatti godina Walloo Kaabaafi Kibbaa, Waaghimraa, Shawaa Kaabaatti rooba babal’ataafi naannawawwaansaanii tokko tokkotti rooba guddaa argatu.
Godinaalee naannoo Affaar, Tigraayi Kaabaa, Kaaba Bahaa, Giddugaleessaa, Bahaa akkasumas, Itoophiyaa Kibbaa, Itoophiyaa Kibba Bahaa, Itoophiyaa guddugaleessaa, naannolee Sidaamaafi Sumaaleetti rooba babal’ataafi nannawaasaanii tokko tokkotti rooba guddaa akka aragatan ibsaniiru.
Qellem Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Buunnoo Baddallee, Iluu Abbaaboor, Gondar Kibbaa, naannawa Baahirdaar, Gojjam Bahaafi Dhiyaa, godinaalee Gaambeellaa, Beenishaangul Gumuz Asoosaa, Maa’oo Koomoo aanaan addaa rooba salphaa hanga giddugaleessaa akka aragatan raagameera.
Bakkeewwan rooba arfaasaatiin omishanitti taateen meetiworolojii roobaaf sababa ta’an cimee ittifufu himanii; kutaalee biyyaa roobni arafaasaa ijoofi lammaffaa ta’eefi Itoophiyaa Kibbaa, Bahaa, Kaaba Bahaafi giddugaleessaatti rooba salphaa hanga guddaatti akka qabaatantu eegama jedhaniiru.
Guutummaa ji’a Caamasaatti kutaalee rooba arfaasaa aragatanirraa roobni arfaasaa suuta suuta hir’achaa deemuun uumamuu rooba gannaaf sababa ta’an taateewwan metiworolojii uumamaniin walqabtee roobni cimaan gara Itoophiyaa Kibba Dhiyaafi Kutaalee biyyaa gara dhiyaatti babal’atas jedhaniiru.
Ji’a ittaanutti kutaalee biyyaa fayyaadamoo rooba arfaasaa ta’anitti roobni jabaachaa deemuun walqabatee ji’oota sadan darban keessa rooba roobaa tureen ol roobi fooyya’aan kutaalee biyyaa hedduutti roobuu danda’a.
Kanaaf roobni eegamu midhaan dursanii faca’anii sadarkaa guddinaarra jiran, biqiloota dhaabbatoof fedha bishaanii guutuuf bu’aa qaba. Horsiisee bulaaf nyaata beeyiladaa argamsiisuufi bishaan ga’aa akka argatan akka taasisuu himanii; bakkeewwan rooba gannaa hinarganne nyaata beeyladaa ammarraa eegalanii walittiqabachuu qabu jedhaniiru.
Dabalataanis, naannawa qarqara bishaanii omishi jiru, bishaanni irraciisuu malu, balaa lolaan haramuu, sigigaachuurraa ooluuf bo’oo lolaa ittisu gamanumaan qopheeffachuu barbaachisaa akka ta’e dhaamaniiru. Naannawaa magaalaatti ammoo ujummoo balfa dhangala’aan akka hincufamne akkasumas ittisa bo’oo lolaa qophaa’uu qaba jedhaniiru.
Bishaan lafa irraafi jalaa dabalaa waan deemuuf roobni roobu osoo lafa keessa hinseenin lolaatti jijjiiramee qabeenyaaf lubbuu namarraan balaan akka hinqaqqabneef hawaasi bakkeewwan balaa lolaaf saaxilamoo ta’anitti of eeggannoo cimaa taasisuu qaba jedhan.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016