Finfinnee: Oromiyaatti potenshaala qonnaa uumamaan jiru duguuganii fayyadamuun omishaafi omishtummaa dabaluuf innisheetiviiwwan garaagaraa 28 bocamanii hojiirra oolaniiru.
Naannichi potenshaala omishaa damee heddurratti qabu kana ilaalcha keessa galchuun xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuun omishaafi omishtummaa qonnaa gama maraan dabaluun inisheetiviiwwan garaagaraa 28 bocuun erga hojiitti galee waggoota lakkoofsiseera. Inisheetiviiwwan kunneen gariinsaanii mootummaa fedaraalaatiin kan gad bu’an yoo ta’u, gariinsaanii ammoo haala qabatamaa naannichaa yaada keessa galchuun sadarkaa naannootti kan bocamaniidha.
Inisheetiviiwwan omishtummaa dabaluuf naannichatti hojiirra oolan keessaa inisheetivii qamadii, garbuu biiraa, maashoo ruuzii, boqqoolloo, saliixii, boloqqee, ocholoniifi kanneen biroo bal’inaan hojiiirra oolchaa kan jiru yommuu ta’u asiidummaa biyyee hir’isuufi gabbina biyyeef ammoo inisheetivii nooraafi kompostii raammoo qophessuun hojjetamaa jira.
Haaluma walfakkaatuun gama misooma beeyiladaatiin inisheetiviin maaddii guutuu xiyyeeffannoo argatee bu’aa abdachiisaan itti galmaa’aa kan jiru yommuu ta’u, gama eegumsa naannootiinis bu’aa barbaadamu argachuuf inisheetiviin ashaaraa magariisaa naannichatti lafa qabachaa jira.
Inisheetiviiwwan kunneen naannichatti omishaafi omishtummaa qonnaa dabalaa kan jiru ta’uu Ittigaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Naannichaa Doktar Abdullaaziiz Daawud gabaasa raawwii hojii ji’a sagalii naannichaa yoommuu dhiyeessan ibsaniiru.
Akka isaan jedhanitti, inisheetiviiwwan kunneen keessaa sadarkaa biyyaatis ta’ee sadarkaa naannootti omisha alaa galaa ture biyya keessatti omishuun bakka buusuu cinatti wabii midhaan nyaataa mirkanessuufi alergii dabaluuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira. Ganna darbe misooma qamadiirratti hojii hojjetameen lafti hektaara miliyoona 2.4 sanyii qamadiin uwwifameerra callaa kuntaalli miliyoona 81 kan argame yommuu ta’u sagantaa omisha qamadii bonaatiinis lafa hektaara miliyoona 2.8 omishamerraa callaan kuntaalli miliyoona 107 argamuu danda’eera.
Naannichi barana omisha idileetiin boqqoolloo lafa hektaara miliyoona 1.7, boloqqee hektaara kuma 950, garbuu biiraa hektaara kuma 320, ruuzii hektaara miliyoona tokko, maashoo hektaara kuma 210, saliixa hektaara kuma 340, suufii hektaara jahaatamafi ocholoonii hektaara kuma 200 irratti misoomsaa jiraachuus ibsaniiru.
Inisheetivii Ashaaraa Magariisaan wal qabatee, sagantaa ganna bara kanaaf hanga kurmaana 3ffaatti biqiltuuwwan akaakuu garaagaraa biliyoona 4.9 qopheessuuf karoorfamee karooraa ol biqiltuuwwan biliyoona 5.5 qopheessuun danda’ameera. Biqiltuuwwan qophaa’an kunneen keessaa biqiltuun miliyoonni 466 biqiltuuwwan muduraati. Biqiltuuwwan muduraa keessaayis biqiltuun muduraalee alergiif oolanifi gabaarratti baay’e barbaadaman kanneen akka avokaadoo, maangoo, teemirii, muuziifi gishxaanfaa bali’naan qophaa’aniiru.
Inisheetiviiwwan kunneenis ta’ee hojiilee biroo milkeessuuf mootummaan naannichaa karoora xiiqii baafatee socho’aa jirachuu himanii; kallattii kaa’ame hordofanii raawwachuu dhabuun, xiqqeessanii karoorsuun, waan xiqqaatti quufuun, potenshaala jiru hubachuu dhabuun, garaagarummaan raawwii bal’aan godinaalee jidduutti jiraachuu yaadachiisaniiru. Hojii hunda haala walfakkaatuun qindeessanii hojjechuu dhabuun ji’oottan sagal keessatti dhimma akka hanqinaatti ilaalame keessaa tokko ta’uus hubachiisaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016