Tattaaffiin Istaarti Apparootaaf haala mijataa uumuuf taasifamaa jiru abdachiisaa ta’uun ibsame

Finfinnee: Hojiin mootummaan ‘Istaarti Appotaaf’ haala mijataa uumuuf hojjechaa jiru sosochiin damichaa caalaatti akka si’atu kan taasisuufi abdachiisaadha jedhan Istaarti Apparoonni.

Agarsiisni “Istaarit Appii Itoophiyaa” Bitootessa 30 bara 2016 Finfinnee, Godahambaa Saayinsiitti bakka hoggantoonni mootummaa argamanitti banamee hanga Ebla 20 bara 2016tti hirmaataa jiran.

Agarsiisicharratti dhaabbileen Istaarti apparoonni kanneen sadarkaa tokkoffaarra jiran, sadarkaa tokkoffaa ce’aniifi gabaatti bahan, teknolojii odeeffannoo, qonna, fayyaa, barnoota, anniisaa, indaastirii, faayinaansiifi dameelee biroorratti bobba’an bu’aa kalaqaasaanii dhiyeessaniiru.

Appilikeeshiniin dijitaalaa “Farm” jedhamu qonnaan bultoota galtee qonnaafi dhiyeessitoota tajaajila makaanaayizeeshinii waliin kan walqunnamsiisuudha.

 

Dhaabbileen Istaarti Appii kalaqoota haaraa qabatanii dhufan hawaasa biraan gahuuf yeroo dheeraa ittifudhata. Akka isaan yeroo gabaabaatti hawaasa bira gahaniif hojiileen mootummaan yeroo ammaa hojjechaa jiru kun kalaqasaanii beeksisuuf kan gargaruufi caalaatti akka hojjetanii yeroo gabaabaatti hawaasa bira gahan kan isaan gargaaru ta’uu kanneen agarsiisa kanarratti hirmaatan himaniiru.

Walumaagalatti hojiin mootummaan ‘Istaarti Appotaaf’ haala mijataa uumuuf hojjechaa jiru sosochiin damichaa caalaatti akka si’atu kan taasisuudha jedhan.

Ministirri Hojiifi Ogummaa Aadde Mufaarihaat Kamiil, Ministirri Teknolojiifi Innoveeshinii Doktar Ballaxaa Mollaa, Ministirri Indastirii Malaakuu Alleebaliifi hoggantoonni hojii mootummaa biroon sirna baniinsa agarsiisichaarratti argamanii ergaa kan dabarsan yoo ta’u, hoji uumtonni haaraan sadarkaa tokkoffaa, kan sadarkaa tokkoffaarraa ce’aniifi kanneen gara gabaatti bahan damee qonnaa, infoormeeshiin teknolojii, fayyaa, barnoota, inarjii, indastiriifi faayinaansiifa’iin bobba’an hirmaataa jiraachuu TOIn gabaaseera.

 

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmadis (PhD) “Agarsiifni ‘Startup Ethiopia’ Godambaa Saayinsiitti ilaalamaa jiru hawwiin, bal’ina yaada waa uumuufi dandeettiin hirmaattotaa irratti dhiyaateera. Hundi keessan agarsiisa kana ilaaluudhaan hirmaattota waliin akka mari’attan isin affeera” jedhan.

Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You