Hiriirri deeggarsaa tibbana gaggeeffame bu’aa argameef beekamtii  kan kenneedha

  • Haalli nageenyaa Oromiyaas fooyya’aa dhufeera

Finfinnee: Hiriirri deeggarsaa tibbana Naannoo Amaaraatti gaggeeffame bu’aalee waggoota jijjiiramaa ja’an darban keessatti argamaniif beekamtii kan kenne ta’uu Biiroon Kominikeeshinii Naannoo Amaaraa ibse. Haalli nageenyaa Oromiyaas yeroo gara yerootti fooyya’aa dhufeera.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Amaaraa Doktar Mangashaa Fantaahuun Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, naannichatti tarkaanfii seera kabachiisuu fudhatamaa jiruun nageenyi madaalawaan argameera. Taateewwan garagaraa  rakkoo nageenyaa tokko malee  raawwataniiru.

Hiriirri deeggarsaa naannichatti gaggeeffame bu’aalee waggoota jijjiiramaa ja’an darbanitti galmaa’aniif beekamtii kan kenneefi fiinxaaleyyii ifatti kan balaaleffateedha jedhan.

Hiriirichi milkaa’inoota hoggansa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad baroota jijjiiramaa ja’an darbanitti argamaniif beekamtii kan kenneedha. Rakkooleen jiran yeroo gabaabaa keessatti furmaata akka argatanis ibsaniiru.

Diinota keessaafi alaa jijjiiramicha gufachiisuu barbaadan balaaleffachuun dura dhaabbachuuf kutannoo jiru hiriiricharratti mul’ateera. Dabalataanis, riifoormiiwwan gaggeeffamaniin Hidhi Laga Abbayyaa qormaata hedduu keessa darbee xumurarra ga’uusaatiif gammachuu ittidhaga’ame agarsiisuuf hiriirichi gaggeeffamuus eeraniiru.

Gareen finxaaleyyii ayyaana Iid Al Faxirirratti jeequmsa dursanii walitti bu’iinsaa, ajjeechaafi rakkoolee garagaraa gaggeessuu himanii; hojii ummataafi qaamolee nageenyaa waliin hojjetameen ayyaanichi haala duudhaasaa eeggateen kabajamuus eeraniiru.

Ummatni finxaaleyyii dabarsee  kennuudhaan hojii seera kabachiisuu tumsaa jiraachuus himanii; oppireeshinii gaggeeffameen hogganoota garichaa guguddoorratti  tarkaanfiin fudhatameera. Kana hordofees  kutaalee naannichaa hedduutti nagaan bu’eera jedhan.

Naannichatti hojii seera kabachiisuu cinatti hojiin misoomaa gaggeeffamaa jira, galteewwan qonnaaf barbaachisan naannicha qaqqabaa jiru. Hojiin ummata ittifufiinsaan mari’achiisuun hubannoo uumuu, qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuu cimee akka ittifufuuf xiyyeeffannoon hojjetama. Nageenya naannichaa kana caalaatti mirkaneessuuf ummati akkuma duraanii mootummaa tusmuu qaba jedhaniiru.

Gama kaaniin Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Komishinarri Jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa ergaa baga ayyaana Iid Al Faxirii waggaa 1445ffaa Roobii darbe kabajame ilaalchisuun dabarsaniin, “Yeroo ammaa kana naannoo keenyatti rakkoon nageenyaa tattaaffii mootummaan taasisaa jiruufi hirmaannaa ummataatiin yeroo gara yerootti fooyya’aa dhufeera.

Haata’u malee ammas nageenya waaraa mirkaneessuudhaan hawaasni keenya yaaddoo nageenyaarraa bilisa ta’ee akka jiraatu gochuuf hojii manaa hedduutu nu eeggata. Hojiin nagaafi nageenya mirkaneessuu kun tattaaffii mootummaa qofaan milkaa’uu waan hindandeenyeef hirmaannaan hawaasaa yeroo kamuurra barbaachisaa ta’uu hubachuudhaan gahee keenya haabaanu.

Hawaasni tokkummaasaa cimsatee qe’eefi naannoosaa bifa gurmaa’een eeggachuun barbaachisaadha. Gama mootummaatiin ammas carraalee jiran hundatti fayyadamuudhaan rakkoo kana furuuf fedhii guutuun akka jirus hawaasni keenya hubachuu qaba” jedhan.

Rippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You