“Gandootni Shaneen keessa socho’aa ture tolaanis lolaanis bilisa ba’aa jiru” -Dokta Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee: Gadootni Oromiyaa Shaneen keessa socho’aa ture waamicha araaraafi tarkaanfii qindaa’aa fudhatamaa jiruun bilisa ba’aa jiraachuu Ittigaafatamaan Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Doktar Biqilaa Hurrisaa ibsan.

Doktar Biqilaan Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, ammaan tana Shanee Oromiyaa keessaa dhabamsiisuuf tarkaanfiin qindaa’aan iddoowwan murnichi ittisocho’aa ture hundatti fudhatamaa jira. Waamicha nagaa hordofee miseensota murnichaa harka kennataa jiraniifis simannaan taasifamaa jira. Gandootni Shaneen keessa socho’aa ture hedduun bilisa ba’anii fuulasaanii gara misoomaatti deebifachaa jiru.

Nageenya kabachiisuuf dirqamee malee tarkaanfiin humnaa filannoo mootummaa hinturre jedhanii; ammas taanaan gandoota hundatti namootni beekaniis ta’e osoo hinbeekin murnichatti makaman akka harka kennataniif abbootiin Gadaafi jaarsoliin biyyaa sochii bal’aa taasisaa jiraachuu dubbataniiru. Bu’uuruma kanaan dargaggootni hedduun meeshaalee waraanaa guguddoo waliin harka kennachaa jiraachuu ibsaniiru.

Haa ta’u malee, qaamolee filannoo karaa nagaa lagachuun afaan qawweetiin fedhii qaban raawwatachuuf tajaajila hawaasaa ugguruu, daandii kutuu, hawaasa saamuufi dararuurratti bobba’anirratti qindoomina qaamolee naannichaafi federaalaatiin tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu himanii; kanaanis ajajoota waraanaa dabalatee loltoonni murnichaa booji’amuufi harka kennachuuf dirqamuu hubachiisaniiru.

Gandoota godinaalee Wallaggaa naanna’uun miidhaa murni kun ummatarraan gahe ibsuuf kan namatti ulfaatu ta’uus himanii; kan lubbuu dhabe, qaamaa hir’ate, jiraatti gubateefi fayyaatti awwaalame lakkoofsa hinqabu jechuun ibsaniiru.

Namoota gurri, harki, arrabniifi qaamni saalaasaanii murame ijaan arguu caalaa wanti nama gaddisiisu akka hinjirres ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, bunni, tuullaan midhaanii, konkolaataan namoota dhuunfaa hedduun hojii ala ta’aniiru. Buufataaleen fayyaa, qorichoota garagaraa, galmeen wal’aanamtootaa, hospitaalotniifi ambulaansiiwwan hedduun gubataniiru. Konkolaatonni mootummaa 900 ol ta’an tajaajilaa ala ta’aniiru. Waliigalaan gochi Shaneen gandoota garagaraa keessatti raawwate ummata gadadoofi dararama hamaa keessa tursuuf kan kaayyeffateedha malee aantummaa tokkollee hinqabu.

Ummata karaa tokkoonis ta’e karaa biraan aantiisaa dhabeefi Shaneedhaan miidhame hanga jireenyasaa idileetti deebi’utti deeggarsi yeroo mootummaa naannoofi federaalaan taasifamaa jiraachuu eeranii; ummatnis miidhaa irra ga’een Shanee hadheeffatee balaaleffachuu cinaatti mootummaa maddii dhaabatee faccisaa jiraachuu dubbataniiru.

Tumsa ummataafi tarkaanfii cimaa fudhatamaa jiruun waa’een Shanee yeroo gabaabaa keessatti seenaa qofa akka ta’u abdiin qaba jechuunis  ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You